Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:50

[1] Daariyos mo'ee waggaa lammaffaa isaatti, waggichattiis ji'a saddeettaffaatti dubbiin Waaqayyoo gara Zakaariyaas raajichaa ilma Baraakiyaa akaakayyuu Iddoo dhufee,

[2] “Waaqayyo, abboota keessanitti baay'ee aareera” jedhe.

[3] Kanaaf Waaqayyo gooftaan maccaa, ati saba kanatti,“Waaqayyo gooftaan maccaa,“Gara kootti deebi'aa! Anis gara keessanitti nan deebi'a” jedhe” jedhii himi! Kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.

[4] Isin akka abboota keessan warra dur raajonni,“Waaqayyo gooftaan maccaa,“Karaa keessan isa jal'aa irraa, hojii keessan isa hamaa irraas deebi'aa! jedha” jedhanii utuma isaanitti himanii, isaan anaaf dhaga'uu, anaaf abboomamuus dhiisan sanaa hin ta'inaa! Kana ana Waaqayyotu dubbate;

[5] abboonni keessan amma eessa jiru” Raajonnis bara baraan in jiraatuu ree”

[6] Garuu dubbiin koo fi seerranni koo warri ani garboota koo warra raajota abboomee ajaje, abboota keessan irratti hin raawwatamnee ree” Ergasiis isaan gara kootti deebi'anii:- Waaqayyo gooftaan maccaa, akkuma dur murtoo godhee turetti nuuf kenne jedhan” jedhe.

[7] Daariyos mo'ee waggaa lammaffaa isaatti, waggichattii ji'a kudha tokkoffaa isa “Shebaax” jedhamutti, ji'ichattiis guyyaa digdamii afuraffaatti, dubbiin Waaqayyoo gara Zakaariyaas raajichaa ilma Baraakiyaa akaakayyuu Iddoo in dhufe.

[8] Ani Zakaariyaas halkan mul'ataan nama farda diimaa yaabbatee taa'u tokko nan arge; inni mukkeetii baala lalisaa qaban gidduu dachaa keessa in dhaabata ture; isa duuba immoo fardeen diddiimoo, boorrii fi adiitu ture.

[9] Yommus ani,“Yaa gooftaa ko, fardeen kun maali?” jedheen gaafadhe; ergamaan inni anatti dubbachaa ture immoo,“Maal akka isaan ta'an ani sitti nan mul'isa” jedhe.

[10] Namichi inni mukkeetii baala lalisaa qaban gidduu dhaabatu sunis deebisee,“Isaan warra Waaqayyo biyya keessa asii fi achi akka adeemaniif ergee dha” jedhe;

[11] isaan immoo ergamaa Waaqayyoo isa mukkeetii baala lalisaa qaban gidduu ijaajju sanaan,“Nuyi biyya lafaa hundumaa keessa adeemneerra, kunoo, biyyi lafaa guutummaatti nagaa fi boqonnaatti akka jiru argineerra” jedhan.

[12] Ammas ergamaan Waaqayyoo deebisee,“Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa! Hamma yoomiitti mandara Yerusaalemii fi mandaroota Yihudaa warra waggaa torbaatama itti dheekkamte kanaaf araara hin deebiftu ree?” jedhe.

[13] Waaqayyo yommus ergamaa isa anatti dubbachaa ture sanatti dubbii gaggaarii fi dubbii jajjabinaa in dubbate.

[14] Ergasii immoo ergamaan inni anatti dubbachaa ture sun dubbii isa Waaqayyo gooftaan maccaa,“Ani mandara koo Yerusaalemiif, Xiyooniifis baay'ee hinaafeera;

[15] ani saba kootti xinnoo ishee aareen ture; saba warra nagaatti jirra of se'anitti garuu guddaa aareera; isaan immoo ittuma dabalanii wanta hamaa in hojjetan.

[16] Egaa ani araaraan gara Yerusaalemitti nan deebi'a, manni koos achitti deebifamee in ijaarama; funyoon safaraas Yerusaalem irratti in diriirfama; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.

[17] “Si'achi mandaroonni koo wanta gaariidhaan in guutu; ani Waaqayyo gooftaan maccaa ammas Xiyoonin nan jajjabeessa, Yerusaaleminis nan fo'adha” jedhee dubbateera” jedhee iyyee akkan labsuuf anatti in hime.

[18] Ammas ani yommuun ol ilaale, kunoo gaanfota afur nan arge;

[19] ani ergamaa isa anaa wajjin dubbachaa jiru sanaan,“Isaan kun maali?” nan jedhe; innis,“Isaan kun gaanfota warra Yihudaa, Israa'elii fi Yerusaalemin bittimsanii dha” jedhee anaaf in deebise.

[20] Kana booddee immoo Waaqayyo namoota sibiila tuman afur anatti in argisiise.

[21] Anis,“Jarreen kun immoo maal hojjechuudhaaf dhufu?” nan jedhe; inni immoo deebisee,“Isaan gaanfota warra akka namni tokko illee mataa isaa ol hin qabannetti namoota Yihudaa bittimsanii dha; jarri sibiila tuman sun immoo warra gaanfa saba warra kaanii, warra biyya Yihudaa irratti ka'anii saba isaas bittimsuu barbaadan sana sodaachisuudhaaf gaanfota isaaniis cabsuudhaaf dhufanii dha” jedhe.

Macaafa Zakaariyaas Raajichaa — Chapters