Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:05

[1] Biyyi inni Ele'azaar lubichi, Iyaasuun ilmi Nunii fi warri dura-buutuun gosoota Israa'elootaa, biyya Kana'aan keessaa Israa'elootaaf dhaala godhanii hiran kanatti fufee jira;

[2] dhaala sanas akka Waaqayyo Musee abboometti, gosoota sagalii fi walakkaa gosaaf muka buusanii in hiran.

[3] Museen gosa lamaanii fi isa walakkaadhaafis Yordaanos gamaan karaa ba'a-biiftuu dhaala kenneefii ture; garuu sanyii Lewwiitiif warra sana gidduudhaa dhaala hin kennineef.

[4] Ilmaan Yoseef, Minaasee fi Efreem gosa lama ta'an; sanyiin Lewwii garuu mandaroota keessa jiraatanii fi iddoo horii isaanii dheechifatan duwwaa qabeenya isaanii godhatan malee, biyyasii dhaala hin arganne.

[5] Israa'eloonni akkuma Waaqayyo Musee abboometti laficha in hiran.

[6] Ergasii gosa Yihudaa keessaa namoonni Giilgalitti Iyaasuu bira in dhufan; isaan keessaa Kaaleb ilmi Yofunee inni Qenazichi Iyaasuutti in dubbate; inni,“Dubbii Waaqayyo Qaadesh-Barne'aatti waa'ee kootii fi waa'ee kee Musee nama Waaqayyootti dubbate ati in beekta.

[7] Yeroo Museen garbichi Waaqayyoo, Qaadesh-Barne'aadhaa dhaqee akka ani biyyicha gaaduuf na erge, ani nama waggaa afurtamaan ture; ani deebi'een wantan yaadatti qabadhe isatti hime.

[8] Obboloonni koo warri anaa wajjin achi dhaqan illee garaa namootaa in sodaachisan; ani garuu raawwadheen Waaqayyo gooftaa koo duukaa bu'e.

[9] Museen yeroo sana kakatee,“Ati guutummaatti Waaqayyo gooftaa koo duukaa waan buuteef, biyyi ati miilla keetiin irra ejjettu siif, ijoollee keetiifis bara baraan dhaala in ta'a” jedheera.

[10] Amma kunoo Waaqayyo akkuma waggaa afurtamii shan dura namoonni Israa'el lafa onaa keessa adeemaa utuu jiranii Museetti dubbatee ture, jireenyatti na eegeera; kunoo ani har'a nama waggaa saddeettamii shanii ta'eera.

[11] Ani amma iyyuu akkuma gaafa Museen na erge sanaa cimaa dha, ciminatti, lolatti, gad ba'ee ol galuuttis akkuman dur ture sana.

[12] Egaa biyya gaaraa isa Waaqayyo na abdachiise sana anaaf kenni! Warri Aanaaqotaa achi akka jiran mandaroonni isaaniis dallaa cimaa akka qaban ati iyyuu gaafas dhageesseetta; garuu Waaqayyo yoo ana gargaare ani akkuma inni jedhe achii isaan nan baasa” jedhe.

[13] Ergasii Iyaasuun, Kaaleb ilma Yofunee eebbisee Kebroonin dhaala godhee in kenneef.

[14] Kaaleb ilmi Yofunee inni Qenazichi guutummaatti Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'el duukaa waan bu'eef, Kebroon hamma har'aatti iyyuu kan isaa ta'ee hafe.

[15] Maqaan Kebroon dur“Kiriiyat-Arbaa” jedhama ture;“Arbaa” kan jedhamu kun immoo namoota warra Aanaaqota keessaa nama guddaa ture. Kana booddee biyyichi lolattii in boqote.

Macaafa Iyaasuu — Chapters