Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:52

[1] Guyyaa sanatti burqaan cubbuuttii, xuraa'ummaattiis isaan qulleessu maatii Daawitii fi warra Yerusaalem keessa jiraataniif in banama;

[2] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Guyyaa sanatti ani maqaa waaqayyolii tolfamoo, biyya sana keessaa raawwadhee nan balleessa, isaanis deebi'anii hin yaadataman; ani raajotaa fi hafuura xuraa'aa biyya sana keessaa nan baasa.

[3] Gaafas namni tokko illee yoo raajii dubbate, abbaan isa dhalchee fi haati isa deesse,“Ati maqaa Waaqayyootiin soba waan dubbattuuf, du'uutu si irra jira” ittiin in jedhu; yoo inni raajii dubbateef, abbaan isa dhalchee fi haati isa deesse isa in waraanu.

[4] “Guyyaa sanatti tokkon tokkon raajotaa, raajii isa mul'ataan argan sanaaf in yeella'u; nama gowwoomsuudhaaf jedhaniis uffata raajotaa isa dabbasaa qabu sana uffachuu in dhiisu;

[5] isaan,“Ani raajii miti! Nama lafa qotuu dha malee, mucummaa kootii jalqabee iyyuu ani lafa qotuun jaalladha” in jedhu.

[6] Yoo namni tokko,“Madaan dhagna keessanii kun immoo maal ree?” ittiin jedhe, isaan immoo,“Mana firoota keenyaatti madoofnee dhufne” in jedhu” jedha.

[7] Waaqayyo gooftaan maccaa, “Yaa billaa, tiksee koo irratti, nama ani amanadhu irrattis ka'i! Hoolonni akka bittimmaa'aniif tiksee rukuti! Ani harka koo warra xixinnaayyoo irratti ol nan fudhadha.

[8] Guutummaa namoota biyyichaa keessaa harka sadii keessaa harki lama rukutamee in dhuma; haa ta'u iyyuu malee, harka sadii keessaa harki tokko isa keessatti in hafa;

[9] harka sadii isa hafe sanas ibidda keessa buusee, akka meetii fi akka warqeetti qoree nan ilaala; yommuu isaan maqaa koo waammatan, ani immoo isaaniif nan dhaga'a; “Isaan saba koo ti” nan jedha; isaanis,“Waaqayyo gooftaa keenya” in jedhu” jedha.

Macaafa Zakaariyaas Raajichaa — Chapters