Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:56

[1] Ani ammas yommuun ilaale, kunoo macaafni maramu tokko utuu balali'uu nan arge;

[2] ergamichi immoo,“Inni ati argitu kun maali?” jedhee na gaafate; ani immoo,“Macaafni maramu dheerinni isaa dhundhuma digdama, bal'inni isaa dhundhuma kudhan ta'e tokko utuu balali'uu nan arga” jedhee nan deebiseef.

[3] Inni immoo,“Kun abaarsa isa guutummaa biyya lafaatti dhufuu dha; cinaacha caaffatichaa isa gar-tokko irratti,“Namni hatu hundinuu raawwatee in bada?; cinaacha caaffatichaa isa gara kaanii irratti immoo “Namni sobaan kakatu hundinuu raawwatee in bada” kan jedhutu jira.

[4] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Ani abaarsa nan erga; inni mana isa hatu sanaa, mana isa maqaa kootiin sobee kakatu sanaas in lixa; mana isaa keessatti hafes manicha, muka isaa, dhagaa isaas in balleessa” jedha” jedhe.

[5] Ergasiis ergamichi inni anaa wajjin dubbachaa ture sun dhufee,“Ol ilaali! Inni amma mul'atu kun maal inni?” naan jedhe.

[6] Ani immoo,“Maal inni?” jedhee isa nan gaafadhe; innis,“Kun quunnaa safaraa ti, kun yakka saba guutummaa biyya lafaa ti” jedhee anaaf in deebise.

[7] Kunoo qadaaddiin quunnaa safaraa inni dilalii irraa hojjetame sun yommuu baname, dubartiin tokko quunnaa safaraa sana keessa teessee in argamte.

[8] Ergamichis,“Isheen kun jal'ina” jedhe, ishee immoo quunnaa safaraa sana keessatti gad ishee cuuka'ee, qadaaddii isaa immoo gad itti deebisee jabeessee in qadaade.

[9] Ergasiis yommuun ol ilaale, dubartoota qoochoo isaanii jalaa qilleensa qaban lama fuula koo duratti nan arge; qoochoon isaanii akka qoochoo allaattii hawaannisaa ti; isaan quunnaa safaraa sana fuudhanii qilleensa keessa balali'anii in sokkan.

[10] Ani immoo kana irrattan ergamicha isa anatti dubbachaa ture sana,“Quunnaa safaraa kana eessatti geessu?” jedhee gaafadhe.

[11] Inni immoo deebisee,“Quunnaa safaraa sana gara biyya Baabilonitti in geessu; mana ijaaraniifii, yommuu inni qophaa'u achi keessa in kaa'u” naan jedhe.

Macaafa Zakaariyaas Raajichaa — Chapters