[1] Yommus dura-buutonni maatii gosa Lewwii gara Ele'azaar lubichaa, gara Iyaasuu ilma Nunii fi gara dura-buutota maatii gosoota Israa'el warra kaanii dhufanii,
[2] Kana'aan keessaa mandara Shiilootti,“Mandaroonni keessa teenyuu fi iddoon horii keenya tikfannu akka nuuf kennamuuf Waaqayyo, Musee abboomee ture” jedhaniin.
[3] Kana irratti ijoolleen Israa'el akkuma Waaqayyo abboometti dhaala isaanii keessaa gosa Lewwiitiif mandarootaa fi iddoo horii tikfatan warra kanatti fufanii jiran in kennaniif.
[4] Yeroo sanatti mukti buufame maatii warra Qehaatotaatiif ba'e; gosa Lewwii keessaa ilmaan Aaron isa lubichaa akka maatii maatii isaaniitti mandaroota kudha sadii gosa Yihudaa, gosa Shimi'oonii fi gosa Benyaamiin keessaa argatan.
[5] Sanyiin Qehaatotaa warri hafanis gosa Efreem keessaa, gosa Daan keessaa, Minaasee isa walakkaa gosaa keessaas mandaroota kudhan argatan.
[6] Ilmaan Gershoon immoo maatii gosa Yisaakor keessaa, gosa Asheer keessaa, gosa Niftaalem keessaa, Minaasee isa walakkaa gosaa keessaa biyya Baashaanii mandaroota kudha sadii argatan.
[7] Ilmaan Meraariis akka maatii maatii isaaniitti gosa Ruuben keessaa, gosa Gaadi keessaa, gosa Zebuloon keessaas mandaroota kudha lama argatan.
[8] Israa'eloonni akkasitti Waaqayyo akkuma Musee abboomee turetti, muka buusanii mandaroota kanaa fi iddoo horii tikfatan gosa Lewwiitiif in hiran.
[9] Biyya gosa Yihudaa fi gosa Shimi'oon keessaa immoo mandaroota warra maqaan isaanii kanatti fufee dha'amu kennaniif;
[10] isaan kun, sababii dura buufanni mukaa isaaniif ba'eef, sanyii Aaron warra Qehaatota maatii warra Lewwootaatiif in kennaman.
[11] Isaanis Kiriiyat-Arbaa isa “Kebroon” jedhamu, lafa tikaa naannoo isaa jiru, biyya gaaraa isa kan Yihudaas in argatan; (“Arbaa” kun immoo “Abbaa Aanaaqotaa” ture).
[12] Garuu lafa mandarattii sanaa fi gandeen ishee immoo Kaaleb ilma Yofuneef dhuunfaa godhanii in kennan.
[13] Egaa ilmaan Aaron lubichaatiif mandara Kebroon, mandara namni yoo nama ajjeese kooluu itti galu, Liibnaa lafa tikaa ishee wajjin,
[14] Yaatiirin lafa tikaa ishee wajjin, Eshtemo'aa lafa tikaa ishee wajjin,
[15] Holoonin lafa tikaa ishee wajjin, Debiirin lafa tikaa ishee wajjin,
[16] Ay'eeniin lafa tikaa ishee wajjin, Yutaahaa fi Bet-Shemeshin lafa tikaa isaanii wajjin, gosa lamaan kana keessaa mandaroota sagal isaaniif in kennan.
[17] Biyya gosa Benyaamiin keessaa immoo Giibe'onin lafa tikaa ishee wajjin, Gebaasin lafa tikaa ishee wajjin,
[18] Anaatotin lafa tikaa ishee wajjin, Almoonin lafa tikaa ishee wajjin, mandaroota afur isaaniif in kennan.
[19] Mandaroonni lafa tikaa isaanii wajjin ilmaan Aaron lubichaaf kennaman walumatti kudha sadii turan.
[20] Qehaatonni maatiin warra Lewwootaa warri hafan immoo biyya Efreem keessaa mandaroota kanatti fufanii jiran buufata mukaatiin argatan.
[21] Biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa Sheekem mandara namni yoo nama ajjeese kooluu itti galu lafa tikaa ishee wajjin, Gezerinis lafa tikaa ishee wajjin,
[22] Kibzaayimiin lafa tikaa ishee wajjin, Bet-Horoonin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur isaaniif in kennan.
[23] Biyya gosa Daan keessaa immoo Elteqee lafa tikaa ishee wajjin, Giibetoon lafa tikaa ishee wajjin,
[24] Ayalonin lafa tikaa ishee wajjin, Gaat-Rimoonin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.
[25] Biyya Minaasee isa walakkaa gosaa keessaa immoo Ta'anaa lafa tikaa ishee wajjin, Gaat-Rimoonin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota lama argatan.
[26] Mandaroonni kurnan kunii fi lafti tikaa isaanii hundinuu maatii Qehaatotaa warra hafaniif in kennaman.
[27] Ilmaan Gershoon maatiin warra Lewwootaa immoo isa kanatti fufee jiru argatan; walakkaa biyya Minaasee isa walakkaa gosaa keessaa Golaan isa Baashaan keessa jiru mandara namni yoo nama ajjeese kooluu itti galu lafa tikaa ishee wajjin, Be'esh-Teraa lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota lama argatan.
[28] Biyya gosa Yisaakor keessaa immoo Qeshoonii fi Daaberaatin lafa tikaa isaanii wajjin,
[29] Yarmuutin lafa tikaa ishee wajjin, En-Gaaniimin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.
[30] Biyya gosa Asheer keessaa immoo Mishaalin lafa tikaa ishee wajjin, Abdoonin lafa tikaa ishee wajjin,
[31] Helqaatin lafa tikaa ishee wajjin, Rehoobin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.
[32] Biyya gosa Niftaalem keessaa immoo, Qedeesh isa Galiilaa keessaa mandara namni yoo nama ajjeese kooluu itti galu lafa tikaa ishee wajjin, Hamoot-Doorin lafa tikaa ishee wajjin, Qaartaan lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota sadii in argatan.
[33] Mandaroonni kudha sadii lafa tikaa isaanii wajjin ilmaan Gershooniif akka maatii maatii isaaniitti in kennaman.
[34] Maatii ilmaan Meraarii Lewwoota warra hafaniif immoo kanatti fufee kan jiru in kenname; biyya gosa Zebuloon keessaa Yaakon'anin lafa tikaa ishee wajjin, Qaartaa lafa tikaa ishee wajjin,
[35] Diimnaa lafa tikaa ishee wajjin, Naahaalalin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.
[36] Biyya gosa Ruuben keessaa immoo Bezerin lafa tikaa ishee wajjin, Yaahazaa lafa tikaa ishee wajjin,
[37] Qedemootin lafa tikaa ishee wajjin, Mefaa'aatin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.
[38] Biyya gosa Gaadi keessaa immoo Raamoot isa Giil'aadiin jiru, mandara namni yoo nama ajjeese kooluu itti galu lafa tikaa ishee wajjin, Mahanaayimin lafa tikaa ishee wajjin,
[39] Heshboonin lafa tikaa ishee wajjin, Yaazerin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.
[40] Mandaroonni ilmaan Meraarii Lewwoonni warri hafan sun akka maatii maatii isaaniitti argatan kudha lama turan.
[41] Mandaroonni warri Lewwootaa biyya Israa'eloonni qabatan keessaa argatan walumatti lafa tikaa isaanii wajjin afurtamii saddeet turan.
[42] Mandaroonni kun tokkon tokkon isaanii naannoo isaaniitii lafa tikaa qabu turan; egaa mandaroonni kun hundinuus akkasuma qabu jechuu dha.
[43] Waaqayyo akkasitti biyya isa abboota isaaniif kennuudhaaf kakateef hundumaa warra Israa'eliif in kenne; isaanis qabatanii isa keessa in jiraatan.
[44] Waaqayyo akkuma abboota isaaniif kakatee ture karaa hundumaa boqonnaa isaaniif kenne; diinota isaanii hundumaa keessaa tokko illee isaan dura dhaabachuu hin dandeenye; diinota isaanii hundumaa Waaqayyo harka isaaniitti dabarsee in kenne.
[45] Wanti gaariin Waaqayyo saba Israa'el abdachiise hundinuu in raawwatame malee, tokko illee keessaa hin hafne.