Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:51

[1] Warri Efreem lola dhaquudhaaf waamamanii, gara mandara Zaafonitti ce'anii, Yiftaadhaan,“Ati warra Amoon loluudhaaf gara isaaniitti yommuu darbite nuyi sii wajjin akka dhaqnuuf maaliif nu waamuu didde” Amma mana kee ibiddaan si irratti in gubna” jedhan.

[2] Yiftaanis deebisee isaaniin,“Anii fi sabni koo warra Amoonii wajjin wal'aansoo jabaa irra turre; ani gargaarsaaf gara keessanitti yoon iyyadhe iyyuu isin na oolchuudhaaf, anaaf hin birmanne.

[3] Akka isin anaaf hin birmatin yommuun arges fittee irra of buusee, gara warra Amoonitti nan darbe; Waaqayyo immoo harka koo keessa isaan in buuse; egaa isin maaliif har'a ana loluudhaaf dhuftan ree?” jedhe.

[4] Yommus Yiftaan warra Giil'aad hundumaa waraanaaf walitti qabatee warra Efreem in lole; warri Giil'aad, sababii warri Efreem,“Yaa warra Giil'aad! Isin Efreem irraa cabsattanii, Efreemii fi Minaasee gidduu in teessu” jedhanii irratti dubbataniif isaan in rukutan.

[5] Warri Giil'aad malkaa laga Yordaanos isa warri Efreem ittiin ce'an hundumaa in qabatan; warra Efreem keessaa namni tokko jalaa ba'uudhaaf,“Nan ce'a” jedhee, yeroo kadhatutti warri Giil'aad immoo,“Ati nama sanyii Efreemii?” jedhanii in gaafatu; inni immoo,“Waawuu” yoo jedhe,

[6] yommus mee,“Shibolet” jedhi! in jedhuun; inni garuu kana jechuuf arrabni isaa qajeeluufii didee“Sibolet” yoo jedhe, qabanii karaa ce'umsa Yordaanos irratti isa in ajjeesu; yeroo sana akkasitti warra Efreem keessaa namoota kuma afurtamii lamatu dhume.

[7] Yiftaan Giil'aadichi Israa'elin waggaa ja'aaf erga geggeessee booddee du'ee, mandara isaatti Giil'aad keessatti in awwaalame.

[8] Yiftaan erga du'ee booddee Ibzaan nama Betlihemtu Israa'elin geggeesse.

[9] Inni ilmaan soddoma qaba ture; intaloota isaa soddomman namoota ormaatti heerumsiise, ilmaan isaas durboota soddoma sanyii ormaa keessaa in fuusise; Israa'elin waggaa torba erga geggeessee booddee,

[10] Ibzaan du'ee, Betlihemitti in awwaalame.

[11] Ibzaan duunaan Eloon namni sanyii Zebuloon Israa'elin waggaa kudhan in geggeesse.

[12] Eloonis du'ee, biyya Zebuloon keessaa Ayalonitti in awwaalame.

[13] Eloon erga du'ee booddee, Abdoon ilma Hiilel Phiiraatonichaatu Israa'elin geggeesse.

[14] Inni ilmaan afurtama in godhate; ilmaan ilmaan isaatii immoo soddoma turan; isaan kun harroota torbaatama yaabbatanii kan adeemanii dha; barri Abdoon Israa'elin geggeesse immoo waggaa saddeet ture.

[15] Kana booddee Abdoon ilmi Hiilel Phiiraatonichaa du'ee, biyya Efreem keessaa tulluu Amaaleqootaa gubbaatti Phiiraatonitti in awwaalame.

Macaafa Abboota Firdii — Chapters