Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:34

[1] Angafni lubootaa tokko, qooda namootaa ta'ee kennaa fi aarsaa cubbuu dhi'eessuudhaaf, namoota gidduudhaa kaafamee hojii nama Waaqayyoo wajjin walitti fiduu irra in dhaabama.

[2] Innis ofii isaatii dadhabbii akkasii jala waan jiruuf, warra wallaalotaa fi warra karaa irraa badaniif beekee, qabaa gaariidhaan isaan qabuu in danda'a.

[3] Sababii dadhabbii jala jiruufis akkuma cubbuu sabaatiif dhi'eessu, cubbuu ofii isaatiifis aarsaa dhi'eessuun isa irra jira.

[4] Akkuma Aaron waamame innis Waaqayyoon in waamama malee, namni tokko illee ulfina angafa lubummaa kana ofiin hin fudhatu.

[5] Kristosis akkasuma angafa lubootaa ta'uudhaaf mataa isaa ol ol hin qabne; garuu Waaqayyo isa, ?Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche!? ittiin jedhe sanatu ulfina kana kenneef.

[6] Iddoo biraattis immoo, ?Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ati bara baraan luba in taata? in jedha.

[7] Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata gara isa du'a isa oolchuu danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef.

[8] Utuma ilma Waaqayyoo ta'ee jiruu immoo, dhiphina isatti dhufe hundumaa keessaa abboomamuu bare.

[9] Inni isa waan hundumaa fiixaan baase ta'ee erga argamee immoo, warra isaaf abboomaman hundumaaf sababii fayyina bara baraa ta'e.

[10] Waaqayyos akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ?Angafa lubaa? jedhee isa waame.

[11] Waa'ee isa dubbatame kanaaf waan jennu baay'ee qabna; garuu wanta dhageessan hubachuutti daagii waan taataniif, ibsuun rakkisaa dha.

[12] Isin yeroo kana barsiisota ta'uuf kan maltan turtan; amma garuu dubbii Waaqayyoo isa gara jalqabaa iyyuu nama hiikee isin barsiisu in barbaachise; qooda nyaata jabaa nyaachuus warra aannan dhuguun barbaachisu taataniittu.

[13] Namni aananiin jiraatu immoo, mucaa waan ta'eef, akka itti Waaqayyo duratti qajeelummaatti jiraatan isa barsiisu hin hubatu.

[14] Nyaanni jabaan garuu kan warra ga'anii ti; warri kun sammuun isaanii hojiidhaan itti bare hamaa fi gaarii gargar baasuu in danda'u.

Ergaa Gara Ibrootaatti Ergame — Chapters