[1] Gosa Minaasee ilma Yoseef keessaa isa angafa, isa “Maakiir abbaa Giil'aad” jedhamuuf qoodni kennamuudhaaf mukti in buufameef; Maakiir kun lolatti jabaa waan tureef, biyya Giil'aadii fi Baashaaniin in argate.
[2] Qoodni kun ijoollee dhiiraa Minaasee warra kaan, ilmaan Abii'ezer, ilmaan Helek, ilmaan Asrii'el, ilmaan Sheekem, ilmaan Hefer, ilmaan Shemedaafis buufata mukaatiin in kennameef; isaan kun akka maatii maatii isaaniitti ijoollee Minaasee ilma Yoseef warra dhiiraa ti.
[3] Zelofehaad Hefer Giil'aad Maakiir Minaasee garuu ijoollee durbaa malee, ijoollee dhiiraa hin qabu ture; maqaan isaaniis Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa ture.
[4] Isaan gara Ele'azaar lubichaa, gara Iyaasuu ilma Nunii fi gara angafootaa dhufanii,“Museen obboloota keenya gidduudhaa dhaala akka nu kennuuf Waaqayyo isa abboomeera” jedhan; kanaaf Iyaasuun akka Waaqayyo abboometti obboloota abbaa isaanii gidduudhaa dhaala isaaniif in kenne;
[5] biyya Baashaanii fi Giil'aad warra Yordaanos gamaa sana malee, Minaaseen qooda kudhan argate.
[6] Kunis immoo gosi Minaasee warri durbaas obboloota isaanii gidduudhaa dhaala waan argataniif ta'e; biyya Giil'aad garuu gosa Minaasee warra kaantu fudhate.
[7] Daariin Minaasee Asheerii ka'ee Mikmaataat isa Sheekem irraa gara ba'a-biiftuu jiru bira ga'a; achii ka'ee immoo gara mirgaatti adeemee biyya warri En-Taafu'aa keessa jiraatan in dabalata.
[8] Biyyi Taafu'aa kan Minaasee ta'e, mandarri Taafu'aa inni karaa daarii Minaasee jiru garuu kan ijoollee Efreem ta'e.
[9] Ammas daarichi gara mirgaatiin gara laga Qaanaatti gad in bu'a; mandaroonni Efreem kun mandaroota Minaasee gidduu jiru; karaa tokko immoo daariin Minaasee lagichattii gara bitaa irra ba'ee galaana bira ga'ee dhuma.
[10] Lafichi karaa gara mirgaa kan Efreem, karaa gara bitaa immoo kan Minaasee ti; daariin Minaasee hamma galaanaatti adeemee karaa gara bitaa daarii Asheeritti dhuma; karaa ba'a-biiftuu immoo daarii Yisaakor ga'ee dhuma.
[11] Biyya Yisaakorii fi Asheer keessaas Bet-Shaanii fi gandeen isaa, Yible'aamii fi gandeen isaa, warri mandara Doorii fi gandeen isaa keessa jiraatan, Endoorii fi gandeen isaa, warri Ta'anaa fi Megidoo jiraatanii fi gandeen naannoo isaanii jiran hundinuu kan Minaasee ti; isaanis biyya sadii.
[12] Warri Kana'aanotaa garuu biyya sana keessa taa'uudhaaf kutatanii waan ka'aniif, ijoolleen Minaasee mandaroota sana qabachuu hin dandeenye.
[13] Israa'eloonni garuu erga jabaatanii booddee warri Kana'aanotaa giddisiifamanii hojii humnaa akka isaaniif hojjetan godhan malee, raawwatanii biyya sanaa isaan hin baafne.
[14] Ijoolleen Yoseefis yommus Iyaasuudhaan,“Maaliif nuuf mukti tokkichi duwwaan buufame” Nu'oo baay'ee dhaa Waaqayyos guddaa nu eebbiseera, maaliifis qoodni tokkichi duwwaan nuuf kenname?” jedhan.
[15] Kana irratti Iyaasuun,“Isin baay'ee yoo taatan, biyyi gaaraa inni kan Efreemis yoo isinitti dhiphateef, gara biyya Pheriizotaa fi Refaa'otaa dhaqaatii caakkaa isaa ciraa lafa baafadhaa!” jedhee isaaniif in deebise.
[16] Ijoolleen Yoseef immoo deebisanii,“Biyyi gaaraa sun nu hin ga'u; Kana'aanonni warri lafa diriiraa irra jiraatan hundinuu konkolaataa sibiilaa qabu, warri Bet-Shaan jiraatan, warri ollaa isaaniis warri dachaa Yizre'el jiraatanis akkasuma qabu” jedhan.
[17] Ammas Iyaasuun namoota Yoseef, namoota Efreemii fi namoota Minaaseetiin,“Isin baay'ee dha, jajjaboo dhas; qoodni tokko duwwaan isin hin ga'u;
[18] kanaaf biyyi gaaraa inni caakkaa qabus kan keessan haa ta'u! Inni caakkaa waan ta'eef, caakkaa isaa ciraatii hamma dhuma daarii isaatti fudhadhaa! Warri Kana'aanotaa konkolaataa sibiilaa yoo qabaatan iyyuu, jaboo yoo ta'anis achii isaan in ariitu” jedhe.