[1] Yeroo sana sabni Israa'el mootii hin qaban turan; gosi Daan immoo hamma bara sanaatti gosoota Israa'el gidduudhaa dhaala waan hin argatiniif, biyya itti galanii keessa jiraatan in barbaaddatu turan.
[2] Warri Daan namoota qomoo isaanii Zoraa fi Eshta'ol keessaa biyyicha gaadanii keessa akka baraniif loltoota jajjaboo shan in ergan; jaraanis,“Dhaqaatii biyyicha keessa baraa!” jedhan; yommus jarri gara biyya gaaraa isa kan Efreem dhufanii mana Miikaa in bulan.
[3] Mana Miikaa yeroo turanitti dargaggeessicha Lewwii sana akka haasaa isaatiin isa baranii gara isaatti gara galanii,“Maaltu as si fide” Asii maal hojjetta” Asii maal qabda?” jedhanii gaafatan.
[4] Inni immoo wanta Miikaan godheef isaanitti himee,“Luba ta'ee, akkan hojjedhuuf na qacarate” jedhe.
[5] Kana irratti isaan dargaggeessichaan,“Yaadni nuyi adeemnuuf kun wal nuuf qixxaata yoo ta'eef hadaraa Waaqayyoon nuuf gaafadhu!” jedhan.
[6] Lubichis,“Yaadni isin adeemtaniif kun Waaqayyo duratti fudhatamaa dha, nagaadhaan dhaqaa!” jedhe.
[7] Yommus jarreen shanan achii adeemanii gara mandara Laa'iish dhaqanii, warri mandarichaa akka warri Sidoon itti jiraatanitti nagaadhaa fi gabiitti bir'aa malee jiraachuu isaanii in argan; warri mandara sanaa warra Sidoonittii fagaatanii in jiraatan, nama kan biraa wajjinis walitti hin adeemne; biyyicha keessattis namni aboo isaa jala galchee isaan yeellaasisee hin beeku.
[8] Warri gaadduun sun mandaroota Zoraa fi Eshta'ol lafa obboloonni isaanii jiranitti yommuu deebi'an, obboloonni isaaniis,“Inni isin dhaqxaniif attam ture?” jedhanii isaan gaafatan.
[9] Isaan immoo deebisaniifii,“Biyyichi baay'ee ba'eessa ta'uu isaa argineerra. Kanaafis ka'aa, isaanitti in duullaa! Calluma jettanii hin dhiisinaa! Biyyicha fudhachuudhaaf itti lixuu hin seesinaa!
[10] Yommuu dhaqxan biyya namoonni bir'aa malee jiraatan, biyya sonaan bal'atutti in baatu; Waaqayyo lafa wanti biyya lafaa irratti argamu tokko illee itti hin hir'anne sana isiniif kenneera” jedhan.
[11] Kana irratti namoota Daan keessaa dhibbi ja'a mi'a lolaa hidhatanii mandaroota Zoraa fi Eshta'olii ba'anii adeeman.
[12] Dhaqaniis biyya Yihudaa mandara Kiriiyat-Ya'ariim keessa buufatan; kanaaf iddoon gara lixa-biiftuu Kiriiyat-Ya'ariim jiru kun hamma har'aatti iyyuu“Buufata Daan” jedhamee in waamama.
[13] Darbaniis biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa gara mana Miikaa in dhufan.
[14] Yommus jarreen shanan mandara Laa'iish biyya naannoo isaa jiru gaaduudhaaf dhaqanii turan obboloota isaaniitiin,“Isin manneen Miikaa kana keessa diranni fuula duraa, bifni waaqayyolii mana keessaa, bifni fakkeenya muka irraa qirixamee meetiin irratti uffifames akka jiran baraa! Ammas isaan kana akka beektan godhaa!” jedhan.
[15] Kana irratti isaan goranii gara mana Miikaa lafa dargaggeessichi Lewwii sun jiru dhaqanii nagaa in gaafatan.
[16] Yeroo sana namoonni Daan warri dhibbi ja'an mi'a lolaa hidhatanii, karra bukkee in dhaabatu turan.
[17] Dargaggeessichi inni luba ta'e sun jarreen dhibbi ja'an mi'a lolaa hidhatanii wajjin karra bukkee dhaabatee utuu jiruu, warri shanan biyyicha gaaduuf dhaqanii turan ol galanii, dirata fuula duraa, bifa waaqayyolii mana keessaa, bifa fakkeenya muka irraa qirixamee meetiin irratti uffifames in fudhatan.
[18] Yommuu isaan mana Miikaa lixanii dirata fuula duraa, bifa waaqayyolii mana keessaa, bifa fakkeenya muka irraa qirixamee meetiin irratti uffifames fudhatanitti lubichi,“Jarana, maal gochuu keessan?” jedheen.
[19] Isaan immoo deebisanii,“Calluma jedhi! Afaan kee qabadhuutii nu duukaa bu'i, abbaa fi luba nuuf ta'i! Maatii nama tokkoof luba ta'uu irra qomoo fi gosa Israa'el tokkoof luba ta'uu siif wayya mitii ree?” jedhaniin.
[20] Yommus lubichi garaa isaatti gammadee, dirata fuula duraa, bifa waaqayyolii mana keessaa, bifa fakkeenya muka irraa qirixamees fudhatee jara gidduu bu'ee adeeme.
[21] Ergasii jarreen deebi'anii ijoollee isaanii, horii isaanii fi qabeenya isaanii of dura buusanii achii in adeeman.
[22] Namoonni Daan mana Miikaa biraa erga fagaatanii, warri naannoo mana Miikaa walitti waamamanii jara hordofanii in qaqqaban.
[23] Itti iyyuu isaanii irraa kan ka'es namoonni Daan gara isaaniitti gara galanii Miikaadhaan,“Maal taatee namoota nutti dachaafte?” jedhan.
[24] Miikaan deebisee jaraan,“Attamitti“Maal taate” jettanii na gaafattu” Waaqayyolii ani tolfadhee fi luba koo fudhattanii erga adeemtanii anaaf immoo maaltu hafe ree?” jedhe.
[25] Warri Daan yommus Miikaadhaan,“Namoonni kun aaranii akka si irratti hin kaanetti, atis namoota mana keetii wajjin lubbuu kee akka hin dhabnetti“Xis” jettee hin dubbatin!” jedhan.
[26] Achumaanis karaa isaanii irra in bu'an; Miikaan warri Daan isa caalaa jaboo akka ta'an hubatee deebi'ee gara mana isaatti in gale.
[27] Warri Daan waaqayyolii Miikaan tolfate, luba inni hojjechiifatus duraa fudhatanii, saba nagaadhaa fi gabiitti jiraatu loluudhaaf mandara Laa'iishitti in duulan; namoota billaadhaan ajjeesanii, mandaricha immoo ibiddaan in guban.
[28] Laa'iish, Sidoonittii fagoo Bet-Rehoob dachaa keessa waan turteef, namoota mandara biraa wajjinis waan walitti hin adeemneef homtinuu hin birmanneef; ergasii garuu warri Daan mandaricha deebisanii ijaaranii keessa taa'an.
[29] Maqaa mandara Laa'iish jedhamaa ture sanaas maqaa abbaa isaanii ilma Yaaqoobitti“Daan” jedhanii moggaasan.
[30] Yommus namoonni Daan waaqayyolii tolfamoo sana in dhaabbatan; hamma guyyaa biyyichi qabameetti Yonaataanii fi ilmaan isaa gosa Daaniif luboota ta'anii hojjechaa turan; Yonaataan kun ilma Gershoom, Gershoom immoo ilma Musee ture.
[31] Hamma bara manni Waaqayyoof itti sagadan Shiiloo turetti, warri Daan immoo Waaqayyo tolfamaa isa Miikaan hojjetate sana in dhaabbatan.