Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:16

[1] Kanaafis yaa obboloota Waaqayyoof qulqullooftanii, waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaattanii! Yesusin ergamaa fi angafa lubootaa, isa amantii keenyaan beeksifnu yaadadhaa!

[2] Akkuma Museen guutummaa mana Waaqayyoo keessatti amanamaa ta'e, innis Waaqayyo isa hojii kana irra isa dhaabeef amanamaa ture.

[3] Namni mana ijaaru manicha caalaa ulfina akkuma qabu, Yesus, Musee caalaatti ulfina guddaa argachuuf kan male ta'eera.

[4] Manni illee adduma addaan nama tokkoon in ijaarama; inni wanta hundumaa ijaare garuu Waaqayyoo dha.

[5] Ammas Museen akka hojjetaatti wanta Waaqayyo dubbachuuf jedhu dhugaa ba'uudhaaf, guutummaa mana Waaqayyoo keessatti amanamaa ture.

[6] Kristos garuu akka ilmaatti mana Waaqayyoo irratti amanamaa ture; nuyis amanannaa keenyaaf abdii isa ittiin of jajnu jabeessinee yoo qabanne, nuyi mana isaa ti.

[7] Kanaafis akkuma hafuurri qulqulluun jedhu, ?Har'a, sagalee Waaqayyoo yeroo dhageessan,

[8] akkuma warra guyyaa qoramsaa sanatti lafa onaatti, Waaqayyo irratti ka'an sanaa, isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa!

[9] Waaqayyo, ?Yeroo sanatti abboonni keessan hojii koo arganiiru, garuu qoranii na ilaalan.

[10] Kanaafis ani waggaa afurtamaaf dhaloota sanatti nan aare, garaa isaanii keessatti yeroo hundumaa karaa irraa in kaatu, isaan karaa koos hin barin jiru.

[11] Yeroo dheekkamsa koo sanattis, isaan matumaa iddoo boqonnaa kootti hin galan! jedhee kakadheera? jedhe?.

[12] Yaa obboloota nana! Isin keessaa tokko illee garaa hamaa isa hin amanne, isa Waaqayyo jiraataa irraa gara galuus akka hin qabaannetti of eeggadhaa!

[13] Garuu isin keessaa namni tokko illee gowwoomsaa cubbuutiin mata-jabeessa akka hin taanetti, guyyaan ?Har'aa? inni nuyi sagalee Waaqayyoo itti dhageenyu utuu hin darbin, guyyuma guyyaatti wal jajjabeessaa!

[14] Nuyi amanannaa keenya isa duraa sana hamma dhumaatti jabeessinee yoo qabanne, warra Kristosittii qooda qaban in taana.

[15] Caaffanni qulqullaa'aanoo, ?Har'a sagalee isaa yeroo dhageessan, akkuma warra isa irratti ka'an sanaa, isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa!? in jedha.

[16] Warri sagalee Waaqayyoo dhaga'anii isarratti ka'an eenyufa'i? Warruma geggeessaa Museetiin biyya Gibxii ba'an sana mitii ree?

[17] Waaqayyo waggaa afurtama eenyufa'itti aare? Warruma cubbuu hojjetanii, lafa onaa keessatti kufanii, reeffi isaanii bakkeetti hafetti mitii ree?

[18] Warruma isatti amanuu isaaf abboomamuus didan sana irraa kan hafe, iddoo boqonnaa isaatti akka hin galle eenyufa'itti kakate?

[19] Egaa isaan amantii dhabuu irraa kan ka'e, iddoo sanatti galuu akka dadhaban, nuyi in argina.

Ergaa Gara Ibrootaatti Ergame — Chapters