Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:51

[1] Amantiin waan abdatan ?Dhuguma in ta'a? jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan hin argines akka waan arganiitti ?Jira? jedhanii lakkaa'uu dha.

[2] Sababii amantiitiif Waaqayyo biraa namoota bara duriitiif dhugaa ba'ameeraaf.

[3] Waaqnii fi biyyi lafaa sagalee Waaqayyootiin akka uumaman amantiidhaan in hubanna; akkasittis wanti ijaan argamu wanta hin mul'anne irraa hojjetame.

[4] Abeel amantiidhaan aarsaa isa kan Qaayin irra caalu Waaqayyoof dhi'eesse; Waaqayyo kennaa isaa fudhatee isaaf dhugaa ba'eera. Abeel amantii isaatiin qajeelaa akka ta'es dhugaa ba'ameeraaf; inni in du'e, garuu karaa amantii isaatii amma iyyuu dubbachaa jira.

[5] Henok du'a ijaan iyyuu akka hin arginetti amantiidhaan ol fudhatame; Waaqayyo waan isa fudhateefis hin argamne; ol fudhatamuu isaa dura immoo, Waaqayyoon gammachiisuun isaa dhugaa ba'ameeraaf.

[6] Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda'amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi'aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira.

[7] Nohi amantiidhaan isa Waaqayyo waa'ee waan yeroo sanatti ija namaatti hin mul'anneetiif akeekkachiise dhaga'ee sodaatee, warra mana isaa oolchuufis bidiruu tolfate; amantii isaatiin immoo biyya lafaatti yakka muree, qajeelina amantiidhaan argamus qabeenya isaa in godhate.

[8] Abrahaam biyya isaatii ba'ee, biyya itti darbee akka fudhatuuf isaaf yaadame tokko akka dhaquuf yeroo waamametti, amantiidhaan in abboomame; eessa akka dhaqu utuu hin beekinis in ba'e.

[9] Amantiidhaan akka ormaatti biyya isaaf abdachiifame sana keessa buufate; Yisihaqii fi Yaaqoob warri isaa wajjin laficha akka argataniif abdachiifaman isa booddeedhaan akkuma jiraatan, innis godoo keessa jiraate.

[10] Inni mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture.

[11] Inni abdii kenneef amanamaa akka ta'e, Abrahaam fudhatee waan tureef, Abrahaam inni barri isaa darbe iyyuu, Saaraan isheen dhala godhachuu hin dandeenyes amantiidhaan dhala godhachuuf humna argatan.

[12] Kanaafis sanyiin akka urjoota waaqa keessaa baay'atan, warri akkuma cirracha qarqara galaanaa lakkoobsa hin qabnes, namicha isa akkuma waan du'ee ture tokkicha sana irraa, dhalatan.

[13] Jarreen kun isa abdachiifaman yoo hin fudhanne ta'an iyyuu, amantii isaanii utuu hin dhiisin du'an; garuu isa abdachiifaman fagootti ilaalanii simachuudhaaf itti gammadaniiru, biyya lafaa irrattis ormaa fi kara-adeemtuu akka turan beekaniiru.

[14] Namoonni wanta akkasii beeksisan biyya ofii isaanii yaadaa akka jiran in argisiisu.

[15] Biyya isa keessaa ba'an sana in yaadu utuu ta'anii, itti deebi'uuf fucha in argatu turan.

[16] Amma garuu isaan biyya isa sana irra wayyu hawwaan in yaadu, innis isa waaqa irraa ti; kanaafis Waaqayyo, inni achitti mandara isaaniif qopheesse, Waaqayyo isaanii jedhamee waamamuutti hin yeella'u.

[17] Abrahaam yeroo ilaalamuuf qorametti, amantiidhaan Yisihaqin aarsaadhaaf dhi'eesse; isuma deddeebi'ee abdii argate sanatus ilma isaa isa tokkicha aarsaa dhi'eessuuf qophaa'e.

[18] Ilmi isaas, isa, ?Yisihaqiin sanyiin siif in lakkaa'ama? jedhamee itti dubbatamee turee dha.

[19] Waaqayyo warra du'an keessaa iyyuu nama kaasuu akka danda'u, Abrahaam yaada irra kaa'atee ture; ammas fakkeenya kanaatiin ilma isaa warra du'an keessaa deebisee akka argatetti in lakkaa'ama.

[20] Yisihaq amantiidhaan wanta gara fuula duraatti ta'uuf jiru dubbatee, Yaaqoobin, Esaawuus eebbise.

[21] Yaaqoob yeroo du'uuf jedhetti mataa dhaabata isaatiitti hirkatee, gugguufee utuu sagaduu, amantiidhaan ilmaan Yoseef adduma addaan eebbise.

[22] Yoseef dhuma jireenya isaa jala, sabni Israa'el akka achii ba'an amantiidhaan yaadatee dubbate, waa'ee awwaala lafee isaatiis isaanitti himate.

[23] Yeroo Museen dhalate, abbaan isaa fi haati isaa mucichi akka nama gammachiisu waan arganiif, amantiidhaan ji'a sadii isa dhoksan; isaan ajaja mootichaas hin sodaanne.

[24] Museen yeroo guddate amantiidhaan ilma intala Fara'oon jedhamee waamamuu dide.

[25] Yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu irra, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu fo'ate.

[26] Inni ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaa'ateef, sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaa'ate.

[27] Inni amantiidhaan dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaatin biyya Gibxii ba'e; isa ijaan hin argamne akka waan arguttis yaada isaatti jabaate.

[28] Inni amantiidhaan Faasiikaan akka ayyaaneffamu godhe, ergaan inni angafa kan ta'e hundumaa fixu sun akka isaanitti hin buunetti, dhiigicha balbalatti dibsiise.

[29] Sabni Israa'el amantiidhaan akka nama lafa gogaa irra adeemutti galaana diimaa ce'an; warri Gibxi akkuma isaanii gochuu yeroo yaalanitti garuu in liqimfaman.

[30] Warri Israa'el amantiidhaan Yerikoo marsanii, guyyaa torbaaf erga itti naanna'anii booddee, masaraan isaa in jige.

[31] Rahaab ejjituun warra gaadduu sana nagaadhaan waan simteef, amantiidhaan oolte malee, warra abboomamuu didanii wajjin hin balleeffamne.

[32] Kana caalaas dubbachuu na barbaachisaa ree? Waa'ee Gedewoon, Baaraq, Saamson, Yiftaa, Daawit, Saamu'el akkasumas waa'ee raajotaa isinitti odeessuuf immoo yeroon ana hin ga'u.

[33] Isaan keessaa kaan amantiidhaan mootummoota mo'anii, kaan waan qajeelaa hojii irra oolchanii, abdii argatanii, kaanis afaan leencotaa cufaniiru.

[34] Kaanis ibidda olotu dhaamsanii, qara billaa jalaa ba'anii, dadhabbii keessaa jabina argatanii, lolatti jaboo ta'anii, loltuu warra ormaas baqachiisaniiru.

[35] Dubartoonni namoota isaanii warra duraa du'an, du'aa kaafamnaaniif deebisanii fudhataniiru. Warri kaanis jireenya isa wayyuuf du'aa akka ka'aniif, gad dhiifamuu didanii harka warra isaan dhiphisaniitti dhiphatanii du'an.

[36] Warri kaan ga'oof ta'an, in reebaman, funyoo sibiilaatiin iyyuu hidhamanii, mana hidhaatti in galfaman.

[37] Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman.

[38] Biyyi lafaa warra akkasiif kan hin malle ture; amma garuu isaan biyya lafaa kanaaf kan hin malletti lakkaa'amanii, lafa duwwaa fi tulloota irra in jooran, holqaa fi boolla lafaa keessa jiraatan.

[39] Isaan kun hundinuu amantii isaaniitiif yoo dhugaa ba'ameef iyyuu, isa abdachiifame sana hin arganne.

[40] Waaqayyo duraan dursee wanta wayyu argee waan nuuf qopheesseef, isaan nuu wajjin malee kophaa isaanii fiixaan akka hin baane godhe.

Ergaa Gara Ibrootaatti Ergame — Chapters