Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 10:20

[1] Sabni Israa'el ammoo Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan; kanaafis Waaqayyo dabarsee waggaa torbaaf harka warra Miidiyaanitti isaan kenne.

[2] Qabaan warra Miidiyaan Israa'elitti waan jabaateef, sabni Israa'el isaan duraa miliquudhaaf boolla, holqaa fi da'oo jabaa tulluu irratti in qopheeffatan.

[3] Yommuu warri Israa'el midhaan facaafatan, warri Miidiyaan, warri Amaaleqii fi warri gara ba'a-biiftuu jiraatan dhufanii biyya Israa'el in rukutu turan.

[4] Fuullee isaanii buufatanii wanta lafti isaanii baasu hamma naannoo mandara Gaazaatti in balleessu turan; akkasumas horii isaan ittiin jiraatan hoolaa, sa'a yookiis harree isaaniif hin hambifne.

[5] Isaan dunkaanota isaanii fudhatanii horii isaanii ooffatanii akka gurmuu hawaannisaatti waan dhufaniif, namoota isaaniitii fi gaalota isaanii lakkaa'uun hin danda'amu ture; akkasitti biyyattii saamuudhaaf itti in duulan.

[6] Warri Miidiyaan Israa'eloota hiyyoomsanii gad waan deebisaniif, sabni Israa'el Waaqayyoon gargaarsa in kadhatan.

[7] Yommus sabni Israa'el waa'ee kanaaf warra Miidiyaan irratti Waaqayyoon in kadhatan.

[8] Waaqayyo immoo raajii isaanitti in erge; raajichis isaaniin,“Waaqayyo gooftaan saba Israa'el,“Ani biyya Gibxii lafa isin garbummaatti turtan keessaa isin baaseera.

[9] Harka warra Gibxii keessaa isin furee, warra isin cunqursan hundumaas isin oolche; fuula keessan duraa ari'ee isaan baasee, biyya isaaniis isiniif kenneera.

[10] Ani Waaqayyo gooftaa keessan; isin warri biyya Amoorotaa keessa teessan, waaqayyolii isaanii akka hin sodaanne isin abboomeen ture; isin garuu anaaf dhaga'uu in diddan” jedheera” jedhe.

[11] Yommus ergamaan Waaqayyoo dhufee qilxuu mandara Ofraa bukkee jiru tokko jala taa'e; lafichis kan Yo'aas nama sanyii Abii'ezer ture; yeroo sanatti Giidewon ilmi Yo'aas warra Miidiyaan jalaa dhokfachuudhaaf iddoo waynii cuunfanitti qamadii in dha'a ture.

[12] Ergamaan Waaqayyoo sun Giidewonitti mul'atee,“Yaa loltuu jagna nana! Waaqayyo sii wajjin jira!” jedheen.

[13] Giidewon immoo deebiseefii,“Yaa gooftaa ko! Waaqayyo nuu wajjin utuu jiraatee, maaliif wanti kun hundinuu nutti dhufa ree” Hojiin isaa inni dinqisiisaan inni abboonni keenya,“Waaqayyotu ittiin biyya Gibxii nu baase” jedhanii nutti himaa turan meerre ree” Amma garuu Waaqayyo nu gatee harka warra Miidiyaanitti dabarsee nu kenne” jedheen.

[14] Waaqayyos Giidewonitti dhi'aatee,“Ati humna qabdu kanaan dhaqi! Israa'elin harka warra Miidiyaan jalaa akka baaftuuf ani si ergeera” jedhe.

[15] Giidewon immoo,“Yaa gooftaa ko, attamittan Israa'elin oolcha ree” Qomoon koo sanyii Minaasee keessaa qomoo xinnoo dha, ani mana abbaa kootiittis quxisuu dha” jedheen.

[16] Kana irratti Waaqayyo deebiseefii,“Ani sii wajjin waanan jiruuf, akka nama nama tokko rukututti warra Miidiyaan in rukutta” jedheen.

[17] Giidewon immoo deebisee,“Ani si duratti faara argadheera yoon ta'e, inni anatti dubbachaa jiru dhuguma si ta'uu isaa kanan ittiin beeku milikkita na argisiisi!

[18] Hamma ani deebi'ee kennaa midhaanii fidee siif dhi'eessutti hadaraa asii hin adeemin!” jedhe; gooftichis,“Hamma ati deebitutti nan tura” jedheen.

[19] Yommus Giidewon gara mana isaa dhaqee xobbaallaa reettii tokko qalee affeelee, daakuu safartuu tokkos fuudhee maxinoo tolche; foonicha gundoo irra kaa'ee, bishaan foonichaa xuwweetti naqee fidee, qilxuu jalatti gooftichaaf aarsaa in dhi'eesse.

[20] Ergamaan Waaqayyoos Giidewoniin,“Foonichaa fi maxinicha fuudhiitii dhagaa kana irra kaa'i, bishaan foonichaas irratti dhangalaasi!” jedhe; Giidewonis akkuma ergamichi jedhe in godhe.

[21] Ergamaan Waaqayyoo sun ulee harka isaa keessa ture ol kaasee fiixee isaatiin foonichaa fi maxinicha in tuqe; achumaan dhagicha keessaa ibiddi boba'ee foonichaa fi maxinicha gubee in fixe; kana booddee ergamichi Giidewon duraa in sokke.

[22] Ergamaa Waaqayyoo ta'uu isaa yommuu hubates Giidewon,“Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani ergamaa kee dura dhaabadhee ija kootiin isa argeera, anaaf wayyoo!” jedhe.

[23] Waaqayyo immoo,“Nagaa dha'o, hin sodaatin hin duutu!” jedheen.

[24] Giidewonis achitti Waaqayyoof iddoo aarsaa ijaaree, maqaa isaas,“Nagaan kan Waaqayyoo ti” jedhee moggaase; iddoon aarsaa kun hamma har'aatti iyyuu mandara Ofraa isa kan sanyii Abii'ezer sana keessa jira.

[25] Halkanuma sanatti Waaqayyo Giidewoniin,“Iddoo aarsaa isa abbaan kee Ba'aal Waaqayyo tolfamaadhaaf ijaare diigi, utubaa Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu isa naannoo iddoo aarsaa sanaa jirus muri! Tuntunoo abbaa keetii isa lammaffaa isa waggaa torba guute sana immoo qalma dhi'eessuudhaaf fuudhi!

[26] Da'oo kattaa ol jedhaa sana irratti Waaqayyo gooftaa keetiif iddoo aarsaa tooraan ijaari! Tuntunoo isa lammaffaa sana fuudhii qalii, qoraan utubaa Asheeraa isa murte sanaatiin qalma gubamu dhi'eessi!” jedhe.

[27] Kana irratti Giidewon hojjetoota isaa keessaa nama kudhan fudhatee, isa Waaqayyo isatti hime in raawwate; garuu qomoo isaatii fi warra mandara sana keessa jiraatan waan sodaateef, kana guyyaa utuu hin ta'in halkan in hojjete.

[28] Warri mandarichaa ganama obboroodhaan yommuu ka'an iddoon aarsaa Ba'aal diigamuu isaa, utubaan Asheeraa inni naannoo iddoo aarsaa tures muramuu isaa, tuntunoon tokkos iddoo aarsaa isa haaraa ijaarame irratti gubamuu isaa in baran.

[29] Kana irratti namoonni,“Kana kan godhe eenyuma laata?” jedhanii wal gaggaafatan; iyyaafatanii ba'eessa godhanii qoratanii,“Giidewon ilma Yo'aastu kana godhe” kan jedhu bira in ga'an.

[30] Warri mandarichaa Yo'aasiin,“Ilmi kee iddoo aarsaa Ba'aal diigee, utubaa Asheeraa isa naannoo iddoo aarsaa sanaa tures waan mureef, ajjeefamuun isa irra jiraatii gad nuuf baasi!” jedhan.

[31] Yo'aas garuu warra isatti naanna'anii dhaabatan hundumaan,“Ba'aaliif isintu falmaa” Yookiis isintu isaaf birmataa” Namni isaaf falmu hundinuu bor ganama asitti haa ajjeefamu! Ba'aal immoo Waaqayyo yoo ta'e, isa namni iddoo aarsaa isaa diigeef haa falmatu!” jedhe.

[32] Guyyaa sanaa jalqabee Giidewon “Yiruub-Ba'aal” jedhamee in waamame,“Yiruub-Ba'aal” jechuun,“Ba'aal haa falmatu!” jechuu dha; kunis sababii namni iddoo aarsaa isaa diigeef akkas jedhame.

[33] Yommus warri Miidiyaan, warri Amaaleqii fi warri gara ba'a-biiftuu jiraatan walii wajjin laga Yordaanos ce'anii, dachaa Yizre'el keessa in buufatan.

[34] Hafuurri Waaqayyoo waan isa irra buufateef, Giidewon fiingee lolaa in afuufe; qomoon Abii'ezer immoo walitti qabamanii isa duukaa in bu'an.

[35] Guutummaa gosa Minaaseetti erginaan, isaanis walitti qabamanii isa duukaa in bu'an; akkasumas gosa Asheeritti, gosa Zebuloonii fi gosa Niftaalemitti in erge; isaanis ba'anii warra ka'anitti in dabalaman.

[36] Giidewon yommus Waaqayyoon,“Saba Israa'el harka kootiin akka oolchituuf ati dubbatteetta;

[37] kunoo, ani rifeensa hoolaa oobdii keessa nan kaa'a, lafti hundinuu gogaa ta'ee, rifeensicha hoolaa irra fixeensi yoo bu'eef, saba Israa'el harka kootiin akka ati oolchitu nan beeka” jedhe.

[38] Wanti kunis akkuma inni jedhe ta'e; Giidewonis borumtaa isaa ganameeffatee ka'ee, bishaan willee tokko guutuu rifeensicha keessaa cuumfee baase.

[39] Ammas Giidewon Waaqayyoon,“Al tokko immoo dubbadhee irratti nan ilaalaatii, hadaraa aariin kee ana irratti hin boba'in! Amma immoo rifeensichi duwwaan gogaa haa ta'u, lafa hundumaa irratti garuu fixeensi akka bu'u godhi!” jedhe.

[40] Halkan sanattis Waaqayyo akkuma inni jedhe lafa hundumaa irra fixeensi akka buufatu rifeensichi duwwaan garuu gogaa akka ta'u in godhe.

Macaafa Abboota Firdii — Chapters