Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:27

[1] Daariyos mo'ee waggaa afuraffaatti, waggicha keessaa ji'a salgaffaa isa “Kisluu” jedhamutti, ji'icha keessaa guyyaa afuraffaatti dubbiin Waaqayyoo gara koo gara Zakaariyaas in dhufe;

[2] warri Bet'el, Shaarezerii fi Regiim-Melekin namoota isaanii wajjin Waaqayyoon araara akka kadhataniif,

[3] “Waggoota baay'eedhaaf gochaa akkuma turre, ji'a shanaffaatti boo'uun, soomuunis nuuf ta'a moo?” jedhanii, luboota mana qulqullummaa isa kan Waaqayyo gooftaa maccaa fi raajota akka gaafataniif in ergan.

[4] Ammas dubbiin Waaqayyo gooftaa maccaa gara koo dhufee,

[5] “Namoota biyyichaa hundumaa fi lubootaan,“Waggaa torbaatama darban keessa ji'a shanaffaatti, ji'a torbaffaattis soomaa, boo'aas yommuu turtan dhugumaan anaaf jettanii soomtanii ree”

[6] Nyaachaa dhugaas yommuu turtan sana ofuma keessaniif nyaachaa, dhugaas turtan mitii ree”

[7] Wanti kun isa ani Waaqayyo karaa raajota warra durii dubbadhee turee dha; yeroo sanatti Yerusaalemii fi mandaroota naannoo ishee turan keessa namoonni in baay'atan, hundumti isaaniis nagaatti jiraachaa turan; akkasumas biyya gara mirgaa fi biyya gaaraa keessa namoonni jiraachaa turan mitii ree?” jedhii gaafadhu!” naan jedhe.

[8] Dubbiin Waaqayyoo ammas gara koo gara Zakaariyaas in dhufe;

[9] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Firdii qajeelaa faradaa, walii keessanittis gaarummaa fi oo'a argisiisaa!

[10] Haadha hiyyeessaa, ijoollee abbaan irra hin jirre, galaa, rakkataas hin cunqursinaa! Garaa keessan keessattis wal irratti waan hamaa hin yaadinaa!” jedhe.

[11] Isaan garuu dhaga'uu didanii, dugda itti gatanii, gurra isaaniis in cuqqaallatan;

[12] isaan garaa isaanii akka dhagaa almaazii waan jabeessaniif, dubbii Waaqayyo gooftaan maccaa hafuura isaatiin karaa raajota durii isaanitti himeef abboommii isaa hin dhageenye; kanaaf dheekkamsi Waaqayyo gooftaa maccaa inni guddaan isaanitti dhufe.

[13] Kana irratti Waaqayyo gooftaan maccaa,“Yommuun isaan waame, isaan anaaf dhaga'uu waan didaniif, anis immoo, yommuu isaan ana waammatan isaaniif hin dhaga'u” jedha.

[14] Ani biyya saba warra kaanii hundumaa lafa isaan itti galaa ta'an keessa bubbee isaan bittimsu isaanitti nan erge; biyyichis erga isaan keessaa ba'anii onaa in ta'e, namni tokko illee keessaa hin ba'u, ittis hin galu; isaan akkasitti biyya gaarii kana onsan.

Macaafa Zakaariyaas Raajichaa — Chapters