[1] Abiimelek erga du'ee booddee Israa'elin rakkina keessaa oolchuudhaaf tolaa ilma Phuwaa Dodootu ka'e; inni nama sanyii Yisaakor, biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa iddoo “Shaamiir” jedhamu jiraata ture.
[2] Tolaan waggaa digdamii sadiif Israa'elin in geggeesse; kana booddee du'ee Shaamiiritti in awwaalame.
[3] Tolaan erga du'ee booddee, Yaa'iir namni sanyii Giil'aad ka'ee Israa'elin waggaa digdamii lamaaf in geggeesse.
[4] Yaa'iir ilmaan soddoma qaba ture; isaan immoo harroota soddoma yaabbatanii kan adeemanii dha; Giil'aad keessaa mandaroota soddoma warra hamma har'aatti iyyuu“Mandaroota Yaa'iir” jedhamanii waamaman qabu turan.
[5] Yaa'iiris du'ee iddoo “Qaamon” jedhamu tokkotti in awwaalame.
[6] Israa'eloonni ammas Waaqayyoon dhiisanii Ba'aalii fi Ashtaarotiif akkasumas waaqayyolii Aaramiif, waaqayyolii Sidoonii fi Mo'aabiif, waaqayyolii Amoonotaa fi kan Filisxeemotaaf sagaduu isaaniitiin Waaqayyo duratti waan hamaa hojjetan; isaaf garuu hin hojjenne.
[7] Kanaaf Waaqayyo dheekkamsa isaa isaan irratti bobeessee harka warra Filisxeemotaa fi warra Amoon jala isaan galche.
[8] Isaan immoo waggaadhuma sanaa jalqabanii, waggaa kudha saddeetiif Israa'eloota warra laga Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu Giil'aad biyya warra Amoorotaa keessa jiraatan hundumaa gad cabsanii isaan in cunqursan.
[9] Warri Amoon yommuu gosa Yihudaa, gosa Benyaamiinii fi sanyii Efreem loluudhaaf laga Yordaanos ce'anitti, Israa'eloonni guddaa in dhiphatan.
[10] Yommus Israa'eloonni gara Waaqayyotti iyyanii,“Si Waaqayyo keenya dhiifnee Ba'aal waaqayyolii tolfamoodhaaf sagaduu keenyaan si duratti cubbuu hojjenneerra” jedhan.
[11] Waaqayyo immoo deebiseefii,“Ani warra Gibxii, warra Amoonii fi warra Filisxeem jalaa isin baaseera mitii ree”
[12] Warri Sidoon, warri Amaaleqii fi warri Maa'on yommuu isin cunqursan, isin gara kootti in iyyattan, ani immoo isin nan oolche.
[13] Amma garuu sababii isin ana dhiiftanii waaqayyolii ormaaf sagaddaniif, anis deebi'ee isin hin oolchu.
[14] Dhaqaatii waaqayyolii warra fo'attan sanatti iyyadhaa! Isaan gidiraa keessaa isin haa oolchan!” jedheen.
[15] Israa'eloonni immoo Waaqayyoon,“Nuyi cubbuu hojjenneerra; ati waanuma gaarii ta'ee sitti mul'atte nu irratti hojjedhu! Miilanaaf garuu hadaraa nu oolchi!” jedhan.
[16] Kana booddee waaqayyolii ormaa of gidduudhaa baasanii Waaqayyoof in hojjetan; Waaqayyo immoo rakkina Israa'el irra ga'e kanaaf in gadde.
[17] Warri Amoon lolaaf walitti waamamanii Giil'aad keessa buufannaan, Israa'eloonni walitti qabamanii mandara Miisphaa keessa buufatan.
[18] Gurguddoonni warra Giil'aadis walii isaaniitiin,“Nu keessaa namni duraan dursee Amoonota loluu jalqabu, warra Giil'aad keessa jiraatan hundumaa irratti dura-buutuu haa ta'u!” jedhan.