[1] Ammas yommuun ol ilaale, kunoo, konkolaattonni afur tulloota sibiila borrajjii lama gidduudhaan utuu as ba'anii nan arge;
[2] konkolaataa isa duraa fardeen diddiimootu, isa lammaffaa immoo fardeen gugurraachatu harkisa ture;
[3] konkolaataa isa sadaffaa fardeen adaadiitu, konkolaataa isa afuraffaa immoo fardeen buburreetu harkisa ture; hundumti isaanii ciccimoo turan.
[4] Ergasii ani ergamicha isa anatti dubbachaa ture sana,“Yaa gooftaa ko, isaan kun maali?” jedhee nan gaafadhe.
[5] Ergamichi deebisee,“Isaan kun hafuurota golee bantii waaqaa arfan warra Waaqayyo gooftaa guutummaa biyya lafaatiif ergamantu ba'anii dhufan;
[6] fardeen warri gugurraachi biyya gara bitaa dhaqu, warri adaadiin biyya gara lixa-biiftuu dhaqu, warri buburreen immoo biyya gara mirgaa dhaqu;
[7] fardeen warri ciccimoon yommuu ba'an biyya lafaa irra asii fi achi adeemuu barbaadanii turan” jedhe; fardeen sanaan immoo,“Ka'aatii biyya lafaa irra asii fi achi adeemaa!” jedheen; kana irratti isaan biyya lafaa irra asii fi achi in adeeman.
[8] Kana booddee inni na waamee,“Kunoo, fardeen warri biyya gara bitaa dhaqan kun hafuurri gooftichaa biyya gara bitaa irra akka boqotu in godhu” naan jedhe.
[9] Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
[10] “Heldaayi, Xobiiyaa fi Yedaa'iyaa warra biyya Baabilon biyya itti booji'amanii turanii, deebi'an irraa meetii fi warqee fudhadhuutii gara mana Yosiyaas ilma Sefaaniyaa dhaqi!
[11] Meetichaa fi warqicha fuudhii gonfoo tolchii mataa Iyaasuu angafa lubaa ilma Yozaadaaq irra kaa'i!” jedhe;
[12] Iyaasuudhaan immoo,“Waaqayyo gooftaan maccaa,“Kunoo namni maqaan isaa:- Latii jedhamu tokko as jira; inni iddoo jiru sanatti damee in godhata, Waaqayyoofis mana qulqullummaa in ijaara.
[13] Isatu mana qulqullummaa Waaqayyoof ijaara; inni surraa uffatee teessoo isaa irra taa'ee in mo'a; lubni tokkos teessoo isaa bukkee in jiraata; isaan lamaan nagaadhaan walii wajjin in mari'atu” jedhe;
[14] gonfichis seenaa Heleemiif, Xobiiyaaf, Yedaa'iyaaf, Heen ilma Sefaaniyaatiif mana qulqullummaa isa kan Waaqayyoo keessa in kaa'ama.
[15] Warri biyya fagoo jiran dhufanii, mana qulqullummaa in ijaaru; isin yommus Waaqayyo gooftaan maccaa gara keessanitti akka na erge in beektu; kunis yoo isin guutummaatti sagalee Waaqayyo gooftaa keessaniitiif abboomamtan ta'a” jedhi!