[1] Ammas dubbiin Waaqayyo gooftaa maccaa gara koo in dhufe;
[2] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Ani waa'ee Xiyooniif guddaa hinaafeera, baay'ee aareeras.
[3] Ani Waaqayyo gara Xiyoonitti nan deebi'a, Yerusaalem keessa nan jiraadha; yommus Yerusaalem mandara dhugaan keessa jiru in jedhamti; tulluun koo inni,“Tulluu Waaqayyo gooftaa maccaa” jedhamu tulluu qulqullaa'aa in ta'a.
[4] “Ani Waaqayyo gooftaan maccaa, yommus jaarsolii fi jaartoliin bara dheeraa jiraatanii waan dulloomaniif, dhaabata qabatanii karaa Yerusaalem irratti akka argaman nan godha;
[5] ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa karaa irra guutanii mandaricha keessa in taphatu.
[6] Yeroo sanatti kun hambaa saba kanaa duratti wanta dinqisiisaa yoo fakkaate iyyuu, ana Waaqayyo gooftaa maccaa durattis wanta dinqisiisaa ta'aa ree?” jedhe; kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.
[7] Ammas Waaqayyo gooftaan maccaa,“Kunoo ani saba koo harka warra ba'a-biiftuu fi harka warra lixa-biiftuu jalaa baasee,
[8] Yerusaalem keessa akka jiraataniif achii deebisee isaan nan fida; isaan saba koo in ta'u, anis Waaqayyo isaanii nan ta'a, dhugaadhaa fi qajeelummaadhaan isaan nan bulcha” jedha.
[9] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Isin warri yommuu manni qulqullummaa koo deebi'ee ijaaramuudhaaf hundeen isaa kaa'ame, wanta raajonni dubbatan dhageessan humna jabaadhaatii manicha ijaaraa!
[10] Bara sana dura namaafis, horiifis gatiin dadhabbii isaanii hin turre; namoonni hundinuu walitti akka ka'an waanan godheef, sababii diina isaatiif namni nagaadhaan ba'ee, nagaadhaan galuu danda'u hin turre.
[11] Amma garuu ani haftee saba kanaa irratti akka duriitti hin hojjedhu; ani Waaqayyo gooftaan maccaa kana dubbadheera.
[12] Yommus sanyiin faca'ee nagaatti in guddata, mukti wayniis ija in godhata, lafti midhaan in baasa, waaqnis fixeensa gad in roobsa; ani kana hundumaa haftee saba kanaatiif dhaala godhee nan kenna.
[13] Isin yaa namoota Yihudaa, isin yaa namoota Israa'el, hammuma dur saba biyya lafaa gidduutti abaarsaaf taatanii turtan, amma immoo ani isin nan fayyisa, eebbaafis in taatu; isin humna jabaadhaa malee, hin sodaatinaa!” jedhe.
[14] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Yommuu abboonni keessan na aarsanii na dheekkamsiisan, isin adabuudhaaf murtoo godhee kanan ture, yaada koo akkuman hin geddarin,
[15] amma immoo namoota Yerusaalemiif, namoota Yihudaatiifis wanta gaarii gochuudhaaf murtoo godheera, hin sodaatinaa!
[16] Wanti gochuun isin irra jiru kanatti fufee jira; walii walii keessanitti dhugaa dubbadhaa! Karra kellaa keessanii durattis firdii dhugaa fi firdii nagaa faradaa!
[17] Walii keessan irratti hamaa hin yaadinaa! Sobaan kakachuu hin jaallatinaa! Ani kana hundumaa nan jibba; ani Waaqayyo gooftaan maccaa kana dubbadheera” jedha.
[18] Ammas dubbiin Waaqayyo gooftaa maccaa gara koo dhufee,
[19] “Soomiin ji'a afuraffaa, soomiin ji'a shanaffaa, soomiin ji'a torbaffaa fi soomiin ji'a kurnaffaa namoota Yihudaatiif guyyaa gammachuu fi guyyaa ilillee, guyyaa ayyaana gammachuus in ta'a; kanaafis isin dhugaa fi nagaa jaalladhaa!” jedha.
[20] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Si'achi sabni baay'een, mandara baay'ee keessa warri jiraatanis in dhufu;
[21] warri mandara tokko keessa jiraatan, gara warra mandara isa kaan keessa jiraatanii dhaqanii,“Kottaa dafnee dhaqnee Waaqayyo gooftaa maccaa araara in kadhanna, isa in barbaaddannas” in jedhu; jarris immoo,“Anis nan dhaqa, anis nan dhaqa” in jedhu;
[22] sabni baay'een, sabni jajjaboonis ana Waaqayyo gooftaa maccaa barbaaddachuudhaaf, ana araarfachuudhaafis gara Yerusaalem in dhufu” jedha.
[23] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Guyyaa sanatti saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa namoonni kudhan fiixee uffata nama Yihudii tokko qabanii,“Waaqayyo sii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii wajjin achi in dhaqna” in jedhu” jedha.