[1] Daariin biyya ijoollee Yoseef, Yordaanosii ka'ee, karaa gara ba'a-biiftuu burqaa Yerikoo keessa ba'ee, karaa lafa onaa hamma biyya gaaraa isa kan Bet'elitti in adeema;
[2] Bet'elii ka'ee immoo Luziin dhaqee karaa daarii warra Arkaawotaa darbee, hamma biyya Ataarotitti in adeema.
[3] Itti fufees gara lixa-biiftuutti goree, karaa daarii biyya warra Yaaflexootaa gara daarii Bet-Horoon isa gara gadii dhaqee, Gezeritti darbee galaana bira ga'ee in dhuma.
[4] Ijoolleen Yoseef, Efreemii fi Minaaseen dhaala in fudhatan.
[5] Biyyi sanyiin Efreem akka maatii maatii isaaniitti argatan kanatti fufee jira; biyyi dhaala isaanii karaa gara ba'a-biiftuu Ataarot-Adaarii hamma Bet-Horoon isa gara irraatti adeemee,
[6] galaana bira in ga'a; karaa gara bitaas Mikmaataat ga'ee gara ba'a-biiftuutti jal'atee gara Taanaat-Shiiloo dhufee, achi irras darbee karaa gara ba'a-biiftuutti Yaano'aa in dhufa.
[7] Yaano'aadhaa ka'ee gara Ataarotii fi Na'aaratitti darbee Yerikoo bira ga'ee Yordaanositti in dhuma.
[8] Taafu'aadhaa ka'ee immoo karaa gara lixa-biiftuu gara laga Qaanaa dhufee, hamma galaanaatti adeemee in dhuma; dhaalli sanyiin Efreem akka maatii maatii isaaniitti argatan isa kana.
[9] Kunis mandarootaa fi gandeen warra biyya gosa Minaasee keessaa gosa Efreemiif kophaatti baafamanii kennaman hundumaa dabalatee ti.
[10] Yommus jarri warra Kana'aanotaa warra Gezeriin jiran achii hin ariine; warri Kana'aanotaa hamma har'aatti iyyuu isaanuma gidduu jiraatanii giddisiifamanii hojii humnaa isaaniif hojjechaa jiru.