Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:57

[1] Kanaafis nuyi karaa irraa akka hin gorreef, dubbii isa dhageenye kana caalchifnee yaadaan duukaa bu'uun in barbaachisa.

[2] Dubbiin ergamoota Waaqayyootiin dubbatamee fudhatamaa ta'e, namni isa irra daddarbe yookiis namni isaaf dhaga'uu dide hundinuus adaba isaaf ta'u in argate.

[3] Yoos immoo nuyi fayyina guddaa akkasii isa gooftaan ofii isaatii jalqabatti dubbate tuffannee, attamitti isa jalaa baana ree? Warri isa dhaga'an immoo dubbii kana nuuf cimsaniiru.

[4] Kana irrattis Waaqayyo ofii isaatii milikkitaa fi wanta dinqisiisaa karaa garaa garaas hojii aangoo hojjechuudhaan, akka jaalala isaatti kennaa hafuura qulqulluu hiruudhaan, duukaa bu'ee dhugaa ta'uu isaa mul'iseera.

[5] Waaqayyo biyya lafaa isa dhufuuf jiru, isa nuyi waa'ee isaa dubbannu harka ergamootaa jala hin galchine.

[6] Inni caaffata qulqullaa'aa keessaa iddoo tokkotti dhugaa ba'ee, ?Yaa Waaqayyo, namni maali, akka isa yaadattuuf? Yookiis ilmi namaa maali, akka isaaf dhimmituuf?

[7] Yeroo gabaabaadhaaf ergamootaa gad isa goote, gonfoo guddinaa fi ulfinaa mataa isaa irra keesse;

[8] wanta hundumaa miillan isaa jala galchite? in jedha. Waaqayyo wanta hundumaa harka isaa jala yommuu galche, waan tokko illee isa jala utuu hin galchin hin hambifne; garuu amma illee wanti hundinuu harka isaa jala galuu isaa hin arginu.

[9] Haa ta'u iyyuu malee, isa yeroo gabaabaadhaaf ergamootaa gad ta'ee, dhiphatee du'uu isaatiin, amma gonfoo guddinaa fi ulfinaa mataa isaa irra kaa'ate, Yesusin in argina; kunis ayyaana Waaqayyootiin inni nama hundumaaf du'a miyeeffate akka ilaaluuf ta'e.

[10] Waaqayyo inni wanti hundinuu maqaa isaaf, isaanis jiraatu, ilmaan baay'ee gara ulfinaatti geessuudhaaf akeekeera; kanaafis isa fayyina isaaniitiif sababii ta'eef sana, dhiphinaan, geggeessaa waan hundumaa fiixaan baasuu gochuun hojii isaa ture.

[11] Egaa inni qulqulleessu warri qulqulleeffamanis hundinuu kanuma abbaa tokkoo ti; sababii kanaaf inni qulqulleessu sun ?Obboloota koo? jedhee isaan waamuu hin yeella'u.

[12] Inni, ?Obboloota kootti maqaa kee nan beeksisa, waldaa keessattis sin faarfadha? jedheera.

[13] Dabalee immoo, ?Ani isa nan amanadha?; akkasuma immoo, ?Kunoo ani asan jira, ijoollonni Waaqayyo anaaf kennes as jiru? jedheera.

[14] Ijoollonni kun foonii fi dhiiga akkuma ta'an, inni ?Obboloota koo? jedhee isaan waamu kunis akkuma isaanii ta'e; du'a isaatiin Seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf nama ta'e.

[15] Warra du'a sodaachuudhaan bara isaanii guutuu garbummaa jala jiraatan hundumaa birmaduu baase.

[16] Innoo ergamootaaf utuu hin ta'in, sanyii Abrahaamiif in dhimma.

[17] Kanaafis inni fuula Waaqayyoo duratti angafa lubootaa isa oo'a-qabeessaa fi amanamaa ta'uudhaaf, namoota dhiifamuu cubbuu argachiisuudhaaf, karaa hundumaa obboloota isaa fakkaachuu isa barbaachise.

[18] Inni waan ofii isaatii dhiphatee qoramee arge keessatti, warra qoramni itti dhufu gargaaruu in danda'a.

Ergaa Gara Ibrootaatti Ergame — Chapters