[1] Ergamaan Waaqayyoo mandara Giilgalii gara Bokiimitti ol ba'ee, saba Israa'eliin,“Ani biyya Gibxiitii isin baasee biyyan abboota keessaniif kennuudhaaf kakadhetti isin galcheera; ani,“Kakuu isa ani isiniif gale raawwadhee hin cabsu.
[2] Isin immoo iddoo aarsaa isaanii diigaa malee, warra biyya kanaa wajjin kakuudhaan waliif hin galinaa!” isiniin nan jedhe; isin garuu anaaf hin dhageenye; egaa isin maal gochuu keessan ree”
[3] Amma ani, fuula keessan duraa ari'ee isaan hin baasu, isaan tuttuqanii nagaa isin in dhowwatu, waaqayyolii isaanii waaqessuudhaanis kiyyootti in galtu” jedhe.
[4] Yeroo ergamaan Waaqayyoo Israa'eloota hundumaatti dubbii kana dubbatetti isaan sagalee isaanii ol kaasanii in boo'an.
[5] Maqaa iddoo sanaas “Bokiim” jedhanii in moggaasan [“Bokiim” jechuun “Iddoo warra boo'anii” jechuu dha]; iddoodhuma kanattis Waaqayyoof qalma in dhi'eessan.
[6] Iyaasuun saba Israa'el gara iddoo iddoo isaaniitti yeroo ergetti, namoonni adduma addaan lafa ga'aa isaanii qabachuudhaaf in dhaqan.
[7] Guutummaa bara Iyaasuu fi bara jaarsoliin warri isa booddee hafanii hojii guddaa Waaqayyo saba Israa'eliif godhe hundumaa argan jiraatanitti, sabni sun Waaqayyoof hojjechaa turan.
[8] Iyaasuun ilmi Nun garbichi Waaqayyoo waggaa dhibbaa fi kudhan jiraatee in du'e.
[9] Namoonnis Tiimnaat Heres lafa dhaala isaatii biyya gaaraa isa kan Efreem irraa isa tulluu Ga'aash irraa gara bitaatti argamu keessatti isa in awwaalan.
[10] Dhaloonni yommus turan hundinuu erga du'anii booddee, dhaloonni Waaqayyoon, gochaa inni saba Israa'eliif godhes hin beekne in ka'e.
[11] Israa'eloonni Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan, Ba'aal waaqayyolii tolfamoos in waaqessan.
[12] Waaqayyoon goofticha isa abboonni isaanii sagadaniif, isa biyya Gibxiitii isaan baase dhiisanii, saba naannoo isaanii jiran duukaa bu'anii waaqayyolii tolfamoo isaaniitiif in sagadan; kanaanis Waaqayyoon in dheekkamsiisan.
[13] Waaqayyoon dhiisanii Ba'aalii fi Ashtaarot waaqayyittii tolfamtuu in waaqessan.
[14] Kanaaf dheekkamsi Waaqayyoo Israa'el irratti boba'ee, warra isaan saamanitti dabarsee isaan kenne; harka diinota naannoo isaaniittis raawwatee waan isaan galcheef, sabni Israa'el diinota isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye.
[15] Waaqayyo akkuma kakuudhaan isaanitti dubbatee turetti, yeroo lolaaf ba'an hundumaatti waan hamaa isaanitti in fida ture; kanaafis yaadni isaanii guddaa in dhiphate.
[16] Yommus Waaqayyo, Israa'eloota harka saamtotaa jalaa akka baasaniif, abboota firdii isaaniif in kaase.
[17] Isaan garuu Waaqayyoof amanamuu dhiisanii, waaqayyolii biraaf of kennanii isaaniif sagadan malee, abboota firdii isaaniif iyyuu hin dhageenye; abboonni isaanii abboommii Waaqayyoo in eegu turan; isaan kun garuu akkas gochuu dhiisanii, dafanii karaa abboonni isaanii irra adeeman irraa in jal'atan.
[18] Waaqayyo abbaa firdii yommuu isaaniif kaasu, bara jireenya abbaa firdii sanaa hundumaatti isaa wajjin ta'ee, Israa'eloota harka diinota isaanii keessaa in baasa ture; namoonni waan isaan rakkisanii cunqursaniif yeroo isaan aadanitti immoo Waaqayyo isaaniif in oo'e.
[19] Akkuma abbaan firdii sun du'een garuu deebi'anii dhaloota isaan dura turan caalaa hammaatanii, waaqayyolii biraa duukaa bu'anii, isaaniif in hojjetu, in sagaduufis turan; hojii isaaniitii fi mata-jabina isaanii keessaas tokko illee hin dhiifne.
[20] Kana irratti dheekkamsi Waaqayyoo saba Israa'el irratti in boba'e; Waaqayyo,“Sabni kun kakuu koo isa ani akka eeganiif abboota isaanii abboome cabsaniiru, anaafis hin dhageenye.
[21] Kanaafis saba warra yeroo Iyaasuun du'e achitti hafan sana, ani immoo fuula isaanii duraa ari'ee hin baasu.
[22] Sabni Israa'el akkuma abboota isaanii karaa koo irra in adeemuu fi hin adeemanii isaanii saba achitti hafan sanaan qoree nan ilaala” jedhe.
[23] Kanaaf Waaqayyo saba sana tokkichumaan ari'ee baasuu dhiisee, achumatti akka hafan godhe; harka Iyaasuuttis isaan hin kennine.