Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:25

[1] Biyya gaaraa isa kan Efreem keessa namni maqaan isaa “Miikaa” jedhamu tokko ture.

[2] Yommus inni haadha isaatiin,“Meetiin kumni tokkoo fi dhibbi tokko si duraa hatamnaan, nama si duraa hate abaaruu kee si irraa dhaga'eera; kunoo, meetii kana anatu fuudhe, amma iyyuu ana bira jira” jedhe; haati isaas,“Yaa ilma ko, Waaqayyo si haa eebbisu!” jetteen.

[3] Achumaan inni meetii kuma tokkoo fi dhibba tokkon sana deebisee haadha isaatti in fide; haati isaa immoo,“Abaarsi koo si mucaa koo irra akka hin geenyetti meetii kana maqaa keetiin Waaqayyoof addaan nan baasa; meeticha siif deebisee bifa fakkeenyaas muka irraa soofsisee, meetii isa irratti nan uffisiisa” jette.

[4] Miikaan meeticha deebisee haadha isaatti kenninaan, isheen meeticha irraa dhibba lama fuutee nama meetii baqsutti in kennite; namichis bifa fakkeenyaa muka irraa qirixee meetii irratti uffise; bifni fakkeenyaa sunis mana Miikaa keessa in kaa'ame.

[5] Akkasitti Miikaan waaqayyolii isaatiif galma godhatee dirata fuula duraaf bifa waaqayyolii qopheessisee, ilmaan isaa keessaa tokko luba akka isaaf ta'uuf hojii irra isa in dhaabe.

[6] Yeroo sana sabni Israa'el mootii waan hin qabneef, namni hundinuu waanuma qajeelaa isatti fakkaatu in hojjeta ture.

[7] Yommus dargaggeessi sanyii Lewwii tokko Betlihem biyya Yihudaa keessa Yihudoota gidduu galaa ta'ee in jiraata ture.

[8] Inni iddoo itti galaa ta'ee hojjetu barbaaddachuudhaaf mandara Betlihem biyya Yihudaatii ba'ee, gara biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa gara mana Miikaa in dhufe.

[9] Yommus Miikaan,“Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate; inni immoo,“Ani nama sanyii Lewwii ti; iddoon itti galaa ta'ee jiraadhu barbaaddachuudhaafan Betlihem Yihudaatii dhufe” jedhe.

[10] Miikaan deebisee,“Ana bira taa'i! Abbaadhaa fi luba anaaf ta'i! Ani immoo nyaataa fi uffata, waggaattis meetii kudhan siif nan kenna” jedheen; innis kanatti in gale.

[11] Dargaggeessichi sanyii Lewwii sun Miikaa bira taa'uu in jaallate; namichis ilmaan isaa keessaa akka isa tokkootti isa in ilaale.

[12] Miikaan akkasitti dargaggeessicha Lewwii sana hojii lubummaa irra in dhaabe; inni immoo luba ta'ee mana Miikaa in taa'e.

[13] Yommus Miikaan,“Namni Lewwii luba erga anaaf ta'ee, Waaqayyo amma waan gaarii akka anaaf godhu nan beeka” jedhe.

Macaafa Abboota Firdii — Chapters