Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:25

[1] Malkiisedeq kun mootii Saalem, luba Waaqayyoo isa hundumaa gara irraa jiruu ture; gaaf tokko Abrahaam mootota tokko rukutee mo'atees utuu deebi'uu, Malkiisedeq karaatti itti adeemee isa eebbise.

[2] Abrahaam immoo waan hundumaa irraa kudhan keessaa tokko qoodeef; Malkiisedeq akka hiikaa maqaa isaatiitti tokkoffaa ?Mootii qajeelummaa ti? akkasumas mootii Saalem, inni immoo, ?Mootii nagaa? jechuu dha.

[3] Inni abbaa, haadha, yookiis hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenya isaas jalqabaa fi dhuma hin qabu; garuu akka ilma Waaqayyoo bara baraan luba ta'ee in jiraata.

[4] Egaa Abrahaam abbaan qomoo wanta booji'e keessaa kudhan keessaa tokko erga isaaf kennee, Malkiisedeq kun guddaa attamii akka ture kanaan in argitu.

[5] Sanyii Lewwii ta'anii warri hojii lubummaa fudhatan, kudhan keessaa tokko saba isaanii irraa akka fuudhan, seeraan abboommii qabu; kudhan keessaa tokko sanas warra obboloota isaanii akkuma isaaniis sanyii Abrahaam turan irraa fuudhu jechuu dha.

[6] Namichi kun garuu sanyii isaanii keessaa utuu hin ta'in, Abrahaam isa abdiin kennameef irraa kudhan keessaa tokko fudhatee, isa eebbise.

[7] Inni xinnaan harka isa isa caalutti akka eebbifamu, namni falmu hin jiru.

[8] Kudhan keessaa tokkoon inni kun namoota du'uuf jiraniin in fuudhama; inni sun garuu luba isa in jiraata jedhamee dhugaa ba'ameef sanaan fuudhame.

[9] Lewwiin inni sanyiin isaa kudhan keessaa tokko fuudhu ofii isaatii iyyuu, yeroo sana karaa Abrahaam ?Kudhan keessaa tokko baaseera? jechuun in danda'ama.

[10] Yeroo Malkiisedeq Abrahaamitti adeeme, Lewwiin mudhii abaabilii isaa keessa ture.

[11] Ammas karaa seera lubummaa Lewwiidhaaf kenname sana fiixaan baafachuun utuu argameera ta'ee, inni akkuma lubummaa Aaronitti waamamee hafe, lubni biraa akkuma lubummaa Malkiisedeqitti kaafamuun maaliif barbaachise ree? Lubummaa Lewwii irratti sabni kun seera argate.

[12] Lubummaan sun yeroo geddaramu, seericha keessattis geddaramni giddiitti in barbaachisa.

[13] Inni amma waa'ee isaatiif dubbatamu immoo, gosa kan biraa keessaa ture; gosa kana keessaa namni takkaa akka lubaatti iddoo aarsaatti hin hojjenne.

[14] Gooftaan keenya gosa Yihudaa keessaa akka dhalate beekamaa dha; Museen waa'ee gosa kanaa yeroo dubbate immoo, waa'ee luba ta'uu isaanii homaa hin dubbanne.

[15] Lubni biraa inni akka Malkiisedeq gaafa ka'u immoo, inni dubbatame kun caalaadhumatti mul'ataa in ta'a.

[16] Lubni sun akka seeraa fi abboommii biyya lafa kanaatti hidda lakkaa'uudhaan utuu hin ta'in, humna jireenya hin badneetiin luba ta'e.

[17] Waa'ee isaatiif caaffata qulqullaa'aa keessatti, ?Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ati bara baraan luba in taata? jedhamee dhugaa ba'ameeraaf.

[18] Karaa tokko seerri inni duraa sun dadhabbii isaatiif, waa'ee utuu hin baasin hafuu isaatiifis diigameera.

[19] Seerichi, wanti tokko iyyuu fiixaan akka ba'u hin goone; karaa biraa immoo, abdiin caalu inni nuyi ittiin Waaqayyootti dhi'aannu iddoo bu'eera.

[20] Kun kakaa malee hin taane; warri duraan luboota ta'an hojii isaanii yeroo fudhatan, Waaqayyo hin kakanne.

[21] Inni kun yeroo lubummaa fudhate garuu Waaqayyo in kakateef; waa'ee isaatiif caaffata qulqullaa'aa keessatti, ?Gooftaan, ?Ati bara baraan luba in taata? jedhee kakateera, egaa inni yaada isaa hin geddaru? jedhamee caafameera.

[22] Kanaanis Yesus walii-galtee isa caalu isa kakaadhaan dhaabate sana amanamaa godhe.

[23] Luboonni warri duraa sababii du'aniif hojii isaanii itti fufuu waan hin dandeenyeef, namoota baay'eetu luba ta'e.

[24] Inni kun garuu bara baraan waan jiraatuuf, lubummaa isaa hojii dhaabataa godhee qabeera.

[25] Kana irraa kan ka'es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda'a.

[26] Angafa lubootaa, isa qulqulluu, waan ittiin jedhan hin qabne, xurii hin qabne, isa cubbamoota irraa gargar ba'ee bantiiwwan waaqaa gara irraattis ol jedhe akkasii qabaachuun nuuf in barbaachisa.

[27] Inni akka angafoota lubootaa warra kaanii, guyyuma guyyaatti duraan dursee cubbuu ofii isaatiif kana booddees cubbuu sabaaf aarsaa dhi'eessuu isa hin barbaachifne; inni ofii isaa aarsaa godhee, al tokkicha yeroo hundumaaf dhi'eesse.

[28] Seerri namoota dadhaboo angafa lubootaa godhee hojii irra in dhaabsisa; sagaleen inni kakaadhaan dhaga'amee, seericha booddee dhufe garuu, ilma isa bara baraan mudaa malee ta'e hojicha irra in dhaaba.

Ergaa Gara Ibrootaatti Ergame — Chapters