Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:51

[1] Dubbiin Waaqayyo waa'ee Israa'eliif dubbate kanatti fufee jira; Waaqayyo inni waaqota diriirse, inni hundee lafaa kaa'e, inni hafuura nama keessatti uume,

[2] “Ani kunoo, Yerusaalemiin xoofoo saba naannoo ishee jiran hundumaa gatantarsituu nan godha; yommuu Yerusaalem marfamtu Yihudaanis akkasuma in marfamti.

[3] Yeroo sabni lafa irraa hundinuu Yerusaalem irratti walitti qabaman, ani immoo akka dhagaa ulfaataa ishee nan godha, warri ishee gara galchuu yaalan hundinuus in caccabu.

[4] Guyyaa sanatti ani fardeen hundumaa nan naasisa, abboota fardeenii isaaniis nan maraacha; ani mana Yihudaa nan eega; garuu ija fardeen saba sana hundumaa nan jaamsa; kana ana Waaqayyo gooftaatu dubbate.

[5] Ani Waaqayyo gooftaan maccaa warra Yerusaalem keessa jiraataniif Waaqayyo isaanii waanan ta'eef, geggeessitoonni Yihudaa tokkon tokkon isaanii yaada isaanii keessatti,“Inni jabina keenya” anaan in jedhu.

[6] “Guyyaa sanatti geggeessitoonni Yihudaa akka xuwwee ibiddaa isa qoraan irra tuulamee, akka guca iddoo tuullaa midhaanii keessaa boba'uus akka ta'an nan godha; isaan saba naannoo isaanii hundumaa warra gara mirgaa fi gara bitaa jiran in fixu; Yerusaalem garuu iddoodhuma duriitti in hafti;

[7] ulfinni mana Daawitii fi ulfinni namoota Yerusaalem keessa jiraatanii kan Yihudaa irra akka hin caalletti, ani Waaqayyo duraan dursee dunkaana Yihudaa nan oolcha;

[8] ani Waaqayyo guyyaa sanatti, namoota Yerusaalem keessa jiraatan nan golbooba; isaan keessaa inni dadhabaan illee akka Daawit nama jabaa in ta'a; sanyiin Daawit immoo akka ergamaa kootti, akka koo akka Waaqayyoottis isaan in geggeessa.

[9] Guyyaa sanatti ani saba warra Yerusaalem irratti ka'an hundumaa balleessuudhaaf nan barbaada.

[10] “Ani hafuura araaraa fi hafuura kadhataa mana Daawitii fi warra Yerusaalem keessa jiraatan irratti nan dhangalaasa; isaanis isa waraanan sana in ilaalu, akka nama mucaa tokkichaaf boo'uutti in boo'u, akka nama du'a ilma angafaatiif baay'isee gadduuttis in gaddu.

[11] Guyyaa sanatti boo'ichi guddaan sanyiin isa Hadaad Rimoon dachaa Megidoo keessatti ta'ee sun Yerusaalem keessatti in ta'a.

[12] Namoonni biyyichaa akka maatii maatii isaaniitti in boo'u; maatiin qomoo Daawit kophaatti, dubartoonni isaanii kophaatti, maatiin qomoo Naataan kophaatti, dubartoonni isaanii kophaatti,

[13] maatiin qomoo Lewwii kophaatti, dubartoonni isaanii kophaatti, maatiin Shime'ii kophaatti, dubartoonni isaanii kophaatti,

[14] qomoon warra kaanii hundinuus kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti in boo'u” jedhe.

Macaafa Zakaariyaas Raajichaa — Chapters