[1] Yommus guutummaan waldaa Israa'el Shiilootti walitti qabamanii dunkaana wal ga'ii waldaa achi in dhaaban; biyyichis isaanitti in bule.
[2] Israa'eloota keessaa garuu gosi torba amma iyyuu lafa dhaala isaanii hin arganne.
[3] Iyaasuun kana irratti Israa'elootaan,“Biyya isa Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii isiniif kenne kanatti lixxanii qabachuu dhiiftanii hamma yoomiitti eegdu”
[4] Ammas gosa hundumaa keessaa nama sadii sadii fo'aa! Ani immoo isaan dhaqanii biyyicha keessa deddeebi'anii ilaalanii maal akka inni fakkaatus caaffataan qopheessanii, hammam akka wal ga'us deebi'anii akka anatti himaniif nan erga.
[5] Isaan biyyicha iddoo torbatti gargar haa hiran! Warri Yihudaa biyya isaanii isa gara mirgaa keessatti haa hafan! Warri Yoseef immoo biyya isaanii isa gara bitaa keessatti haa hafan!
[6] Biyyichi maal akka fakkaatu caaffataan kaasanii iddoo torbatti qopheessanii as anaaf haa fidan! Ani immoo as fuula Waaqayyo gooftaa keenyaa duratti muka isiniif nan buusa.
[7] Garuu warri Lewwootaa dhaalli isaanii lubummaa isa kan Waaqayyoo waan ta'eef, isaan isin gidduudhaa qooda hin argatan; Gaadi, Ruubenii fi walakkaan gosa Minaasee dhaala isaanii duraan dursanii biyya Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu jiru keessaa argataniiru; isa kanas Musee garbicha Waaqayyootu isaaniif kenne” jedhe!
[8] Jarreen ergasii ka'anii in adeeman; Iyaasuun immoo jarreen warra waa'ee biyyichaa caaffataan kaasanii qopheessuu dhaqaniin,“Dhaqaatii biyyicha keessa deddeebi'aa ilaalaatii maal akka inni fakkaatu caaffataan kaasaa qopheessaa gara kootti deebi'aa, ani immoo laficha fuula Waaqayyoo duratti as Shiilootti muka buusee isiniif nan hira” jedhe.
[9] Yommus jarreen dhaqanii biyyicha keessa adeemanii, maal akka inni fakkaatus akka mandara mandara isaatti iddoo torbatti hiranii macaafa maramu irratti kaasanii Shiilootti Iyaasuu biratti in deebi'an.
[10] Iyaasuun achi Shiilootti fuula Waaqayyoo duratti Israa'elootaaf muka buusee akka hirmaata gosa gosa isaaniitti lafa in hireef.
[11] Mukti inni duraa akka maatii maatii isaaniitti gosa ijoollee Benyaamiiniif ba'e; daariin qooda isaaniis sanyii Yihudaa fi sanyii Yoseef gidduu in ta'e.
[12] Karaa gara bitaa daariin isaanii Yordaanosii ka'ee, gara bitaa irraan-gadee Yerikoo irra gad bu'ee gara lixa-biiftuutiin biyya gaaraatti ol ba'ee, lafa onaa isa kan Bet-Aweenitti in dhuma.
[13] Achii ka'ee immoo karaa gara mirgaa irraan-gadee Luz isa “Bet'el” jedhame irra ba'ee gara Ataarot-Adaar gad bu'ee karaa gara mirgaa gaara Bet-Horoon isa gad-jallaatti gad bu'a.
[14] Achii immoo karaa lixa-biiftuutiin gaara isa fuullee Bet-Horooniin gara mirgaatti jal'atee Kiriiyat-Ba'aal ga'ee in dhuma; (“Kiriiyat-Ba'aal” isuma “Kiriiyat-Ya'ariim” jedhamuu dha); mandarri kun kan gosa Yihudaa ti; karaa lixa-biiftuutiin daarichi isa kana.
[15] Karaa gara mirgaa Kiriiyat-Ya'ariim duubaa jalqabee gara lixa-biiftuutti adeemee, burqaa Nefto'aa ga'ee dhuma.
[16] Daarichi gaara isa fuullee dachaa Ben-Henoom dachaa Refaa'otaatii gara bitaa jirutti gad bu'ee, achii ka'ee immoo karaa gara mirgaatiin irraan-gadee mandara warra Yibusootaa irra ba'ee gara dachaa Hiinomitti gad bu'ee hamma En-Rogeelitti in adeema;
[17] gara bitaatti jal'atee immoo En-Shemesh ga'ee, itti fufees gara Geliilot isa fuullee Abdumiim irra ba'ee gara dhagaa Bohan ilma Ruubenitti gad in bu'a.
[18] Gara bitaatiin immoo irraan-gadee Bet-Arabaa irra gara Arabaayitti gad bu'ee,
[19] achii ka'ee immoo karaa gara bitaatiin irraan-gadee Bet-Hoglaa irra ba'ee, gara mirgaatiin karaa walitti-bu'a Yordaanos gara bitaa arraba lafaa isa kan galaana soogiddaatti bu'a; daariin gara mirgaa isa kana.
[20] Karaa gara ba'a-biiftuu immoo daariin isaa Yordaanos; daariin gosa Benyaamiiniif akka maatii maatii isaaniitti karaa hundumaa kenname kanatti fufee jira.
[21] Gosi Benyaamiin akka maatii maatii isaatti mandaroota kanatti fufanii jiran argate; Yerikoo, Bet-Hoglaa, Emek-Keziiz,
[22] Bet-Arabaa, Zemaaraayim, Bet'el,
[23] Awiim, Faaraa, Ofraa,
[24] Kefaar-Amoonii, Ofnii, Gebaa, mandaroota kudha lamaa fi gandeen isaanii;
[25] Giibe'on, Raamaa, Be'erot,
[26] Miisphaa, Kefiiraa, Mozaa,
[27] Reqem, Irphii'el, Taraalaa,
[28] Zelaa, Eeleef, mandara warra Yibusootaa, (innis “Yerusaalem?), Giibe'aa, Kiriiyat, mandaroota kudha afurii fi gandeen isaaniis; isaan kun dhaala gosa Benyaamiiniif akka maatii maatii isaaniitti kennamanii dha.