Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 11:38

[1] Yommus sabni Israa'el hundinuu kutaa biyya Daan isa gara bitaatii hamma Bersheebaatti akkasumas biyya Giil'aad isa gara ba'a-biiftuutii ba'anii, waldaan guutuun yaada tokkichaan Miisphaatti Waaqayyo duratti walitti in qabaman.

[2] Gurguddoonni gosoota Israa'el hundinuus wal-ga'ii saba Waaqayyoo, lafoo kumaatama dhibba arfan billaa hidhatanii lolaaf ba'an sana gidduutti in argaman.

[3] Yommus warri Benyaamiin gosoonni Israa'el warri kaan Miisphaatti akka ol ba'an in dhaga'an; namoonni Israa'elis,“Wanti hamaan kun attamitti akka raawwatame nutti himaa!” waliin jedhan.

[4] Kana irratti namichi Lewwii, abbaan manaa dubartii ajjeefamte sanaa deebisee,“Anii fi saajjatoon koo biyya isa kan Benyaamiin keessa Giibe'aa buluudhaaf dhufne.

[5] Halkan sanatti namoonni Giibe'aa ana irratti ka'anii, mana ani keessa turetti marsanii na ajjeesuu barbaadan; saajjatoo kootti gar malee in taphatan, isheenis kana irratti in duute.

[6] Isaan koratanii wanta yeellaasisaa akkasii Israa'el keessatti waan hojjetaniif, ani reeffa saajjatoo kootii fuudhee kukkutee biyya Israa'eloonni dhaala godhatanii keessa jiraatan hundumaatti nan erge.

[7] Egaa yaa namoota Israa'el, hundumti keessan irratti dudubbadhaatii waan gochuun ta'u mari'adhaa!” jedhe.

[8] Namoonni sun hundinuu immoo yaada tokkichaan,“Nu keessaa namni tokko illee gara dunkaana isaatti yookiis gara mana isaatti hin deebi'in!

[9] Amma muka buufannee Giibe'aa irratti kaanee, itti in duulla.

[10] Gosoota Israa'el hundumaa keessaa loltootaaf galaa kan fidan namoota dhibba keessaa kudhan, kuma tokko keessaa dhibba tokko, kuma kudhan keessaa kuma tokko in qopheessina; loltoonni immoo gara Giibe'aa isa kan Benyaamiin yommuu dhaqan, wanta yeellaasisaa namoonni Giibe'aa Israa'el keessatti hojjetaniif adaba argachuun isaaniif ta'u isaan irratti haa raawwatan!” jedhan.

[11] Akkasitti namoonni Israa'el hundinuu yaada tokkoon mandara sana irratti ka'uudhaaf walitti in qabaman.

[12] Yommus gosoonni Israa'el warri kaan gosa Benyaamiin hundumaatti namoota erganii,“Wanti hamaan isin gidduutti ta'e kun maali”

[13] Amma namoota waan jibbisiisaa akkasii hojjetanii Giibe'aa keessa jiraatan qabaatii nutti kennaa! Nuyis isaan ajjeefnee, hojii hamaa akkasii Israa'el keessaa in balleessinaa!” jedhan; warri Benyaamiin garuu dubbii obboloota isaanii namoota Israa'el kana hin fudhanne.

[14] Kanaaf mandaroota isaanii hundumaa keessaa ba'anii namoota Israa'el loluudhaaf Giibe'aatti wal ga'an.

[15] Guyyaa sanatti warri Benyaamiin namoota dhibba torba lolaaf fo'amanii Giibe'aa keessa jiraatan malee, mandaroota isaanii keessaa loltoota billaa hidhatan kuma digdamii ja'a lolaaf in baasan.

[16] Jara kana hundumaa keessaa immoo namoonni fo'aman dhibbi torba bitaacha turan; isaan furrisaan dhagaa yoo darbatan qal'aa in kutu turan.

[17] Warri Israa'el immoo karaa isaanii loltoota billaa hidhatanii lolatti beekaman kumaatama dhibba afur lolaaf in baasan.

[18] Namoonni Israa'el Bet'elitti ol ba'anii,“Gosa Benyaamiinitti lola kaasuudhaaf nu keessaa gosi eenyuu dura haa ba'u?” jedhanii Waaqayyoon in gaafatan; Waaqayyo immoo,“Gosi Yihudaa dura haa ba'u!” jedhee deebiseef.

[19] Namoonni Israa'el borumtaa ganamaan ka'anii, fuullee mandara Giibe'aa in buufatan.

[20] Isaan gosa Benyaamiin loluudhaaf ba'anii, Giibe'aatti loltoota isaanii toora galfatanii fuullee isaanii in dhaabatan.

[21] Gaafas namoonni Benyaamiin Giibe'aadhaa ba'anii Israa'eloota kuma digdamii lama lafatti in dabalan.

[22] Namoonni warra Israa'el garuu ammas wal jajjabeessanii, dhaqanii iddoo isaanii isa gaafa jalqabaatti loltoota isaanii toora in galchan.

[23] Israa'eloonnis dhaqanii Waaqayyo duratti hamma galgalaatti boo'anii,“Ammas obboloota keenya namoota Benyaamiin loluudhaaf itti dhi'aannuu ree?” jedhanii isa in gaafatan; Waaqayyo immoo deebiseefii,“Eyyee! Ol ba'aatii isaan lolaa!” jedheen.

[24] Guyyaa lammaffaattis namoonni Israa'el warra Benyaamiin loluudhaaf gara isaaniitti in dhi'aatan.

[25] Warri Benyaamiin immoo guyyaa lammaffaa sanatti isaan rukutuudhaaf mandara Giibe'aatii ba'anii, warra Israa'el keessaa loltoota billaa hidhatan kuma kudha saddeet lafatti in dabalan.

[26] Gaafas namoonni Israa'el hundumti isaanii Bet'elitti ol ba'anii, achittis fuula Waaqayyoo dura taa'anii, hamma galgalaatti soomanii in boo'an, qalma gubamuu fi qalma araaraa Waaqayyoof dhi'eessan.

[27] Israa'eloonni Waaqayyoon in gaafatan; bara sanatti sanduuqi kakuu Waaqayyoo iddoo sana waan tureef,

[28] Fiinehaas ilmi Ele'azaar ilmi Aaron immoo isa dura dhaabatee in hojjeta ture; namoonni Israa'el gaaffii isaanii keessatti,“Obboloota keenya warra Benyaamiin loluudhaaf ammas baanu moo yookiis dhiifnu?” jedhan; Waaqayyo immoo deebisee,“Ani bor harka keessanitti isaan nan kennaatii dhaqaa!” jedhe.

[29] Yommus warri Israa'el namoota riphanii eeggatan Giibe'aatti naannessanii in kaa'an.

[30] Gaafa guyyaa sadaffaas namoonni Israa'el warra Benyaamiin rukutuudhaaf ol ba'anii, akkuma yeroo duraa lamaanii fuullee Giibe'aatti loltoota isaanii toora in galfatan.

[31] Warri Benyaamiin Israa'eloota rukutuuf mandara keessaa ba'anii hamma fagaatanitti in adeeman; akkuma yeroo duraa lamaaniis karaa gara Bet'elitti ol baasuu fi karaa gara Giibe'aatti geessu irratti rukutuu jalqabanii Israa'eloota keessaa akka namoota soddomaa bakkeetti in ajjeesan.

[32] Warri Benyaamiin yommus,“Israa'eloonni akkuma kanaan duraa fuula keenya duratti mo'amuu isaanii ti” jedhanii yaadan; warri Israa'el garuu,“Kottaa gara booddeetti deebinee mandara isaanii irraa fagaatanii gara karaatti akka ba'an isaan in goonaa!” jedhan.

[33] Yommus loltoonni Israa'el hundinuu iddoo isaaniitii ka'anii, iddoo “Ba'aal Taamaar” jedhamutti lolaaf toora in galan; warri riphanii eeggachaa turanis bakkee Gebaa lafa dhokatanii jiran sanaa in ba'an.

[34] Loltoonni kumni kudhan Israa'eloota hundumaa keessaa fo'amanii Giibe'aa rukutuudhaaf in dhufan; lolli sun jabaa waan tureef, warri Benyaamiin badiifni akka isaan irra ga'e hin hubanne.

[35] Warri Benyaamiin Israa'eloota duratti akka mo'aman Waaqayyo waan godheef, namoonni Israa'el guyyaa sanatti Benyaamiin keessaa loltoota billaa hidhatan namoota kuma digdamii shanii fi dhibba tokko in fixan.

[36] Warri Benyaamiin mo'amuu isaanii in hubatan; akki isaan itti mo'amanis kanatti aanee jira; warri Israa'el loltoota isaanii warra naannoo Giibe'aa riphanii jiran waan abdataniif, loltoota Benyaamiiniif lafa in hilan.

[37] Jarreen riphanii turan sun immoo ariitiidhaan gara Giibe'aatti fiiganii, mandaricha keessas asii fi achi adeemanii, namoota hundumaa billaadhaan in rukutan.

[38] Namoonni Israa'el warra riphanii wajjin milikkita tokko irratti waliif galanii turan; milikkitichis, warri riphanii turan mandaricha gubanii aara dukkanaa'aa guddaa isaa akka ol aarsaniif ture.

[39] Yeroo loltoonni Israa'el waraana irraa gara booddee isaanii deebi'anitti, loltoonni Benyaamiin Israa'eloota rukutuu jalqabanii, akka namoota soddomaa in ajjeesan; kana irratti,“Dhugumaan akkuma lola isa kanaan duraa keessatti ta'etti, fuula keenya duratti mo'amuu isaanii ti” jedhan.

[40] Haa ta'u iyyuu malee, aarri mandaricha keessaa akka utubaatti ol in ka'e; warri Benyaamiin immoo gara galanii, mandarichi guutummaatti gubatee aarri gara waaqaatti ol ka'uu isaa in argan.

[41] Badiifni akka isaanitti dhufe hubatanii in na'an; loltoonni Israa'el garuu isaanitti gara galan.

[42] Warri Benyaamiin immoo dugda isaanitti gatanii karaa lafa onaa in baqatan; haa ta'u iyyuu malee, loltoota Israa'el jalaa ba'uu hin dandeenye; warri mandaricha rukutanis gad itti ba'anii gidduutti isaan in fixan.

[43] Loltoonni Israa'el namoota Benyaamiin marsanii, utuu aara hin galfatin karaa gara ba'a-biiftuu hamma fuullee Giibe'aatti ari'anii isaan irra in yaa'an.

[44] Loltoota Benyaamiin warra jajjaboo kuma kudha saddeet in kukkufisan.

[45] Yommus warri hafan gara galanii gara lafa onaa gara dhagaa Rimoonitti in baqatan, loltoonni Israa'el karaatti namoota kuma shan isaan keessaa ciranii, hamma Giidomitti utuu ari'anii namoota kuma lama immoo dabalanii in rukutan.

[46] Guyyaa sanatti loltoonni Benyaamiin warri jajjaboonni billaa hidhatan kumni digdamii shan in dhuman.

[47] Namoonni dhibbi ja'a immoo of irra gara galanii gara lafa onaa gara dhagaa Rimoonitti jalaa baqatanii ji'a afuriif dhagicha keessa taa'an.

[48] Israa'eloonni gara namoota Benyaamiin warra kaaniitti deebi'anii namoota, horii, waan mandara keessatti argan hundumaas billaadhaan in rukutan; mandaroota itti dhufan hundumaas ibiddaan in guban.

Macaafa Abboota Firdii — Chapters