Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:03

[1] Yaa Yerusaalem, kunoo guyyaan Waaqayyoo inni itti wanti si irraa saamame ijuma namoota keetii duratti hirmaatamu in dhufa.

[2] Waaqayyo guyyaa sanatti sabni hundinuu Yerusaalemin akka lolaniif walitti isaan in qaba; mandarattiin in qabamti, manneetiin in saamamu, dubartoonnis in yeellaasifamu; walakkaan namoota mandarattii booji'amanii in adeemu, namoonni warri hafan immoo mandarattii keessaa hin balleeffaman.

[3] Ergasii garuu Waaqayyo gad in bu'a akkuma yeroo lola loluutti saba sana in lola.

[4] Guyyaa sanatti miilli isaa tulluu ejersaa isa Yerusaalem irraa gara ba'a-biiftuu jiru irra in dhaabata; tulluun ejersaas gara ba'a-biiftuuttii gara lixa-biiftuutti, iddoo lamatti gargar in dho'a; walakkaan tullichaa gara bitaatti, walakkaan isaa immoo gara mirgaatti in hiiqa, gidduu isaattis dachaan guddaan in uumama.

[5] Yaa namoota Yerusaalem, isin immoo gara dachaa tulloota koo isa hamma Azelitti bal'atuutti in baqattu; akkuma bara Uziyaa mootii Yihudaatti, socho'a lafaa jalaa baqattan ammas in baqattu; yommus Waaqayyo gooftaan koo in dhufa, qulqulloonni isaa hundinuus isinii wajjin in dhufu.

[6] Guyyaa sanatti ifni, dhaamochi, qorris hin jiru.

[7] Guyyaan biraa tokko in ta'a; isas Waaqayyotu beeka, gaafas yeroo galgalaa'u ifatu ta'a malee, guyyaan hin ta'u, halkanis hin ta'u.

[8] Guyyaa sanatti Yerusaalem keessaa bishaan jireenyaa in burqa; walakkaan isaa gara galaana ba'a-biiftuutti, walakkaan isaa immoo gara galaana lixa-biiftuutti bonaa fi ganna in yaa'a.

[9] Yommus Waaqayyo guutummaa biyya lafaa irratti mootii in ta'a; gaafas Waaqayyo isuma tokkicha, maqaan isaas tokkichuma.

[10] Biyyichis guutummaatti Gebaadhaa hamma Rimoon isa Yerusaalem irraa gara mirgaa jirutti lafa diriiraa in ta'a; Yerusaalem garuu karra Benyaamiinii hamma karra isa duraatti, hamma golee karrichaatti, riqaa Hanaani'elii hamma iddoo cuunfaa daadhii waynii isa kan mootichaatti ol jettee iddoo isheetti in hafti.

[11] Namni ishee keessa in jiraata, si'achis deebitee hin balleeffamtu; bir'aa malees in jiraatti.

[12] Dha'ichi inni Waaqayyo saba warra Yerusaalemin lolan ittiin rukutu kanatti fufee jira; utuma miilla isaaniitiin dhaabatanii dhagni isaanii in tortora, iji isaanii boolluma isaa keessatti in tortora, arrabni isaaniis afaan isaanii keessatti in tortora.

[13] Guyyaa sanatti wanti guddaa isaan naasisu Waaqayyo biraa isaanitti in dhufa; inni tokko isa kaan harkaan in qabata, walis in reebu.

[14] Warri Yihudaas Yerusaalemitti in lolu; badhaadhummaan saba naannoo sanaa hundumaa warqee baay'ee fi meetiin, uffannis walitti in qabama.

[15] Dha'ichi kana fakkaatus fardeen irratti, gaangolii irratti, gaalota irratti, harroota irratti, horii buufata sana keessa jiran hundumaa irrattis in dhufa.

[16] Yommus saba warra Yerusaalemin rukutan hundumaa keessaa warri hafan immoo Waaqayyo gooftaa maccaa isa mootichaaf sagaduudhaaf, ayyaana gordommaas ayyaaneffachuudhaaf, waggaa waggaatti achitti ol in ba'u.

[17] Gosoota biyya lafaa irra jiran keessaa, Waaqayyo gooftaa maccaa isa mootichaaf sagaduudhaaf gara Yerusaalemitti kan ol hin baaneef bokkaan hin roobu.

[18] Gosi warra Gibxiis achitti ol ba'ee hin ayyaaneffatu yoo ta'e, bokkaa hin argatu; Waaqayyo dha'icha isa warra gara Yerusaalemitti ol ba'anii ayyaana gordommaa ayyaaneffachuu didan irratti fide isaan irrattis in fida.

[19] Egaa adabni warra Gibxii fi saba warra achitti ol ba'anii ayyaana gordommaa ayyaaneffachuu didan hundumaa irratti dhufu isa kana.

[20] Guyyaa sanatti bilbila fardeenii irratti,“Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha” jedhamee in caafama; xuwween mana qulqullummaa keessatti waa itti affeelan akka waciitii isa iddoo aarsaa dura dhaabatuutti in ilaalama.

[21] Xuwween Yerusaalem keessaa fi Yihudaa keessaa hundinuu, Waaqayyo gooftaa maccaatiif qulqulluu in ta'u; warri aarsaa dhi'eessuu dhufan hundinuus isaan keessaa muraasa fudhatanii waa itti in affeellatu; guyyaa sanatti warri nagadan mana Waaqayyo gooftaa maccaa keessa deebi'anii hin jiraatan.

Macaafa Zakaariyaas Raajichaa — Chapters