Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:01

[1] Ergasii namoonni Israa'el iddoo Miisphaa jedhamutti wal ga'anii,“Nu keessaa namni tokko illee intala isaa ilmaan gosa Benyaamiinitti hin heerumsiisu” jedhanii waliif in kakatan.

[2] Sabni sun gara Bet'el dhaqanii, hamma galgalaatti achi taa'anii, Waaqayyo duratti sagalee guddaadhaan boo'icha jabaa isaa boo'anii,

[3] “Yaa Waaqayyo goofticha Israa'el! Wanti kun maaliif Israa'el irra ga'e” Maaliifis har'a Israa'el keessaa gosi tokko dhabame?” jedhan.

[4] Borumtaas jarri bariidhaan ka'anii, achitti iddoo aarsaa ijaaranii, qalma gubamuu fi qalma araaraa in dhi'eessan.

[5] Israa'eloonni,“Namni Miisphaatti fuula Waaqayyoo duratti hin argamin hafe raawwatee haa ajjeefamu!” jedhanii, cimsanii kakatanii turan; kana irratti,“Gosoota keenya hundumaa keessaa wal ga'ii fuula Waaqayyoo duratti ta'e kana keessatti kan hin argamin eenyufa'i?” jedhanii wal gaafatan.

[6] Yommus Israa'eloonni,“Har'a gosi tokko nu gidduudhaa in balleeffame!” jedhanii, gosa obboleessa isaanii Benyaamiiniif in gaddan.

[7] Kanaafis,“Nuyi durboota keenya gosa Benyaamiinitti akka hin heerumsiifne maqaa Waaqayyootiin kakanneerra, egaa amma warra hafan kana eessaa fuusifna ree?” jedhan.

[8] Ammas Israa'eloonni,“Gosoota keenya keessaa Miisphaatti ol ba'ee Waaqayyo duratti kan hin argamin eenyu?” jedhanii wal gaafatan; kunoos wal ga'ichaaf namni tokko illee Yaabesh-Giil'aadii gara buufata sanaa kan dhufe hin turre.

[9] Namoonni yeroo to'atamanitti namni Yaabesh-Giil'aadii dhufe tokko illee hin turre.

[10] Kanaaf waldichi namoota isaa warra jajjaboo keessaa kuma kudha lama itti ergee,“Gara Yaabesh-Giil'aad dhaqaatii warra achi jiraatan dubartootaa fi ijoollota iyyuu utuu hin dhiisin billaadhaan rukutaa!

[11] Egaa wanti isin gootan dhiirota hundumaa, dubartoota dhiirri bira ga'e hundumaas raawwattanii balleessuu dha!” jedhe in abboome.

[12] Yommus isaan namoota Yaabesh-Giil'aad keessa jiraatan hundumaa keessaa durboota dhiirri isaan bira ga'ee hin beekne dhibba afur argatanii, Shiiloo iddoo buufata isaanii isa biyya Kana'aan keessa jirutti in geessan.

[13] Kana booddee guutummaan waldichaa namoota Benyaamiin warra dhagaa Rimoon keessa turanitti ergee, nagaan akka bu'e itti himsiise.

[14] Yeroo sanatti namoonni Benyaamiin gara iddoo isaaniitti in deebi'an; warri Israa'elis durboota Yaabesh-Giil'aad keessaa baraaramanii dhufan isaanitti in heerumsiisan; durboonni sun garuu wal isaan hin geenye.

[15] Waaqayyo gosoota Israa'el keessaa tokko cabsee waan hir'iseef, sabni Israa'el gosa Benyaamiiniif in gaddan.

[16] Ergasii maanguddoonni waldichaa,“Gosa Benyaamiin keessaa dubartoonni badduu ba'aniiru; egaa warra hafan kana eessaa fidnee fuusifnu ree”

[17] Gosi tokko raawwatee Israa'el keessaa akka hin badnetti, dhaalli gosa Benyaamiin hambaa gosa isaatiif haa ta'u!

[18] Haa ta'u iyyuu malee, namoonni keenya,“Nu keessaa namni intala isaa gosa Benyaamiinitti heerumsiise abaaramaa haa ta'u!” jedhanii waan kakataniif, nuyi durboota keenya isaanitti heerumsiisuu hin dandeenyu.

[19] Kunoo, Shiiloo isa Bet'el irraa gara bitaatti karaa Bet'elii gara Sheekemitti geessu irraa gara ba'a-biiftuutti, Lebonaa irraa immoo gara mirgaatti argamu keessatti ayyaanni waggaa waggaatti Waaqayyoof ayyaaneffamu in ta'a” jedhan.

[20] Itti dabalanii namoota Benyaamiiniin,“Dhaqaa! Dhaabaa waynii keessa riphaatii eeggadhaa!

[21] Yommuu durboonni Shiiloo lafa ayyaanichaatti sirbaaf gad ba'an eegaatii, iddoo dhaabaa waynichaatii ba'aa, durba tokko tokko butaa! Fudhadhaatii gara biyya Benyaamiin dhaqaa!

[22] Abboonni isaanii yookiis obboloonni isaanii dhufanii yoo nutti himatan,“Nuyi immoo yeroo lolaatti hunduma isaanii fuusisuuf durba hin arganne; ammas immoo isin waan itti hin heerumsiisiniif yakka isinitti hin ta'u; kanaaf nuuf jedhaatii faara tolaadhaan jara kana ilaalaa!” ittiin in jenna” jedhan.

[23] Warri Benyaamiin akkuma isaan jedhan in godhan; durboota warra sirbituu sana keessaas tokko tokko butanii gara biyya dhaala isaaniitti in deebi'an; mandarootas deebisanii ijaaranii keessa in taa'an.

[24] Yeroo sanatti namoonni Israa'el achii ba'anii adduma addaan gara gosa gosa isaanii fi gara qomoo qomoo isaanii in dhaqan; akkasittis hundinuu gara dhaala isaaniitti in deebi'an.

[25] Yeroo sanatti sabni Israa'el mootii waan hin qabneef, namni hundinuu waanuma qajeelaa isatti fakkaatu in hojjeta ture.

Macaafa Abboota Firdii — Chapters