Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:52

[1] Mootonni Amoorotaa warri Yordaanos gama gara lixa-biiftuu jiran hundinuu, mootonni Kana'aanotaa warri daarii galaana guddichaa jiran hundinuus, Waaqayyo hamma Israa'eloonni Yordaanos ce'anitti bishaan Yordaanos akka gogse yommuu dhaga'an, Israa'eloota duratti onneen isaanii akka gagaa baqe, hafuuraa in citan.

[2] Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan,“Dhagaa qara qabu qopheeffadhuutii ammas Israa'eloota dhagna qabi!” jedhe.

[3] Kana irratti Iyaasuun dhagaa qara qabu qopheeffatee Gibi'aat-Haaraalotitti Israa'eloota dhagna in qabe.

[4] Namoota biyya Gibxii ba'an keessaa dhiironni warri waggaan isaanii duulaaf ga'e hundinuu, Gibxii erga ba'anii booddee lafa onaa keessatti karaatti waan du'aniif, Iyaasuun isaan kana dhagna in qabe.

[5] Namoonni warri biyya Gibxii ba'an hundinuu dhagna qabatanii turan; warri booddee lafa onaa keessatti karaatti dhalatan hundinuu garuu dhagna hin qabanne turan.

[6] Israa'eloonni waggaa afurtama lafa onaa keessa deddeebi'an; namoonni warri biyya Gibxii yommuu ba'an waggaan isaanii duulaaf ga'e hundinuu sagalee Waaqayyoof abboomamuu waan didaniif in dhuman; Waaqayyo biyya isa aannanii fi damma baasu, isa nuuf kennuudhaaf abboota isaanii abdachiise kana akka isaan hin argisiifne in kakate.

[7] Kanaaf Iyaasuun ijoollee isaanii warra isaan booddeedhaan ka'an dhagna qabee iddoo abboota isaanii isaan buuse; isaan karaa irra waan turaniif utuu dhagna hin qabatin turan.

[8] Sabni guutummaatti erga dhagna qabamee booddee, hamma fayyutti iddoo buufata isaa keessa ture.

[9] Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan,“Ani har'a arrabsoo warra Gibxii si irraa gara galcheera” jedhe; kanaaf maqaan iddoo sanaa hamma har'aatti“Giilgal” jedhamee waamame.

[10] Israa'eloonni Giilgalin buufatanii utuu jiranii ji'icha keessaa guyyaa kudha afuraffaa galgala dachaa Yerikootti Faasiikaa in ayyaaneffatan.

[11] Isaan borumtaa ayyaana Faasiikaa sana midhaan biyya sanaa keessaa maxinoo fi akaayii nyaatan.

[12] Maannaan borumtaa isaan midhaan biyya sanaa nyaatan dhaabate; Israa'eloonni waggaa sana keessa midhaan biyyi Kana'aan baasu nyaatan malee, ergasii deebi'anii maannaa hin arganne.

[13] Iyaasuun mandara Yerikootti yommuu dhi'aate, ol ilaalee nama billaa luqqifamaa harkatti qabatee isa dura ijaajju tokko argee, gara isaa dhaqee,“Ati gara keenya moo gara diinota keenyaati?” jedhee isa gaafate.

[14] Inni immoo deebisee,“Waawuu, ani amma angafa loltuu Waaqayyoo ta'een dhufe” jedhe; Iyaasuun immoo lafa ga'ee qoomma'ee sagadeefii,“Yaa gooftaa ko ana garbicha keetti maal himta?” jedhee isa gaafate.

[15] Angafni loltuu Waaqayyoo sun deebisee Iyaasuudhaan,“Iddoon ati dhaabattu kun qulqullaa'aa waan ta'eef, kophee kee miilla keettii baafadhu” jedhe; Iyaasuunis akkasuma in godhe.

Macaafa Iyaasuu — Chapters