[1] Gaafas Deboraanii fi Baaraaq ilmi Abiino'aam faarfannaa kanatti fufee jiru in faarfatan.
[2] Geggeessitoonni geggeessuu isaaniitiif, sabni Israa'elis fedha isaaniitiin of kennuu isaaniitiif, Waaqayyoon jajadhaa!
[3] Ani ofii kootii Waaqayyoon nan faarfadha, Waaqayyo gooftaa Israa'eliif qooqa mi'a garaa garaas nan dhageessisa; kanaaf yaa mootota nana dhaga'aa, isinis yaa gurguddoota nana gurra keessan as qabaa!
[4] Yaa Waaqayyo yommuu ati tulluu Se'iirii kaate, biyya Edoom keessaas yommuu ati adeemte, lafti in rom'ite, bantiiwwan waaqaa bishaan in dhangalaasan, duumessoonnis bokkaa in roobsan.
[5] Tulloonni, Siinaatti akkuma ta'e, tullootan Waaqayyo duratti, fuula Waaqayyoo gooftaa Israa'el duratti in socho'an.
[6] Bara Shamgaar ilma Anaat, bara Yaa'elittis karaan guddaan in one, namoonni karaa adeemanis daandii jajal'oo irra goran.
[7] Hamma gaafa ani Deboraan Israa'eliif haadha ta'ee ka'etti, namoonni biyya keessa jiraachuun dadhabamee ture.
[8] Israa'eloonni waaqayyolii haaraa fo'atan; yommus lolli karra kellaa isaanii duratti isaan irratti ka'e, garuu Israa'eloota kuma afurtama gidduutti gaachannii fi eeboon hin argamne.
[9] Garaan koo warra Israa'elin ajajaniif, warra saba gidduudhaa fedha isaaniitiin of kennan bira jira; Waaqayyoon jajadhaa!
[10] Isin warri harree adaadii yaabbattanii, baladii irra teessan, karaa irras kan adeemtan, waa'ee isaa yaadatti qabadhaatii himaa!
[11] Isaan sagalee warra bishaan bidiruutti to'anii obaasanii caalaatti, wanta Waaqayyo qajeelummaa isaatiin hojjete, isa inni qajeelummaa isaatiin Israa'eloota biyya keessa jiraataniif godhes wal harkaa fuudhanii in odeessan; yommus sabni Waaqayyoo gara karra mandaraatti in ba'an.
[12] Ka'i, Deboraa ka'i! Ka'i, ka'iitii faarfadhu! Yaa Baaraaq ilma Abiino'aam atis ka'i, warra boojite fudhadhuutii dhaqi!
[13] Yommus warri hafan gara gurguddoota biyyaatti gad bu'an; sabni Waaqayyoo immoo loltootaa wajjin anaaf in birmatan.
[14] Warri dhufanis, gosa Efreem keessaa warra Amaaleqoota irratti ka'anii dha; isaan kun,“Yaa Benyaamiin, nuyi siif namoota kee duukaa jirra” jedhan; sanyii Maakiir keessaa warra loltoota ajajan, sanyii Zebuloon keessaa warra ulee aboo argisiisu baatantu dhufe.
[15] Gurguddoonni gosa Yisaakor Deboraa wajjin turan; Baaraaq dafee Yisaakor duukaa gara dachaatti gad in bu'e; gosi Ruuben garuu yeroo dheeraa itti yaadanii murtoo gochuu hin dandeenye.
[16] Maaliif karra hoolotaa gidduu teessanii, mar'annaa isaanii dhaggeeffachuuf booddeetti haftan” Eyyee, gosi Ruuben yeroo dheeraa itti yaadanii murtoo gochuu hin dandeenye.
[17] Warri Giil'aad laga Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu taa'an; gosi Daan maaliif markaba biratti hafan” Gosi Asheeris qarqara galaanaa lafa namatti tolu sanatti in hafan.
[18] Gosi Zebuloon saba du'aaf kutatee dha; gosi Niftaalemis lafa lolaatti gara-kuteeyyii turan.
[19] Mootonni dhufanii in lolan; yommus mootonni Kana'aanis mandara Ta'anaatti bishaan Megidoo biratti in lolan; garuu meetii, waan biraas tokko illee hin saamne.
[20] Urjoonni waaqa keessaa itti in duulan, urjoonni toora isaanii irra jiran Siiseraa in lolan.
[21] Bishaan Qiison, bishaan inni durii durii sun, isaan haree in sokke; egaa yaa mogolee ko jabaadhuu itti adeemi!
[22] Fardeen isaanii warri humna-qabeeyyiin dha'iidhaan didichanii in dhufan.
[23] Ergamaan Waaqayyoo, “Biyya Meroz abaaraa! Warri ishee keessa jiraatanis, Waaqayyoon gargaaruudhaaf, loltoota gidduuttis gara isaa goruudhaaf waan isaan hin ba'iniif, cimsaatii isaan abaaraa!” jedhe.
[24] Yaa'el haati manaa Heber Qenichaa dubartoota keessaa haa jajamtu! Dubartoota godoo keessa jiraatan hundumaa caalaas eebbifamtuu haa taatu!
[25] Siiseraan bishaan ishee kadhannaan, aannan kenniteef, itittuus qabee-unataa warra gurguddootaatti in dhi'eessiteef.
[26] Harka ishee gara qofoo dunkaanichaatti hiixattee, harka ishee mirgaatiin immoo buruusa hojjetootaa fudhatte; rukuttaa buruusichaatiin mataa Siiseraa cabsitee, qofoo sana immoo illee isaa keessa baafte.
[27] Yommus Siiseraan miilla Yaa'el jalatti gombifamee in kufe; achitti in jorga'e; inni miilla ishee jalatti gombifamee in kufe. Lafa gombifame sanatti kufee, lubbuun isaa keessaa in baate.
[28] Haati Siiseraa karaa hulaa qaawwa xixinnoo keessaan gad ilaaltee, iyyitee“Maaliif konkolaataan mucaa kootii dhufuu dide” Maaliif sagaleen konkolaattota isaatii hin dhaga'amu?” jette.
[29] Giiftoliin beektoonni ishee wajjin turan, gaaffii isheetiif deebii in kennan; isheen immoo irra deddeebitee ofii isheetti dubbattee,
[30] “Namoota isaa wajjin boojuu argatanii hirmaachuutti jiru mitii” Boojuu argatan sana keessaa adduma addaan dubartii tokko tokko yookiis lama lama, Siiseraadhaaf uffata mimmiidhagaa, anaaf immoo uffata hodhame dotteeffame, akkasumas morma kootiif uffata kuula baay'ee qabu in hirmaatu” jette.
[31] Yaa Waaqayyo diinonni kee akkasuma haa badan! Warri si jaallatan garuu, akka biiftuu humna ishee guutuudhaan baatee ibsituu haa ta'an! Kana booddee biyyattiin waggaa afurtamaaf gabiitti in jiraatte.