Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:46

[1] Yeroo kan biraa immoo Iyaasuun angafni lubaa ergamaa Waaqayyoo dura utuu dhaabatuu, Seexanni immoo isa hammeessuudhaaf gara mirgaa isaa dhaabachaa utuu jiruu inni anatti in argisiise;

[2] yommus ergamichi [Waaqayyoo] Seexanaan,“Waaqayyo si haa ifatu Seexana nana! Waaqayyo inni Yerusaalemin fo'ate si haa ifatu! Namichi kun akka mukukkula ibidda boba'aa jiru keessaa butamee ti mitii ree?” jedhe.

[3] Yeroo sanatti Iyaasuun uffata xuraa'aa uffatee ergamicha dura in dhaabata ture.

[4] Ergamaan sun warra isa dura dhaabatan sanaan,“Uffata isa xuraa'aa sana isa irraa baasaa!” jedhe; Iyaasuudhaan immoo,“Kunoo ani yakka kee si irraa fuudheera, uffata cidhaa immoo sitti nan uffisa” jedhe.

[5] Ergasiis,“Marata qulqullaa'aa mataa isaatti maraa!” nan jedhe; isaanis utuu ergamaan Waaqayyoo achi dhaabachaa jiruu, maraticha mataa isaatti maranii uffata isatti in uffisan.

[6] Ergamaan Waaqayyoo immoo wanta kanatti fufee jiru Iyaasuu in abdachiise;

[7] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Ati karaa koo irra yoo deddeebite, wanta ani si abboomes yoo eegde, mana koo in bulchita, oobdii mana kootii irratti gaafatamaa in taata, warra as dhaabachaa jiran kana gidduus akka jaallattetti akka ati deddeebitu nan godha.

[8] Yaa Iyaasuu angafa lubaa, mee dhaga'i! Hidhanni kee warri sii wajjin as jiranis haa dhaga'an! Isin milikkita wanta dhufuuf jiruu ti; kunoo, dameen Daawit, garbichi koo akka dhufu nan godha;

[9] kunoo, dhagaa isa ani Iyaasuu dura kaa'e tokko irra ija ijoo bishaanii torbatu jira, ani dhagicha irratti caaffata,“Ani guyyaa tokkotti biyya kana irraa yakka ishee nan fuudha” jedhu nan caafa” jedhe.

[10] Waaqayyo gooftaan maccaa,“Guyyaa sanattis tokkon tokkon namaa muka waynii isaa fi muka harbuu isaa jala taa'uudhaaf ollaa isaa in waama” jedha; kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.

Macaafa Zakaariyaas Raajichaa — Chapters