[1] Seerichi garuu gaadidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa ti malee, bifa dhugaa isa isaan ittiin mul'atan miti; inni karaa aarsaa waggaa waggaadhaan utuu gargar hin citin dhi'eeffaman sanaa, warra dhi'aatan fiixaan kan ba'an gochuu matumaa hin dandeenye.
[2] Warri Waaqayyoof sagadan yeroo hundumaaf akka ta'utti, al tokkicha dhuguma cubbuu isaaniittii utuu qulleeffamaniiru ta'ee, cubbuun isaanii yaada garaa isaaniitti waan hin dhaga'amneef, aarsaa dhi'eessuun in hafa ture mitii ree?
[3] Amma garuu aarsaa waggaa waggaatti dhi'aataniin namoonni cubbuu isaanii in yaadatu.
[4] Dhiigni korommii fi re'ootaa cubbuu namootaa irraa fuudhuu matumaa hin danda'u.
[5] Kanaaf Kristos gara biyya lafaa yommuu dhufe, ?Ati aarsaa, kennaas hin jaallanne, garuu dhagna abboomamuu anaaf qopheessiteetta.
[6] Ati kennaa qalmaa isa gubamutti, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuttis hin gammanne;
[7] kanaaf ani immoo, ?Macaafa maramu keessatti waa'ee kootiif akkuma caafamee jiru, yaa Waaqayyo, kunoo, ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera? nan jedhe? jedhee dubbate.
[8] Utuma isaan kun akka seerichi abboomutti dhi'aatanii iyyuu, kana gara irraatti, ?Ati aarsaa, kennaas, kennaa qalmaa isa gubamu, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatus hin jaallanne, ittis hin gammanne? jechuu isaa argineerra.
[9] Itti dabalees immoo, ?Kunoo ani jaalala kee raawwachuudhaaf dhufeera? jedheera; kanaanis aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuudhaaf, isa duraa iddoodhaa fuudhe.
[10] Akka jaalala Waaqayyoo sanatti, dhagni Yesus Kristos yeroo hundumaaf akka ta'utti, al tokkicha aarsaa ta'ee dhi'eeffamuudhaan nuyi Waaqayyoof qulqulleeffamneerra.
[11] Lubni guyyaa guyyaan dhaabatee, hojii lubummaa isaa in hojjeta; aarsaa isa cubbuu namoota irraa fuudhuu matumaa hin dandeenye sanas deddeebi'ee in dhi'eessa.
[12] Kristos garuu al tokko aarsaa dhi'eessee, bara baraan gara mirga Waaqayyoo taa'e.
[13] Achi taa'ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa hamma godhamanitti in eeggata.
[14] Al tokkicha aarsaa dhi'eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman yeroo hundumaaf akka fiixaan ba'an godheera.
[15] Hafuurri qulqulluunis immoo waa'ee kanaa dhugaa nuuf ba'a.
[16] Inni duraan dursee, ?Guyyoonni sun yeroo ga'an, kakuu ani isaaniif kakadhu, ?Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa'a, yaada isaanii keessattis isa nan caafa isa jedhuu dha? jedha gooftichi? jedhee dhugaa ba'eef.
[17] Itti dabalees, ?Waaqayyo, ?Ani cubbuu isaanii, jal'ina isaaniis deebi'ee hin yaadadhu? jedheera? jedhe.
[18] Isaan kanaaf dhiifamuun erga argamee immoo, aarsaan sababii cubbuutiif dhi'aatu in hafa.
[19] Egaa yaa obboloota ko! Yesus dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti galuudhaaf ija jabina qabna.
[20] Inni foon isaatiin karaa haaraa, karaa yeroo hundumaa jiraatu golgaa sana keessa nuuf bane.
[21] Lubicha guddicha isa manni Waaqayyoo itti kenname qabna.
[22] Kanaafis nuyi warra yaadni garaa isaanii hamminattii qulleeffame, dhagni isaaniis bishaan qulqulluudhaan dhiqame taanee, kottaa garaa dhugaadhaan, amantii guutuudhaanis Waaqayyootti in dhi'aannaa!
[23] Inni abdii nuuf kenne amanamaa dha; kanaafis kottaa abdii keenya beeksisuutti jabaannee in qabamnaa!
[24] Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa!
[25] Akka jara tokkotti amala ta'e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhi'aachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina.
[26] Nuyi dhugaa hubannee erga beeknee booddee, jaallannee beekaa cubbuu yoo hojjenne, aarsaan sababii cubbuutiif dhi'aatu si'achi hin jiru.
[27] Firdiinii fi ibiddi hinaaffaa inni warra Waaqayyoon morman gubu garuu, sodaadhaan eeggatamaa jiru.
[28] Namni seera Musee hojii irra akka hin oolle godhe, dhuga-baatonni lama yookiis sadii erga dhugaa itti ba'anii oo'a malee in ajjeefama.
[29] Nama ilma Waaqayyootti miilla haxaa'atuuf, nama dhiiga kakuu isa ittiin qullaa'e sana waan xuraa'aatti lakkaa'uuf, hafuura ayyaana namaaf kennu isa arrabsuufis, adaba isa irra hammaatu hammamiitu isaaf mala jettanii yaaddu ree?
[30] Nuyi, ?Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa? akkasumas immoo, ?Gooftichi saba isaa firdiitti in dhi'eessa? isa jedhe sana in beekna.
[31] Waaqayyo isa jiraataa harka bu'uun guddaa sodaachisaa dha.
[32] Guyyoota jalqaba itti ifa argatanii, wal'aansoo guddaa dhiphina of keessaa qabu obsaan dandeessan sana yaadadhaa!
[33] Isin keessaa kaan mul'inatti arrabsamanii rakkataniiru; kaan immoo hidhata warra mul'inatti arrabsamanii rakkatanii turan.
[34] Isin warra hidhamanii wajjin dhiphattaniittu; qabeenya isa caalaa wayyuu fi isa hin darbine akka qabdan waan beektaniifis, saamamuu qabeenya keessanii gammachuudhaan fudhattaniittu.
[35] Ammas amanachuu keessan isa gatii guddaa qabu hin gatinaa!
[36] Jaalala Waaqayyoo gootanii, isa Waaqayyo abdachiise argachuudhaaf obsaan danda'uun isin in barbaachisa.
[37] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Yeroo xinnoo isheetu jira, inni dhufuuf jiru sunis, in dhufa malee hin turu;
[38] inni qajeelaan kan kootii, amantiidhaan jireenya dhugaa in argata; namni yoo dugda anatti gate garuu, garaan koo itti hin gammadu? in jedha.
[39] Nuyi warra amantii qabanii fi warra lubbuu isaanii oolfatanii dha malee, warra badiisaaf dugda isatti gatan miti.