Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:19

[1] Bara Israa'el mootii hin qabne sanatti namni sanyii Lewwii tokko galaa ta'ee moggaa biyya gaaraa isa kan Efreem keessa in jiraata ture; inni Betlihem biyya Yihudaatii dubartii tokko dabalee fuudhee saajjatoo in godhate.

[2] Saajjatoon isaa kun isatti aartee, mana abbaa ishee isa Betlihem biyya Yihudaa jirutti galtee ji'a afur in teesse.

[3] Abbaan manaa ishee immoo garaa laaffifatee ishee galfachuudhaaf dargaggeessa tokkoo fi harroota lama fudhatee, ishee barbaacha dhaqe; isheen mana abbaa isheetiitti ol isa galchite, abbaan ishees yommuu isa arge gammachuudhaan isa simate.

[4] Abbiyyuun isaa abbaan dubartittii takka achi akka turuuf isa giddisiifnaan, innis guyyaa sadiif isa bira in bubbule; yeroo kanatti wajjin in nyaatu, in dhugus turan.

[5] Gaafa guyyaa afuraffaa ganama obboroodhaan ka'anii, soddaan namichaa immoo adeemuuf in qophaa'e; abbaan dubartittii garuu soddaa isaatiin,“Jabaattee akka adeemtutti dura afaan bulee baafadhu!” jedhe.

[6] Isaan lamaan taa'anii in nyaatu, in dhugus turan; kana booddee abbaan dubartittii soddaa isaatiin,“Hadaraa har'as nu bira buli, garaan kees haa gammadu!” jedhe.

[7] Namichi Lewwii sun adeemuudhaaf ka'ee ture; garuu abbiyyuun isaa akka inni ooluuf waan isa giddisiiseef, halkan sanas immoo achi bule.

[8] Gaafa guyyaa shanaffaas immoo namichi Lewwii sun ganama obboroodhaan adeemuudhaaf in ka'e; abbaan dubartittii garuu,“Maaloo, qarri aduu hamma siif cabutti turi! Karaadhaafis waan si jabeessu fudhadhu!” jedheen; lamaanuus wajjin in nyaatan.

[9] Kana booddee namichi Lewwii sun saajjatoo isaa fi dargaggeessa isa bira turee wajjin adeemuuf kaanaan, abbiyyuun isaa abbaan dubartittii,“Kunoo isinitti galgalaa'eera, dhi'uu ga'eeras; kanaaf hadaraa halkan akka isinitti hin taanetti as bulaa! Bor ganama obboroodhaan kaatanii in adeemtu” jedheen; addumaan immoo soddaa isaatiin,“Bor mana keetti in galta, har'aaf buli, garaan kees haa gammadu!” jedhe.

[10] Namichi garuu achi buluu hin barbaanne; harroota fe'aman lamaanii fi saajjatoo isaa fudhatee adeemee, fuullee Yibus in ga'e; Yibus kun isa “Yerusaalem” jedhamuu dha.

[11] Yibusitti yommuu dhi'aatan aduun baay'ee waan dhi'eef, dargaggeessichi gooftaa isaatiin,“Kottaa gara mandara Yibusootaa kanatti gorree bullaa!” jedhe.

[12] Gooftaan isaa garuu,“Lakkii darbinee Giibe'aa dhaqna malee, mandara ormaa isa namoonni Israa'el keessa hin jirretti hin gorru!

[13] Beenu! Iddoo tokkotti butannee Giibe'aa yookiis Raamaa in bulla” jedhe.

[14] Darbanii adeemanii Giibe'aa isa kan gosa Benyaamiinitti yommuu dhi'aatan aduun in lixxe.

[15] Isaan illee Giibe'aa buluuf itti goran; namichi dhaqee waltajjii mandarichaa keessa in taa'e; garuu namni tokko iyyuu isaan bulchuudhaaf mana isaatti isaan hin simanne.

[16] Haa ta'u iyyuu malee, jaarsi biyya gaaraa isa kan Efreemii dhufee, mandara Giibe'aa isa namoonni Benyaamiin keessa taa'anitti galaa ta'ee jiraatu tokko ture; jaarsichi gaafas maasii isaa keessa hojjechaa oolee galgala sana gara manaatti utuu deebi'uu,

[17] namicha kara-adeemaa sana waltajjii mandarichaa keessatti yommuu arge,“Eessaa dhufte” Eessas dhaqxa?” jedhee in gaafate.

[18] Namichi immoo deebiseefii,“Nuyi kara-adeemoo dha; Betlihem biyya Yihudaatii gara moggaa biyya gaaraa isa kan Efreem lafa ani dhufetti deebi'aan jira; Betlihem biyya Yihudaa dhaqeen ture, amma immoo gara mana isa ani Waaqayyoof itti hojjedhutti nan deebi'a; asittis namni mana isaatti na simatu tokko illee hin jiru.

[19] Nuyi garboota keetti wanti hir'atu hin jiru, anaafis, garbittii keetiif, dargaggeessicha kanaafis buddeennii fi daadhiin waynii jira, harrootaafis cidii fi habaqii qabna” jedhe.

[20] Yommus jaarsichi,“Nagaan siif haa ta'u! Wanta si barbaachisu hundumaa anatti dhiisi! Waltajjii kana keessa garuu hin bulin!” jedheen.

[21] Innis gara mana isaatti isaan fudhatee galee, harrootaaf habaqii kenne; jarri immoo miilla isaanii dhiqatanii, in nyaatan, in dhuganis.

[22] Jarri garaa isaaniitti gammadaa utuu jiranii, mandaricha keessaa namoonni wanta jibbisiisaa hojjetan manichatti marsanii balbala isaas itti reebanii jaarsicha abbaa manaa sanaan,“Namicha mana kee dhufe kana akka gadhessinutti gad nuuf baasi!” jedhan.

[23] Abbaan manichaa garuu gad isaanitti ba'ee,“Lakkisaa! Yaa obboloota ko, wanta hamaa kana hin hojjetinaa! Namni kun keessummummaa mana koo dhufe; wanta yeellaasisaa akkasii isa irratti hin raawwatinaa!

[24] Mucaan durbaa koo fi saajjatoon keessummaa kanaa kunoo ti! Isaan gad isiniif nan baasa, akkuma jaallattan isaan godhaa, isaanitti taphadhaas! Namicha kana irratti garuu wanta yeellaasisaa akkasii hin raawwatinaa!” jedhe.

[25] Jarreen sun garuu dubbii isaa dhaga'uu hin barbaanne; kanaaf namichi Lewwii saajjatoo isaa harka qabee gad isaaniif baafnaan, isaan ishee bira ga'anii halkan guutuu hawwa isaanii gar malee ishee irratti raawwatanii yeroo boruun baqaqutti gad ishee dhiisan.

[26] Dubartittiinis ganama bariidhaan dhuftee, balbala manichaa isa abbaan manaa ishee keessa jiru jalatti kufte; yommuu lafti ifes achuma ciiftee in argamte.

[27] Abbaan manaa ishees ganama ka'ee adeemuudhaaf balbala manichaa yommuu banu, saajjatoon isaa balbala duratti harka ishee buusaa balbalichaa irratti facaaftee kuftee argee,

[28] “Ka'i, in adeemnaa!” jedheen; garuu deebii hin arganne; kana irratti du'uu ishee baree reeffa ishee harree irra kaa'ee gara mana isaa in dhaqe.

[29] Mana isaas yommuu ga'e haaduu fudhatee reeffa haadha manaa isaatii iddoo kudha lamatti buusaa buusaatti kukkutee, kutaa biyya gosoota Israa'el hundumaatti tokko tokko in erge.

[30] Warri kana argan immoo,“Sabni Israa'el biyya Gibxii erga ba'ee jalqabee hamma har'aatti wanti akkasii ta'ee hin beeku, argamees hin beeku; kanaaf waa'ee isaa itti yaaduun, irratti mari'achuun, wanta gochuun ta'us walitti himuun barbaachisaa dha” jedhan.

Macaafa Abboota Firdii — Chapters