Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 13:30

[1] Abiimelek ilmi Giidewon isa “Yiruub-Ba'aal” jedhamee, eessumman isaa fi qomoo haadha isaatii warra Sheekem keessa jiraatan hundumaa bira dhaqee,

[2] “Warra mandara Sheekem keessa jiraatan hundumaa,“Ilmaan Yiruub-Ba'aal torbaatamman akkuma jiranitti isin irratti mo'uu moo yookiis namni tokkichi duwwaan isin irratti mo'uu isiniif wayyaa?” jedhaatii gaafadhaa! Isin immoo ani dhiiga keessan foon keessan ta'uu koo yaadadhaa!” jedheen.

[3] Yommus eessumman isaa waa'ee Abiimelekiif dubbii kana hundumaa warra mandaricha keessa jiraatanitti in dubbatan; kana irratti warri mandara sanaa, yaadni isaanii isa duukaa jal'atee,“Inni obboleessa keenya” jedhan.

[4] Galma Ba'aal-Kakuu keessaa birrii torbaatama fuudhanii Abiimelekiif in kennan; inni immoo horii kanaan namoota gatii hin qabnee fi namoota bor na-dhibaa hin beekne bitatee of duukaa in buuse.

[5] Gara mana abbaa isaa isa mandara Ofraa keessaa dhaqee, obboloota isaa ilmaan Yiruub-Ba'aal torbaatamman kattaa tokko irratti in fixe; isaan keessaa Yotaam inni quxisuun garuu dhokatee in hafe.

[6] Ergasii warri Sheekemii fi warri Bet-Miiloo hundinuu walitti qabamanii qilxuu Sheekem keessa jiru jalatti Abiimelekin in moosifatan.

[7] Dubbii kana Yotaamitti yommuu himanitti inni roggee tulluu Geriiziimitti ol ba'ee, sagalee guddaadhaan iyyee,“Yaa warra Sheekem! Isin anaaf dhaga'aa! Yoos Waaqayyo immoo isiniif in dhaga'a.

[8] Al tokko mukkeetiin mootii moosifachuuf ba'anii, ejersaan,“Nu irratti mo'i!” jedhan.

[9] Ejersi immoo,“Mukkeetii irra adeemee isaan bulchuudhaaf, attamittan dibata koo isa waaqayyoliinii fi namoonni ittiin ulfina argatan baasuu dhiisa ree?” jedhee deebiseef.

[10] Yommus mukkeetiin sun harbuudhaan,“Kottuu ati nu irratti mo'i!” jedhan.

[11] Harbichis,“Ani mukkeetii irra adeemee isaan bulchuudhaaf attamittan ija isa miyaa'aadhaa fi isa gaarii kana godhachuu dhiisa ree?” jedheen.

[12] Amma immoo mukkeetiin sun wayniidhaan,“Kottuu ati nu irratti mo'i!” jedhan.

[13] Wayniinis,“Ani mukkeetii irra adeemee isaan bulchuudhaaf attamittan ija isa daadhiin isaa waaqayyolii fi namoota gammachiisu kana kennuu dhiisa ree?” isaaniin jedhe.

[14] Yommus mukkeetiin hundinuu laaftoodhaan,“Kottuu ati nu irratti mo'i!” jedhan.

[15] Laaftoonis,“Dhugumaan dibdanii of irratti na moosiftu yoo taataniif, kottaatii gaaddisa koo jalatti kooluu galaa! Akkana yoo ta'uu dhabaate garuu ibiddi qoraattii koo keessaa ba'ee gaatirraa Liibaanon xaph haa godhu!” jedheen.

[16] “Ammas Abiimelekin moosisuun keessan kun amanamuudhaan, garaa guutuudhaanis yoo ta'e, akkuma Yiruub-Ba'aal isiniif godhe, isinis isaaf maatii isaatiif akka ta'utti gaarii gootaniifii yoo jiraattan ba'eessa.

[17] Abbaan koo hamma lubbuu isaa gatutti isiniif lolee harka warra Miidiyaan keessaa akka isin fures yaadadhaa!

[18] Isin garuu har'a mana abbaa kootii irratti kaatanii ilmaan isaa torbaatamman kattaa tokko irratti fixxanii, Abiimelekin isa garbittii irraa dhalate obboleessa keessan waan ta'eef, warra Sheekem irratti moosiftan.

[19] Amma immoo wanta har'a Yiruub-Ba'aalii fi maatii isaatiif gootan amanamuudhaa fi garaa guutuudhaan gootan yoo ta'e, Abiimelekitti gammadaa, innis isinitti haa gammadu!

[20] Wanti isin gootan hamaadhaaf yoo ta'e garuu, Abiimelek biraa ibiddi ka'ee warra Sheekemiif warra Bet-Miiloo gubee haa fixu! Akkasumas ibiddi warra Sheekemiif warra Bet-Miiloo biraa ka'ee Abiimelekin gubee haa fixu!” jedhe.

[21] Yotaamis obboleessa isaa Abiimelek duraa baqatee sokkee iddoo “Be'er” jedhamu tokkotti galee in taa'e.

[22] Abiimelek Israa'el irratti waggaa sadii in mo'e.

[23] Kana booddee garuu Waaqayyo hafuura hamaa yaada Abiimelekii fi warra Sheekem gargar baasu isaanitti in erge; kana irratti warri Sheekem haxxummaadhaan Abiimelek irratti in ka'an.

[24] Abiimelekii fi warri Sheekem ilmaan Yiruub-Ba'aal torbaatamman irratti humnaan ka'anii, dhiiga isaanii waan dhangalaasaniif, kun isaanitti dhufe; kanaanis hojiin inni hamaan mataa Abiimelek obboleessa isaanii isa isaan fixee fi mataa warra Sheekem warra ajjeechaa sana keessatti isa gargaaranitti in deebi'e.

[25] Kanaaf warri Sheekem Abiimelekitti dubbii kaasuudhaaf namoota roggee tulluu irra riphanii eeggatan in kaa'an; namoonni sunis warra karaa sana irra darban hundumaa in saamu turan; kana gochuun isaanii Abiimelekitti in himame.

[26] Yommus namichi“Ga'aal” jedhamu ilmi Ebeed tokko obboloota isaa wajjin dhufee, Sheekemitti in gale; warri Sheekemis isa in amanan.

[27] Isaanis gara iddoo dhaabaa waynii isaaniitti ba'anii ija waynii ciranii cuumfanii in ayyaaneffatan; galma waaqayyolii isaaniitti ol galanii, nyaatanii dhuganii Abiimelekin in salphisan.

[28] Kana gidduutti Ga'aal ilmi Ebeed,“Abiimelek eenyu” Nuyi warri Sheekem warri isaaf hojjennu moo eenyufa'i” Inni ilma Yiruub-Ba'aal; Zebul immoo isaa gaditti ajaja mitii ree” Isin egaa warra namoota sanyii Hamoor abbaa Sheekem keessaa ka'aniif hojjedhaa malee, nuyi maaliif Abiimelekiif hojjenna ree”

[29] Sabni kun utuu anaaf in abboomama ta'ee, Abiimelekiin,“Loltoota hamma qabdu fudhadhuutii lolaaf ba'i!” jedhee, teessoo isaa irraa isa nan buusan ture” jedhe.

[30] Zebul inni mandaricha bulchu wanta Ga'aal ilmi Ebeed jedhe yommuu dhaga'e aaree in boba'e.

[31] Abiimelekittis malaan namoota ergee,“Kunoo Ga'aal ilmi Ebeed obboloota isaa wajjin gara mandara Sheekem dhufee, namoota mandarichaa si irratti kaasaa jira;

[32] ati garuu namoota keetii wajjin halkaniin ka'ii, qotiisa keessa riphii eeggadhu!

[33] Bor ganama yeroo boruun baqaqutti ka'ii mandaricha irratti goobani! Ga'aalii fi namoonni isaa wajjin jiran gara keetti yommuu gad ba'an, akkuma argattetti akka beektu isaan godhi!” jedheen.

[34] Abiimelekii fi namoonni isaa wajjin turan hundinuu halkaniin ka'anii, iddoo afuritti hiramanii mandara Sheekem duubaan in riphan.

[35] Ga'aal ilmi Ebeed immoo ba'ee karra mandarichaa keessa yeroo dhaabatetti, Abiimelekii fi namoonni isaa wajjin jiran, iddoo riphanii turanii itti in ba'an.

[36] Ga'aal namoota sana yommuu argee, Zebuliin,“Kunoo, namoonni roggee tulluu irraa gad bu'aa jiru!” jedhe; Zebul immoo deebisee,“Gaadidduu tulluu irraa sitti mul'atutu namoota sitti fakkaate!” jedheen.

[37] Itti dabalees Ga'aal,“Kunoo namoonni tulluu isa handhuura lafaa sana irraa gad bu'aa jiru; kutanni tokko immoo karaa qilxuu warra ayyaana hedanii dhufaa jiru” jedheen.

[38] Zebulis,“Afaan-bal'inni kee inni ati“Abiimelek eenyu inni” Nuyis maaliif isaaf hojjenna?” jette, eessa ga'e ree” Namoonni ati tuffattes isaanuma kana mitii ree” Ammas ba'iitii isaan loli!” jedheen.

[39] Yeroo sanatti Ga'aal warra Sheekem dura bu'ee Abiimelekin in lole.

[40] Abiimelek garuu Ga'aalin in ari'e; innis fuula isaa duraa in baqate; namoonni Ga'aal immoo hamma karra mandarichaa bira ga'anitti iyyuu baay'een isaanii madaa'anii in kukkufan.

[41] Abiimelek iddoo “Arumaa” jedhamutti in deebi'e; Zebul garuu Ga'aalii fi obboloonni Ga'aal Sheekem keessa akka hin jiraannetti ari'ee isaan in baase.

[42] Borumtaas warri Sheekem gara maasii isaanii dhaquudhaaf akka jiran namoonni tokko Abiimelekitti in himan.

[43] Innis namoota isaa fudhatee kutata sadiitti hiree, maasii keessa riphee isaan eeggate; jarri mandaricha keessaa ba'uu isaanii yommuu arge, achii ka'ee isaan in rukute.

[44] Abiimelek kutata isa bira turee wajjin itti fiigee karra kellaa mandarichaa dura in dhaabate; kutanni warri kaan lamaan immoo namoota maasii keessa jiran hundumaatti fiiganii in ajjeesan.

[45] Abiimelek guyyaa sana guutuu lolee mandaricha in qabate; warra isa keessa turan ajjeesee, mandarichas diigee, isa barbadeessuudhaaf soogidda irra in firfirse.

[46] Warri riqaa gurguddaa Sheekem keessa jiraatan hundinuu kana dhaga'anii, iddoo baqaa isa galma Waaqayyo isaanii Ba'aal-Kakuu jalaa keessa in lixan.

[47] Abiimelekis warri riqaa gurguddaa Sheekem keessa jiraatan hundinuu achitti walitti qabamuu isaanii in dhaga'e.

[48] Namoota isaa hundumaa fudhatee gara tulluu Zaalmonitti ol ba'ee, qottoo tokko fudhatee damee mukaa ittiin muree gatiittii isaa irra in kaa'ate; namoota isaa wajjin turaniin,“Wanta ani gochuu koo argitan, isinis dafaatii akkasuma godhaa!” jedhe.

[49] Namoonni isaas adduma addaan damee mukaa tokko tokko muranii Abiimelek duukaa dhaqanii, damoota sana naannessanii iddoo baqaa sanatti tuulanii, namoota achi keessa jiran irratti ibidda in qabsiisan; kana keessatti namoonni riqaa gurguddaa Sheekem keessa turan, dhiironnii fi dubartoonni kumni tokko in dhuman.

[50] Kana booddee Abiimelek dhaqee, mandara Tebezitti marsee in qabate.

[51] Haa ta'u iyyuu malee, mandara sana keessa riqaan guddaan jabaan tokko waan tureef, warri mandara sanaa dhiironnii fi dubartoonni hundinuu gara isaatti baqatanii, balbala isaas karaa keessaa cufatanii gara bantii riqaa sanaatti ol in ba'an.

[52] Abiimelek utuu loluu riqaa sana bira ga'ee, balbala isaa ibiddaan gubuudhaaf itti in dhi'aate.

[53] Yommus dubartiin tokko majii dhagaa mataa Abiimelek irratti gad darbattee lafee mataa isaatii in cabsite.

[54] Abiimelek immoo dafee dargaggeessa isa mi'a lolaa baatuuf waamee,“Namoonni ‘Dubartiitu isa ajjeese’ akka anaan hin jennetti, ati billaa keetiin na ajjeesi!” jedheen; akkasitti dargaggeessichi billaa isa keessa in baase; kana irratti Abiimelek in du'e.

[55] Namoonni Israa'elis Abiimelek akka du'e yommuu argan gara lafa lafa dhufaniitti in deebi'an.

[56] Waaqayyo akka kanatti yakka Abiimelek isa inni obboloota isaa torbaatamman ajjeesuu isaatiin abbaa isaa yakkee ture sana mataa isaatti in deebise.

[57] Wanta hamaa warri Sheekem hojjetan hundumaas Waaqayyo mataa isaaniitti in deebise; abaarsi Yotaam ilma Yiruub-Ba'aal immoo isaan irra in ga'e.

Macaafa Abboota Firdii — Chapters