Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:25

[1] Maqaan mootota biyya warra Israa'eloonni biyya Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuutti, dachaa Aarnonii hamma tulluu Hermoonitti, guutummaa Arabaayi gara ba'a-biiftuutiin rukutanii qabatanii kanatti fufee jira;

[2] Sihoon mootiin Amoorotaa mandara Heshboon keessa jiraate; inni mandara Aro'er isa qarqara dachaa Aarnonii, dachaa sana keessa walakkaa Giil'aadii kaasee, hamma laga Yaaboq isa daarii ijoollee Amoonitti;

[3] karaa gara ba'a-biiftuu Arabaayii hamma galaana Kenerootitti; karaa Bet-Yeshiimoot immoo hamma galaana Arabaayii fi galaana soogiddaatti; karaa mirgaatiin immoo hamma tulluu Phiisgaa jalaatti mo'ee ture.

[4] Haftee warra Refaa'otaa keessaa Oog mootiin Baashaan isa mandara Ashtaarotii fi Edraayin jiraachaa ture; biyyi mootummaa isaa immoo,

[5] tulluu Hermoonii fi Saalkaan guutummaa biyya Baashaanii hamma daarii Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaatti; walakkaa Giil'aadii hamma daarii Sihoon mootii Heshboonitti ture.

[6] Yeroo Museen garbichi Waaqayyoo fi Israa'eloonni isaan rukutan, Museen garbichi Waaqayyoo immoo biyya isaanii sanyii Ruubenii fi sanyii Gaadiif, sanyii Minaasee isa walakkaa gosaatiifis kennee ture.

[7] Mootonni biyya warra Iyaasuunii fi Israa'eloonni laga Yordaanos irraa gara lixa-biiftuutti, Ba'aal-Gaadi isa dachaa Liibaanon keessa jiru jalqabee hamma tulluu Halaak isa gara Se'iiritti ol ka'utti mo'anii qabatan warra kanatti fufanii jiranii dha; Iyaasuun yommus warri Israa'el biyya isaanii akka hirmaata gosa gosa isaaniitti qabeenya isaanii akka godhataniif in kenneef.

[8] Biyyi inni isaaniif kennes, biyya gaaraa, biyya dachaa, Arabaayi, biyya irraan-gadee tullootaa, biyya lafa onaa, biyya gara mirgaa, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Kana'aanotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Hiiwotaa fi Yibusootaa ture.

[9] Mootiin Yerikoo tokko, mootiin Aayi isa Bet'el bukkee jiru tokko;

[10] mootiin Yerusaalem tokko, mootiin Kebroon tokko;

[11] mootiin Yarmuut tokko, mootiin Laakiish tokko;

[12] mootiin Egloon tokko, mootiin Gezer tokko;

[13] mootiin Debiir tokko, mootiin Geder tokko;

[14] mootiin Hormaa tokko, mootiin Araad tokko;

[15] mootiin Liibnaa tokko, mootiin Adulaam tokko;

[16] mootiin Maqedaa tokko, mootiin Bet'el tokko;

[17] mootiin Taafu'aa tokko, mootiin Hefer tokko;

[18] mootiin Afeq tokko, mootiin Lashaaron tokko;

[19] mootiin Maadon tokko, mootiin Hazoor tokko;

[20] mootiin Shimroon tokko, mootiin Meron tokko, mootiin Akshaaf tokko;

[21] mootiin Ta'anaa tokko, mootiin Megidoo tokko;

[22] mootiin Qedeesh tokko, mootiin Yoqnaam isa tulluu Qarmelos jalaa tokko;

[23] mootiin Door inni gaara Door gubbaa tokko, mootiin saba Galiilaa tokko;

[24] mootiin Tiirzaa tokko; walumatti mootota soddomii tokko turan.

Macaafa Iyaasuu — Chapters