[1] Ammas yommuun ol ilaale, kunoo nama funyoo safaraa harkatti baatee dhaabatu tokko nan arge;
[2] yeroo sanatti ani,“Eessa dhaqxa?” jedhee isa nan gaafadhe; inni immoo deebisee,“Yerusaalem hammam akka bal'atuu fi hammam akka dheeratu safaree ilaaluudhaafan dhaqa” naan jedhe.
[3] Ergamaan inni anaa wajjin dubbachaa ture sun yommuu gad ba'e, ergamaan tokko isatti dhufee,
[4] “Fiigiitii dargaggeessicha sanaan,“Yerusaalem sababii namoonni baay'eenii fi horii baay'een ishee keessa jiraataniif mandara dallaan dhagaa itti hin ijaaramne in taati.
[5] Ani Waaqayyo ofii kootii naannoo isheetti dallaa ibiddaa isheedhaaf nan ta'a, ishee keessattis ulfinaaf nan ta'aaf” jedha Waaqayyo” jedhiin!
[6] Waaqayyo,“Ani akka qilleensa golee waaqaa arfaniitti isin tamsaase kanan ture, ba'aa! Biyya gara bitaatii ba'aa kottaa!
[7] Yaa namoota Xiyoon biyya Baabilon keessaa ba'aatii of oolchaa!
[8] Namni isin tuqu agartuu ija kootii tuqa” jedha; kana Waaqayyotu dubbate; Waaqayyo gooftaan maccaa,“Ulfina anaaf kennee saba warra isin saamanitti na ergeera;
[9] kunoo ani harka koo isaan irratti ol nan fudhadha, hojjetoonni isaaniis akka isaan saaman nan godha; yommus Waaqayyo gooftaan maccaa akka ana erge isin in beektu” jedhe.
[10] Waaqayyo,“Isin yaa namoota Xiyoon, kunoo ani dhufee isin gidduu nan jiraadhaatii gammadaa, ililchaas!” jedha.
[11] Guyyaa sanatti sabni baay'een gara Waaqayyoo dhufanii saba isaa in ta'u; innis isaan gidduu in jiraata; yommus Waaqayyo gooftaan maccaa isinitti akka ana erge isin in beektu.
[12] Waaqayyo yommus biyya isa qulqullaa'aa keessaa Yihudaa dhuunfaa isaa in godhata; Yerusaaleminis deebi'ee in fo'ata.
[13] Inni iddoo jireenya isaa isa qulqullaa'aadhaa waan ka'eef, foon-qabeessi hundinuu isa duratti calluma haa jedhu!