Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 10:30

[1] Gosa Yihudaaf akka maatii maatii isaaniitti biyyi hamma daarii Edoomitti, gara mirgaatiin immoo Siin lafa onaadhaa hamma dhuma daarii gara mirgaatti jiru buufata mukaatiin in kennameef.

[2] Karaa gara mirgaa immoo daariin isaanii galaana soogiddaa fi arraba galaanaa isa gara mirgaa jiruu dha.

[3] Achiis darbee karaa Aqrabiim Siinitti darbee Qaadesh-Barne'aa irraa gara mirgaatti adeemee, gara Hezronitti darbee immoo Hadariin ga'ee gara Qarqaatti naanna'a.

[4] Gara Azmoonitti darbee immoo hamma laga Gibxiitti adeemee, galaana bira ga'ee in dhaabata; daariin isaanii karaa gara mirgaa isa kana.

[5] Karaa gara ba'a-biiftuu immoo daariin isaanii galaana soogiddaatii ka'ee, hamma Yordaanos galaanatti bu'utti in adeema; karaa gara bitaas daariin isaanii arraba galaanichaatii lafa Yordaanos galaanatti bu'u ka'ee,

[6] gara Bet-Hoglaatti ol ka'ee bitaa Bet-Arabaa irra ba'ee hamma dhagaa Bohan ilma Ruubenitti in adeema.

[7] Akkasumas dachaa Akorii hamma Debiiritti adeemee, gara bitaatiin Giilgal isa fuullee Adumiim irra gara mirga lagichaatti in jal'ata; itti fufees laga En-Shemesh irra ba'ee laga En-Rogeelitti in dhuma.

[8] Itti aanees daariin kun dachaa ijoollee Hiinom keessa ba'ee gara mirgaatiin irraan-gadee warra Yibusootaa irra (kunis Yerusaalem irra) in ba'a; achii ka'ee immoo karaa gara bitaa dhuma dachaa Refaa'iim irra ba'ee, karaa gara lixa-biiftuutiin gubbee tulluu isa fuullee Hiinom jirutti ol ba'a.

[9] Kana booddee immoo gubbee tullichaa irraa gara laga Nefto'aatti jal'atee achii immoo gara mandaroota warra tulluu Efron irra jiranii dhufee gara Baalaatti (kunis Kiriiyat-Ya'ariimitti) in jal'ata.

[10] Baalaa irraas ka'ee gara lixa-biiftuu irra marfatee, gara tulluu Se'iir in dhufa; karaa gara bitaatiinis irraan-gadee tulluu Ya'ariim irra (kunis Kesaalon irra) gara Bet-Shemesh dhaqee Tiimnaatti in ce'a.

[11] Gara bitaatiinis irraan-gadee Eqroon irra ba'ee gara Shiqeroonitti jal'ata; tulluu Baalaa bukkee darbee immoo Yaabnelin dhaqee, galaana bira ga'ee in dhuma.

[12] Karaa gara lixa-biiftuu immoo hamma daarii galaana isa guddaatti adeema; egaa daariin ijoolleen Yihudaa akka maatii maatii isaaniitti naannessanii qabatan isaan kana.

[13] Yommus Iyaasuun akkuma Waaqayyo isa abboometti biyya ijoollee Yihudaa keessaa Kiriiyat-Arbaa isa “Kebroon” jedhamu Kaaleb ilma Yofuneef qooda godhee in kenne;“Aarbaa” kun immoo abbaa warra Aanaaqotaa ti.

[14] Kaaleb Aanaaqota sadii, Sheshaayin, Ahimaanii fi Talmaayin achi keessaa in baase; isaan immoo sanyii Aanaaqotaa turan.

[15] Achiis ka'ee warra Debiiriin jiran loluu dhaqe; (Debiir dur“Kiriiyat-Sefer” jedhama).

[16] Kaaleb,“Nama mandara Sefer rukutee qabatuuf intala koo ishee“Aksaa” jedhamtu nan kenna” jedhe.

[17] Otnii'el ilmi Qenaz obboleessa Kaaleb mandaricha in qabate; Kaalebis intala isaa Aksaa itti in heerumsiise.

[18] Isheen Otnii'el bira yommuu dhufte inni abbaa ishee biraa maasii akka isheedhaaf kadhatuuf isa giddisiifte; yeroo isheen harree irraa buutes Kaaleb,“Maal feeta?” isheedhaan jedhe.

[19] Yommus isheen deebiftee,“Na eebbisi! Erga biyya gara mirgaa anaaf kennitee, burqaa bishaaniis anaaf kenni!” jette; kana irratti inni burqaa isa gara irraa fi isa gad-jallaa in kenneef.

[20] Dhaalli gosa ijoollee Yihudaa akka maatii maatii isaaniitti kanatti fufee jira;

[21] mandaroonni gosa Yihudaa karaa gara mirgaa daarii Edoomitti aananii jiran, Kabze'el, Eder, Yaagur,

[22] Qiinaa, Diimonaa, Araadaa,

[23] Qedeesh, Hazoor, Iitnaan,

[24] Ziif, Telem, Ba'aalot,

[25] Hazoor-Hadootaa, Keriyot-Hezron, (kunis “Hazoor” jechuu dha);

[26] Amaam, Shemaa, Molaadaa,

[27] Hazaar-Gadaa, Heshmon, Bet-Phaalex,

[28] Hazaar-Shu'aal, Bersheebaa, Biziyutiiyaa,

[29] Ba'aalaa, Eyim, Azem,

[30] Eltolaad, Kesil, Hormaa,

[31] Siiqlaag, Madmaanaa, Sansanaa,

[32] Lebaa'ot, Shilhim, En-Rimoon; walitti qabaan mandaroota kanaa gandeen isaanii wajjin digdamii sagal.

[33] Karaa biyya dachaa immoo Eshtaa'ol, Zoraa, Ashnaa,

[34] Zaano'a, En-Gaaniim, Taafu'aa, Enaam,

[35] Yarmuut, Adulaam, Sokoo, Azeqaa,

[36] Shaa'araayim, Adiitaayim, Gederaa, Gederotaayim, mandaroota kudha afurii fi gandeen isaaniis;

[37] Zenaan, Hadashaa, Migdaal-Gaadi,

[38] Dil'aan, Miisphaa, Yaaktii'el,

[39] Laakiish, Bozqaat, Egloon,

[40] Kaabon, Lamaam, Kiitliish,

[41] Gederot, Bet-Daagon, Na'amaa fi Maakedaa, mandaroota kudha ja'aa fi gandeen isaanii;

[42] Liibnaa, Eter, Ashaan,

[43] Yiftaa, Ashnaa, Neziib,

[44] Qeyilaa, Akziibii fi Maareshaa, mandaroota sagalii fi gandeen isaanii;

[45] Eqroon safara naannoo isaatii fi gandeen isaa wajjin;

[46] Eqroon gara lixa-biiftuu, biyyi naannoo Ashdood jiran hundinuus gandeen isaanii wajjin;

[47] Ashdood safara naannoo isaa jiranii fi gandeen isaa, Gaazaan safara naannoo isaa jiranii fi gandeen isaa wajjin hamma laga Gibxiitti, hamma daarii galaana guddaatti.

[48] Biyya gaaraatii immoo Shaamiir, Yaatiir, Sokoo,

[49] Daanaa, Kiriiyat-Sanaa isa “Debiir” jedhamu,

[50] Anaab, Eshtemo'aa, Aniim,

[51] Gooshen, Holoonii fi Giloo, mandaroota kudha tokkoo fi gandeen isaanii;

[52] Araba, Dumaa, Esh'an,

[53] Yaanum, Bet-Taafu'aa, Afeqaa,

[54] Humtaa Kiriiyat-Arbaa (isa “Kebroon” jedhamu), Zi'or, mandaroota sagalii fi gandeen isaanii;

[55] Maa'on, Qarmelos, Ziif, Yutaa,

[56] Yizre'el, Yarke'am, Zano'aa,

[57] Qaayin, Giibe'aa fi Tiimnaa, mandaroota kudhanii fi gandeen isaanii;

[58] Halhul, Bet-Zuur, Gedoor,

[59] Maaraat, Bet-Anoot, Elteqon, mandaroota ja'aa fi gandeen isaanii;

[60] Kiriiyat-Ba'aal (isa “Kiriiyat-Ya'ariim” jedhamu), Raabaa, mandaroota lamaa fi gandeen isaanii;

[61] lafa onaa keessaa immoo Bet-Araabaa, Mediin, Sekaakaa,

[62] Nibishaan, mandara soogiddaa, En-Gedii, mandaroota ja'aa fi gandeen isaanii.

[63] Ijoolleen Yihudaa Yibusoota warra Yerusaalemin jiraachaa turan achii baasuu hin dandeenye; hamma har'aatti iyyuu warri Yibusootaa ijoollee Yihudaa wajjin Yerusaalem keessa taa'u.

Macaafa Iyaasuu — Chapters