Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:29

[1] Bokkaa ji'a birraa akka isiniif kennuuf Waaqayyoon kadhadhaa! Isatu duumessa bokkaa qabuu fi bokkaa tiifuu namootaaf ergee, wanta hundumaaf, lafti biqiltuu biqilchee akka lalisu godhe.

[2] Waaqayyoliin tolfamoon maatii wanta waa'ee hin baafne in dubbatu, warri hooda himanis mul'ata sobaa in argu, abjuu sobaas in himu; isaan akkasumaan nama in jajjabeessu; kanaaf sabni tiksee waan hin qabneef, akka hoolotaa in jooru, in rakkatus.

[3] Waaqayyo,“Aariin koo tiksoota irratti in boba'a, warra dura-buutotas nan adaba; ani Waaqayyo gooftaan maccaa hoolota koo namoota Yihudaatiif nan dhimma, akka farda lolaas isaan nan jabeessa;

[4] sanyii Yihudaa keessaa dhagaan golee, qofoon dunkaanaa, iddaan lolaa fi warri biyya bulchan hundinuu in ba'u.

[5] Isaan walii wajjin akka jagnoota jajjaboo, warra yeroo lolaa diinota isaanii dhoqqee karaa keessaa irratti lafatti dhidhiitanii in ta'u; Waaqayyo isaanii wajjin waan jiruuf, isaan lola keessatti abootii fardeenii in yeellaasisu.

[6] “Ani namoota Yihudaa nan jabeessa, namoota Yoseefis nan fayyisa; ani waanan isaaniif oo'uuf, akka isaanii duriitti isaan nan deebisa; ani Waaqayyo isaanii waanan ta'eef, kadhata isaanii isaaniif nan dhaga'a, akka waanan takkaa isaan hin tufatiniis in ta'u;

[7] namoonni Efreemis akka jagnoota warra jajjaboo in ta'u, akka waan daadhii waynii dhuganiitti garaa isaaniitti in gammadu; ilmaan isaanii kana arganii in gammadu, garaan isaaniis Waaqayyotti in gammada.

[8] Ani milikkitaan waamee, walitti isaan nan qaba; ani dhugumaan isaan nan fura, isaanis akkuma isaanii duriitti in baay'atu;

[9] ani saba warra kaan gidduu utuman isaan facaasee jiruu iyyuu, isaan biyya fagoo sanaa ana in yaadatu turan; isaanii fi ilmaan isaanii in jiraatu, biyyattis in deebi'u;

[10] ani biyya Gibxii deebisee isaan nan fida; biyya Asor keessaas walitti isaan nan qaba; ani biyya Giil'aadii fi biyya Liibaanonitti isaan nan galcha; akkasitti isaan biyyicha keessa in guutu.

[11] Isaan galaana rakkinaa sana keessa in darbu, dha'aan galaanaas isaaniif in abboomama; tuujjubni galaana Abbayyaa hundinuus in goga; Asor ishee of tuultuun gad in deebiti, uleen mootummaa warra Gibxiis in bada;

[12] ani Waaqayyo isaan nan jabeessa, maqaa kootiinis karaa isaanii irra in deddeebi'u” jedha.

Macaafa Zakaariyaas Raajichaa — Chapters