[1] Kakuun inni duraa iyyuu lafa kana irratti seerrata sagadaa, godoo qulqullaa'aas qaba ture.
[2] Godoon tokko qopheeffamee ture; godicha keessaa kutaan gara balbalaa ?Iddoo qulqulluu? jedhama ture; isa keessa, baattuu ibsaa, gabatee buddeena ilaalchaa isa Waaqayyo duratti dhi'aatu sana baatu buddeenichaa wajjin in kaa'u.
[3] Golgaa isa lammaffaa garasiin inni jiru, inni gara booddee immoo, ?Iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu? in jedhama.
[4] Achi keessa immoo iddoo aarsaa isa warqee irraa hojjetamee ixaanni irratti aarfamu akkasumas sanduuqa kakuu guutummaan isaa warqeedhaan uffifametu jira; killi warqee inni maannaa baatu, uleen Aaron inni late akkasumas gabatoonni dhagaa lamaan warri abboommonni irratti caafaman, sanduuqa sana keessa in kaa'amu.
[5] Kiruubel ulfinaa lamaan isa irraan teessoo araaraa golboobanii jiru turan; waa'ee wanta kana hundumaa tokko tokkoon dubbachuuf garuu amma yeroo isaa miti.
[6] Egaa kun hundinuu akkasitti qopheeffame; luboonni guyyaa hundumaa hojii sagada isaanii raawwachuudhaaf, godicha keessaa kutaa isa gara balbalaatti in galu turan.
[7] Angafni lubootaa garuu kophaa isaa, godicha keessaa kutaa isa gara borootti, waggaatti guyyaa tokko duwwaa ol in gala; cubbuu inni ofii isaatii, sabni sunis utuu hin beekin hojjetaniif aarsaa dhi'eessuudhaaf, inni dhiiga baatee ol in gala.
[8] Isa kanaan hafuurri qulqulluun, hamma godoon inni duraa sun dhaabatee jirutti, gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti darbuudhaaf, karaan namaaf amma illee akka hin banamin, in argisiisa.
[9] Inni fakkeenya bara si'anaa ti; akka qophee kanaatti kennaawwan, aarsaawwan dhi'eeffamanis yaada garaa namicha isa sagadu sana qulleessanii, fiixaan baasuu hin danda'an.
[10] Isaan kun waa'ee nyaataa fi dhugaatii, waa'ee yeroo garaa garaatti of qulleessuudhaaf of dhiquu waan ta'aniif, seerrata namummaa isa duubaatiif kennamanii hamma seerichi haara'utti hojjetanii dha.
[11] Kristos garuu wanta gaggaarii dhufuuf jiraniif angafa lubootaa ta'ee yeroo mul'ate, gara godoo isa caalaa guddaa fi isa caalaa raawwatamaa keessaatti darbe; godichis harkaan hin ijaaramne, waan uumame kana keessaas hin qabu.
[12] Kristos aarsaadhaaf dhiiga re'ootaa fi dhiiga jibootaa baate utuu hin ta'in, dhiiga ofii isaa dhangalaasuu isaatiin al tokko bara baraan gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti ol gale; nuufis furee bara baraa argate.
[13] Egaa dhiiga re'ootaa fi korommii, daaraa foon goromsa aarfamtees, namoota xuraa'an sanatti facaasuun, xuraa'ummaa foon isaanii irraa isaan in qulleessa erga ta'ee,
[14] dhiigni Kristos isa hafuura bara baraatiin, aarsaa mudaa hin qabne godhee ofii isaa Waaqayyoof dhi'eesse immoo, isin hojii isa du'atti geessu dhiiftanii, Waaqayyo isa jiraataadhaaf hojjetoota akka taataniif, hammam guddaa caalchisee yaada garaa keessanii haa qulleessu ree?
[15] Kanaafis gidduu galee kakuu haaraa Waaqayyoo fi namoota gidduu kan dhaabu isa; irra-daddarbaa kakuu isa duraa jalatti hojjetan irraa duuni isaan furu erga argamee, kakuun haaraan sun, warri bara baraan itti darbanii fudhachuudhaaf waamaman abdii sana akka argataniif in barbaadama.
[16] Dhaamsi dhaalaa hojii irra ooluun yeroo ga'utti, namichi inni dhaala dhaameef sun akka du'e beekamuun irra jira.
[17] Dhaamsi dhaalaa gaafa namichi dhaala kenne sun du'e duwwaa hojii irra oola malee, utuu inni fayyaatti jiruu hojii irra ooluu hin danda'u.
[18] Kanaaf kakuun inni duraa iyyuu dhiiga malee hojii irra akka oolu hin godhamne.
[19] Museen abboommii seerichaa tokko tokkoon saba sana hundumaatti erga himee booddee, dhiiga jibootaa fi re'ootaa bishaanii wajjin fuudhee, baala hisoophi isa rifeensi hiddamaan diimaan itti marameen, macaafichatti, saba sana hundumaattis in facaase.
[20] Achumaanis, ?Kun dhiiga isa kakicha cimsuudhaaf Waaqayyo isiniif abboomee dha? jedhe.
[21] Akkasumas dhiigicha, godichaa fi qodaa achi keessaa seerri sagadaa itti hojjetamu hundumaatti facaase.
[22] Dhuguma iyyuu akka seerichaatti wanti hundinuu, dhiigaan in qulleeffama jechuun in danda'ama; dhiiga utuu hin dhangalaasin immoo dhiifamuun cubbuu hin jiru.
[23] Egaa wanti akka isa waaqa irraatti garagalfaman kun isaan kanaan qulleeffamuun in ta'aaf; warri waan dhugaa ta'anii waaqa irra jiran garuu, ofii isaaniitii aarsaa isaan kana irra caalaniin qulleeffamuu isaan barbaachisa.
[24] Kristos iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu, harkaan ijaarame fakkaattii isa dhugaa sanatti gale miti; inni bantii waaqaatti iddoo itti amma Waaqayyo duratti nuuf mul'atutti gale.
[25] Achitti galuun isaas akka angafni lubootaa dhiiga ofii isaatii kan hin ta'in baatee, waggaa waggaatti iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu sanatti galu, deddeebi'ee ofii isaa aarsaa dhi'eessuudhaaf miti.
[26] Utuu akkas ta'uu dhabaatee, inni uumamuu biyya lafaatii jalqabee irra deddeebi'ee dhiphachuun isa irra in ga'a ture; amma garuu dhuma barichaatti, yeroo hundumaaf akka ta'utti al tokkicha ofii isaa aarsaa dhi'eessuu isaatiin cubbuu balleessuudhaaf mul'ateera.
[27] Namoonni al tokko du'uuf kaa'amaniiru; isa booddee immoo firdiitti in dhi'aatu.
[28] Akkasuma Kristos inni cubbuu namoota baay'ee baachuudhaaf al tokko aarsaa ta'ee dhi'eeffame; si'a lammaffaa immoo waa'ee cubbuuf utuu hin ta'in, warra dhimmanii dhufa isaa eeggatan fayyisuudhaaf mul'achuuf jira.