[1] Wanta dubbannu keessaa, ?Nuyi angafa lubootaa isa bantii waaqaa keessatti, gara mirga teessoo Waaqayyoo surra-qabeessaa taa'e akkasii qabna? isa jedhutu hunduma irra caala.
[2] Inni godoo qulqullaa'aa sana keessatti, godoo namni dhaabe utuu hin ta'in, godicha isa dhugaa Waaqayyo gooftaan dhaabe sana keessatti, angafa lubootaa ta'ee in hojjeta.
[3] Angafa lubootaa kan ta'e hundinuu kennaa fi aarsaa dhi'eessuudhaaf hojii irra in dhaabama; kanaaf inni kunis immoo waan dhi'eessu qabaachuun isaaf in barbaachisa.
[4] Luboonni akka seerichaatti kennaa dhi'eessan waan jiraniif, inni utuu fooniin biyya lafaa irra jiraate iyyuu luba akka isaanii hin ta'u ture.
[5] Isaan godoo isa akka gaadidduu isa waaqa irraatti garagalfame sana keessatti in hojjetu; fakkeenyi godoon sun ittiin ijaarame Museetti argisiifamee ture. Yeroo inni godoo sana ijaaruuf ka'etti Waaqayyo, ?Ammas waan hundumaa fakkeenya isa gaara irratti sitti argisiifame sanaan akka hojjettuuf akeekkadhu!? ittiin jedhe.
[6] Yesus hojii lubummaa isa kan isaanii irra fagoo caalu fudhate; hammuma hojiin isaa caalu immoo, kakuun inni Yesus Waaqayyoof namoota gidduu dhaabe, inni abdii caalu irra dhaabatu sun guddaa in caala.
[7] Kakuun inni duraa hir'ina hin qabu utuu ta'ee, isa lammaffaa iddoo buusuun hin barbaachisu ture.
[8] Balleessaan isaan irratti argamnaan raajichi, ? ?Kunoo guyyoonni tokko in dhufu; guyyoota sanatti ani mana Israa'elii fi mana Yihudaaf kakuu haaraa iddoodhaan nan ga'a? jedha gooftichi.
[9] ?Garuu kakuun kun akka isa duraa miti; harka qabee gaafan biyya Gibxii isaan baase, kakuu sana abboota isaaniif nan dhaabe; isaan kakuu koo sanatti jabaatanii hin hafne, anis jabeessee isaaniif hin yaanne? jedha gooftichi.
[10] Guyyoonni sun yeroo ga'an, kakuu ani mana Israa'eliif kakadhu, ?Seera koo yaada isaanii keessa nan kaa'a, garaa isaanii keessattis isa nan caafa; ani isaaniif Waaqayyo nan ta'a, isaanis anaaf saba in ta'u, isa jedhuu dha? jedha gooftichi.
[11] Itti dabalees, ?Namni tokko iyyuu si'achi nama biyya isaa yookiis obboleessa isaa gooftaa bari! jedhee hin barsiisu; xixinnayyoota isaaniitii jalqabanii hamma gurguddoota isaaniitti hundumti isaanii na beeku.
[12] Jal'ina isaaniittii isaan nan maara, cubbuu isaaniis deebi'ee hin yaadadhu? jedheera? jedhe.
[13] Waa'ee kakuu haaraa dubbachuun isaa inni duraa moofa'eera jechuu isaa ti; wanti moofa'e, wanti dulloomes badduu ba'uu ga'eera.