Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:24

[1] Waaqayyo, namoota Israa'el warra lola biyya Kana'aan keessatti ta'e hin argin qoree ilaaluudhaaf, saba garaa garaa achitti in hambise.

[2] Inni saba Israa'el keessaa dhaloonni gara booddee warri lola hin argin kun lola akka baran in barbaade.

[3] Sabni warri achitti hafan kunis gurguddoota Filisxeemotaa warra humnaan mo'an, Kana'aanota, Sidoonota, Hiiwota warra tulluu Liibaanon gubbaa, tulluu Ba'aal-Hermoonii hamma itti lixa Haamaatitti jiraatanii dha.

[4] Sabni garaa garaa kun achitti argamuun isaanii, namoonni Israa'el, abboommii Waaqayyo karaa Musee abboota isaaniif kenne sanaaf abboomamuun isaanii qoramee akka ittiin ilaalamuuf ture.

[5] Egaa sabni Israa'el warra Kana'aanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa fi Yibusootaa gidduu in jiraatan.

[6] Durboota saba garaa garaa kana in fuudhan, durboota ofii isaanii dargaggoota warra biyya sanaatti in heerumsiisan, waaqayyolii isaaniis in waaqessan.

[7] Israa'eloonni, Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan; Waaqayyoon gooftaa isaanii irraanfatanii, Ba'aalii fi Asheeraa waaqayyolii tolfamoo in waaqessan.

[8] Kanaaf dheekkamsi Waaqayyoo Israa'el irratti boba'ee harka Kushaan-Riishaataayim mootii Mesophotaamiyaa jala isaan galche; isaanis mootii sanaaf garbummaatti waggaa saddeet in hojjetan; [“Mesophotaamiyaan” isa dur“Aram Naharaayim” jedhamuu dha].

[9] Yeroo Israa'eloonni gara Waaqayyotti iyyatanitti garuu, inni harka mootichaa jalaa akka isaan baasuuf Otnii'elin ilma Qenaz obboleessa Kaaleb isa quxisuu isaaniif in kaase; innis harka mootichaa jalaa isaan in baase.

[10] Hafuurri Waaqayyoo Otnii'eliif in dhufe; innis abbaa firdii isaanii ta'ee isaan in geggeesse; lolaaf yommuu inni ba'etti immoo Waaqayyo akka inni humna caalee Kushaan-Riishaataayim mootii Mesophotaamiyaa harka isaatti galfatu in godhe.

[11] Biyyattiin waggaa afurtamaaf gabiitti in jiraatte; kana booddees Otnii'el ilmi Qenaz in du'e.

[12] Israa'eloonni ammas Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan; sababii hamaa hojjetaniif, Waaqayyo immoo Egloon mootiin Mo'aab jabaatee Israa'el irratti akka ka'u in godhe.

[13] Egloon mootichis Amoonotaa fi Amaaleqoota ofitti dabalatee, dhaqee Israa'elin rukutee, mandara meexxiis in qabate.

[14] Yommus Israa'eloonni Egloon mootii Mo'aabiif garbummaatti waggaa kudha saddeet in hojjetan.

[15] Yeroo Israa'eloonni gara Waaqayyotti iyyatanitti garuu, inni nama kana keessaa isaan baasu in kaaseef; innis Ehud ilma Geraa sanyii Benyaamiin isa bitaacha ture; Israa'eloonni immoo Ehud kun Egloon mootii Mo'aabiif gibira akka geessuuf in ergan.

[16] Yommus Ehud billaa dhundhuma tokko dheeratu, gara lamaaniinis qara qabu tumee qopheeffatee, uffata isaa jalaan bukkee isaa mirgaatti hidhatee in ka'e;

[17] gibira sanas Egloon mootii Mo'aab isa baay'ee furdaa ture sanatti in geesse.

[18] Ehudis gibira sana erga geessee, namoota wanta gibiraaf kennamu kana baatanii dhaqan of biraa in adeemsise.

[19] Ofii isaatii garuu Giilgal iddoo waaqayyolii tolfamoon jiranii deebi'ee, Eglooniin,“Yaa mootii! Ergaan dhoksaatti sitti himu qaba” jedheen; mootichi immoo namoota isa bira dhaabataniin,“Mee, turaa!” jennaan hundumti isaaniis lafa hilaniif.

[20] Ehud immoo Egloon kutaa mana isaa isa mana irraa isa qilleensa qabu keessa kophaa isaa taa'ee utuu jiruu itti dhi'aatee,“Ergaa Waaqayyo biraa dhufe sitti nan hima” jedheen; kana irratti Egloon teessoo isaa irraa in ka'e.

[21] Ehud achumaan billaa isa bukkee isaa mirgaatti hidhatee ture sana, harka isaa bitaatiin luqqifatee humnaan garaa Egloon in waraane.

[22] Billaan sun gonfa isaatii wajjin keessa lixee, fiixeen isaa dugda isaa keessaan in ba'e; Ehud billaa isaa garaa namichaa keessaa hin baafne; moorri namichaa immoo irra gara galee walitti in duuche.

[23] Kana booddee Ehud kutaa manichaa isa mana irraa keessaa gad ba'ee, of duubaan balbala cufee gigirii itti galche.

[24] Ehud manicha keessaa ba'ee erga adeemee, hojjetoonni mootichaa dhufanii balballi kutaa manicha mana irraa cufamee argan; isaanis,“Tarii mana garaa dhaqe ta'a” jedhan.

[25] Hamma balbala dura dhaabachuun isaan nuffisiisutti eeganii, inni homaa banuu dinnaan, banaa fudhatanii manicha yeroo bananitti, gooftaan isaanii du'ee reeffa isaa lafatti in argan.

[26] Hamma hojjetoonni kun balballi banamuu isaa eeganitti, Ehud isaan jalaa miliqee karaa waaqayyolii tolfamoo sanaa ba'ee gara Se'iiraatti in sokke.

[27] Yommuu achi ga'es tulluu Efreem gubbaatti fiingee in afuufe; namoonni Israa'elis isaa wajjin tulluu sana irraa gad bu'an; innis isaan dura bu'ee,

[28] “Diinota keessan warra Mo'aab, Waaqayyo harka keessan keessa waan isiniif buuseef ana duukaa bu'aa!” jedheen; isaanis isa duukaa bu'anii, malkaa Yordaanos isa gara Mo'aabitti ceesisu qabatanii, namni tokko illee achiin akka hin ceeneef in ittisan.

[29] Yeroo sanatti warra Mo'aab keessaa jagnoota jajjaboo gara kuma kudhanii in ajjeesan; namni tokko illees isaan jalaa hin baane.

[30] Gaafas Mo'aab harka saba Israa'el jala galte; akkasitti biyyi Israa'el waggaa saddeettamaaf gabiitti in jiraate.

[31] Ehud booddeedhaan immoo Shamgaar ilmi Anaat tuttuqaa qotiyyootiin Filisxeemota dhibba ja'a ajjeesee, saba Israa'elin immoo harka isaanii jalaa in baase.

Macaafa Abboota Firdii — Chapters