[1] Ani Phaawulos, Kristos Yesusiif jedhee hidhamee utuun jiruu, Ximotewos obboleessa keenyaa wajjin, gara Filemon jaallatamaa hojiittis hidhata keenya ta'eetti,
[2] akkasumas gara obboleettii keenya Aaphifiiyaatti, gara Arkiphos isa wal'aansoo keessatti hidhata keenya ta'eetti, gara waldaa mana keetti walitti qabamuuttis, kana caafuu koo ti.
[3] Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!
[4] Yeroon kadhata koo keessatti maqaa kee dha'u hundumaatti Waaqayyo koo nan galateeffadha.
[5] Jaalalaa fi amantii ati gooftaa Yesusii fi, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis qabdu dhaga'eera.
[6] Wanta gaarii ta'ee nu keessatti Kristosiif hojjetu hundumaa hubattee, hojii amantii keessaa hirmaachuu kee caalaa akka mul'iftuuf nan kadhadha.
[7] Yaa obboleessa ko, ati warra Waaqayyoof qulqullaa'an garaa ciibsiteetta; kanaanis ani jaalala kee keessaa gammachuudhaaf jajjabina baay'ee argadheera.
[8] Ani waan gochuun siif ta'u si abboomuudhaaf karaa Kristos ija jabina illee qaba;
[9] garuu ani Phaawulos jaarsichi, ammas Kristos Yesusiif jedhee kanan hidhame, jaalalaaf jedhee si gorsuu nan fo'adha.
[10] Waa'ee ilma koo Oneesimos isa ani mana hidhaa keessa taa'ee abbaa ta'eefii, sin dhageessifadha.
[11] Innis dur siif dhimma kan hin baafne ture; amma garuu siif, anaafis dhuguma dhimma kan baasuu dha.
[12] Isa deebisee gara keetti ergeera, garaan koos isa duukaa dhufeera.
[13] Ani illee wangeelaaf jedhee yeroo ani hidhamee jiru kanatti, qooda kee akka inni anaaf hojjetuuf of bira tursiisuu barbaadeen ture.
[14] Garuu hojii gaariin ati hojjettu giddiidhaan utuu hin ta'in fedha garaa keetiitiin akka ta'uuf, yaada kee duuba ani waan tokko illee gochuu hin jaallanne.
[15] Tarii yeroodhaaf si irraa gargar ba'uun isaa yeroo hundumaa ati akka isaa wajjin haftuuf ta'a.
[16] Si'achi akka obboleessa jaallatamaa isa garbichaa oliitti isa fudhadhu malee, akka garbichaatti miti; anaaf iyyuu erga akkas jaallatamaa ta'ee, siif immoo namummaa isaatiin, gooftaattis attam caalchisee siif haa ta'u ree?
[17] Ammas ani hidhata kee ta'uu koo kan yaaddu erga ta'ee, ana akka na simtutti Oneesimosin simadhu.
[18] Inni waa sitti balleessee yoo jiraate yookiis gatii yoo isa irraa qabaate anatti lakkaa'i!
[19] Ani Phaawulos ?Gatii isa irraa qabdu siifan baasa? jedhee kana harka kootiin caafuu koo ti; kana malees oolchaa kootiif akka ati ofii kee gatii gootee anaaf baasuun si irra jiru sitti himuu ana hin barbaachisu.
[20] Egaa yaa obboleessa ko, maqaa gooftaatti dhimma kana anaaf raawwadhu! Kristosiif jedhiitii garaa na ciibsi.
[21] Waan ani sitti himu irra caalchiftee hojjechuu kee beekee, abboomamuu kees amanadhee, kana siif caafeera.
[22] Achumaan immoo kadhata keessaniin Waaqayyo isiniif na kenna jedhee waanan abdadhuuf, iddoo buufataa anaaf qopheessi!
[23] Ephafraas, maqaa Kristos Yesusiif jedhee anaa wajjin hidhamee kan jiru nagaa siif dhi'eessa.
[24] Maarqos, Arisxaarkos, Deemaas, Luqaasis hojiitti hidhata koo kan ta'an nagaa siif dhi'eessu.
[25] Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa ta'u.