Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:29

[1] Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa!

[2] Keessummoota simuu hin dagatinaa! Karaa kanaa namoonni utuu hin beekin ergamoota Waaqayyoo simataniiru.

[3] Akka waan ofii isaanii wajjin mana hidhaa keessa jirtaniitti, warra hidhaman yaadadhaa! Akka waan ofii isaanii wajjin miidhamuutti jirtaniitti namoota warra miidhamaa jiran yaadadhaa!

[4] Gaa'elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta'u, ciisichi gaa'elaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira.

[5] Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta'in, wanta argattaniin ?Nu ga'a? jedhaa! Waaqayyo, ?Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!? jedheera.

[6] Kanaafis amanannee, ?Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu danda'a ree?? in jenna.

[7] Warra isin geggeessanii, dubbii Waaqayyoo isinitti himanii turan yaadadhaa! Attamitti akka jiraatan akka du'anis, jireenya isaanii keessaa wanta argames ilaalaa, fakkeenya amantii isaanii fudhadhaa duukaa bu'aa!

[8] Yesus Kristos kaleessa isuma ture, har'as bara baraanis isuma sana!

[9] Barsiisa garaa garaatiin, barsiisa orma ta'e hundumaanis karaa irraa hin kaachifaminaa! Garaan namaa waa'ee seera wanta nyaatamuuf of eeggachuudhaan utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyootiin jabina argachuun gaarii dha; seerri nyaataa sunoo warra isa eeggataniif iyyuu waa'ee hin baafne.

[10] Nuyi iddoo aarsaa warri godoo sana keessa hojjetan irraa nyaachuun hin kennaminiif qabna.

[11] Angafni lubootaa dhiiga horii aarsaaf qalamanii, aarsaa cubbuutiif gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu sanatti ol in galcha; foon horii sanaa garuu iddoo buufataa keessaa gad baafamee in gubama.

[12] Yesusis akkasuma dhiiga ofii isaatiin saba qulleessuudhaaf karra mandarichaa duubatti dhiphate.

[13] Kanaafis kottaa nuyi arrabsoo isa irra ga'e baannee, iddoo buufataa duubatti gara isaa in dhaqnaa!

[14] Nuyi mandaricha isa dhufuuf jiru in eegganna malee, biyya lafaa kanaa mandara dhaabataa hin qabnu.

[15] Egaa kottaa karaa isaa utuu gargar hin kutin, aarsaa galataa Waaqayyoof in dhi'eessinaa! Aarsichis maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa ba'uu dha.

[16] Wanta gaarii gochuu, waan qabdan warra kaaniin ga'uus hin dagatinaa! Waaqayyo aarsaa akkasiitti in gammada.

[17] Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waa'ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf! Kanas gaddaan utuu hin ta'in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba'eessa miti.

[18] Nuyi karaa hundumaa waan gaarii hojjechuuf hawwa waan qabnuuf, yaadni garaa keenyaa akka nu hin ceephaane hubanneerra; isinis nuuf kadhadhaa!

[19] Caalaadhumatti iyyuu ani dafee deebi'ee akkan isiniif kennamuuf, cimsitanii akka kadhattan isinan gorsa!

[20] Ammas Waaqayyo inni nagaa kennu dhiiga kakuu bara baraa sanaan, gooftaa keenya Yesusin, tiksee hoolotaa isa guddicha warra du'an keessaa deebisee fideera.

[21] Innumti wanta isa gammachiisu karaa Yesus Kristos nu keessatti hojjechuudhaan, jaalala isaa akka gootaniif, waan gaarii hundumaan isin haa qopheessu! Kristosiif baruma baraan ulfinni haa ta'u! Ameen.

[22] Yaa obboloota nana! Ergaa kana gabaabseen isiniif caafe; gorsa koo immoo obsaan akka dhaggeeffattan isin nan kadhadha.

[23] Obboleessi keenya Ximotewosis gad dhiifamuu isaa beekaa! Anis yoo inni dafee dhufe, isaa wajjin dhufee isin nan arga.

[24] Warra geggeessituu keessan hundumaatti, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaattis nagaa keenya nuuf himaa! Obboloonni biyya Ixaaliyaatii dhufan nagaa isiniif in dhaamu.

[25] Ayyaanni Waaqayyoo hunduma keessanii wajjin haa ta'u!

Ergaa Gara Ibrootaatti Ergame — Chapters