Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:44

[1] Bara duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera.

[2] Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa uume; waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe.

[3] Ifni ulfina Waaqayyoo isa irraa in calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan in mul'ata; dubbii isaa isa humna-qabeessaanis waan uumame hundumaa in baata. Inni cubbuuttii qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra-qabeessaa dhaqee in taa'e.

[4] Kanaanis maqaan Waaqayyo isaaf kenne maqaa ergamootaa irra caalaa beekamaa akkuma ta'e, innis ergamoota irra caale.

[5] Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, ?Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche? yookiis eenyuun, ?Ani isaaf abbaa nan ta'a, innis ilma anaaf in ta'a? jedhee beeka?

[6] Waaqayyo ilma isaa isa angafa waan hundumaa, gara biyya lafaatti yommuu erge immoo, ?Ergamoonni Waaqayyoo hundinuu isaaf haa sagadan!? jedhe.

[7] Waa'ee ergamootaa illee, ?Inni ergamoota isaa akka qilleensaa, warra isaaf ergamanis akka arraba ibiddaa in godhata? jedhe.

[8] Waa'ee ilmaa garuu, ?Teessoon kee yaa Waaqayyo, baraa hamma baraatti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti.

[9] Ati qajeelina jaallattee jal'ina jibbite; kanaaf Waaqayyo kee, waaqayyichatu si dibee, dibata gammachuu kanaanis warra sii wajjin jiran irra si caalchise? jedhe.

[10] Ammas immoo, ?Ati yaa gooftaa, jalqabatti hundee lafaa jabeessiteetta, bantiin waaqaa hundinuus hojii harka keetii ti.

[11] Ati haftee in jiraatta; isaan garuu baduuf jiru, hundumti isaaniis akka uffataa in moofa'u;

[12] akka wayyaas isaan in marta, akka uffataas in geddaramu; ati garuu hin geddaramtu, waggoonni kees dhuma hin qaban? jedhe.

[13] Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, ?Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti gara mirga koo taa'i!? jedhee beeka?

[14] Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree?

Ergaa Gara Ibrootaatti Ergame — Chapters