Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:12

[1] Iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf abdichi amma iyyuu waan hin raawwatamin jiruuf, isin keessaa namni tokko illee booddeetti kan hafe fakkaatee akka hin argamnetti, kottaa sodaachaa in eeggannaa!

[2] Misraachoo isuma nutti himametu isaanittis lallabame; haa ta'u iyyuu malee, isaan warra amantiidhaan dhaga'anitti waan hin dabalaminiif, dubbichi dhaga'ame sun isaan hin gargaarre.

[3] Ammas nuyi warri amanne iddoo boqonnaa sanatti in galla. Waaqayyo hojii biyya lafaa uumuu isaatii raawwateera; isaaniin garuu, ?Yeroo dheekkamsa koo sanattis ?Isaan matumaa iddoo boqonnaa kootti hin galan? jedhee kakadheera? jedhe.

[4] Waa'ee guyyaa torbaffaatiif immoo iddoo tokkotti, ?Guyyaa torbaffaatti Waaqayyo hojii isaa hundumaattii boqoteera? jedhameera.

[5] Yeroo dheekkamsa isaatti immoo, ?Isaan matumaa iddoo boqonnaa kootti hin galan? jedhee dubbateera.

[6] Amma warri boqonnaa sanatti galuudhaaf abdii qaban jiru; warri duraan misraachoon itti himame sun immoo sababii amanuu didaniif, iddoo boqonnaa sanatti hin galin hafan.

[7] Kana irrattis immoo Waaqayyo guyyaa ?Har'a? jedhamu tokko in dhaaba; akkuma kanaan dura as keessatti yaadachiifame bara dheeraa booddee karaa Daawit, ?Har'a, sagalee Waaqayyoo yeroo dhageessan, isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa!? in jedha.

[8] Iyaasuun iddoo boqonnaa sanatti utuu isaan galcheera ta'ee, Waaqayyo ergasii waa'ee guyyaa kan biraa hin dubbatu ture.

[9] Egaa boqonnaan Sanbata Waaqayyoo saba isaatiif amma iyyuu kaa'ameefii jira.

[10] Namni boqonnaa Waaqayyootti galu, Waaqayyo hojii isaa irraa akkuma boqote, innis immoo hojii isaa irraa in boqota.

[11] Kanaafis namni tokko illee akka warra sanaa abboomamuu diduudhaan kufee akka hin hafnetti, kottaa iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf in dhamaana!

[12] Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, billaa gar lamaan qarame caalaa qara qaba; inni lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar in baasa, yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in danda'a.

[13] Wanti Waaqayyo uume tokko illee isa duraa dhokachuu hin danda'u; wanti hundinuu saaqamaa ija isaa durattis mul'ataa dha; nus waan goone sababii isaa wajjin isatti himuun nu irra jira.

[14] Egaa angafa lubootaa isa guddicha bantiiwwan waaqaa keessa darbe, Yesus ilma Waaqayyoo erga qabaannee, beeksisa amantii keenyaa jabeessinee in qabanna.

[15] Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu.

[16] Yeroo barbaachisetti akka nu gargaaraniif araara isaa fudhachuudhaaf, ayyaana isaas argachuudhaaf, kottaa ija-jabinaan gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti in dhi'aanna.

Ergaa Gara Ibrootaatti Ergame — Chapters