Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:08

[1] Yennaa Hoolichi chaappaa torbeesso’oo bane, ol-gubba’atti gara daqiiqaa soddoomaa cadheessi te’e.

[2] Achiin duuba ani ergantoota Waaqaa torba ta Waaqa dura dhaabbattu dhagge; tultullaan torballe isaaniif kenname.

[3] Ergamaan Waaqaa ka dhibiille girgiraa worqi’iin hujame qabatee dhufee, addee ciincaan itti ciinceffamu bira dhaabbate; innille addee ciincaan itti ciinceffamu ta worqi’iin hujantee barcumaa mootummaa Waaqaa dura jirtu irratti, daadimata worra Waaqaaf woyyoome maraa woliin akka dhiyeessuuf, hixaanni bacaan itti kenname.

[4] Aarri hixaanaalle daadimata worra Waaqaaf woyyoomee woliin harka ergamaa Waaqaa irraa gara fuula Waaqaa ol ka’e.

[5] Ergamaan Waaqaa sunille girgiraa san harkatti qabatee ibidda ciinca’aa itti guutee gad gara lafaa qolaanse; gikkeessi mandiisu’uu, huuruun, balaqqeessi balaqqeetti’iitii fi tacho’i lafaalle te’e.

[6] Achiin duuba ergantooti Waaqaa torba ta tultullaa torba qabateertu tultullaa afuufiisaaf qophootte.

[7] Ergamaan Waaqaa ka qaraa tultullaa ifii afuufe. Dhakaan bokkeyaatii fi ibiddi dhiigaan makame lafatti gad bu’ane; lattille harka sadi keessaa harki tokko gubatte; mukootille harka sadi keessaa harki tokko gubatane; marri bisileelle martinuu gubate.

[8] Ergamaan Waaqaa ka lammeesso’oolle tultullaa ifii afuufe. Wonni akka gaara gudda’aa fakkaatulle ibiddaan gubataa abbaayaa guddo’otti qolaanfame; abbaayaan guddoolle harka sadi keessaa harki tokko dhiiga teete.

[9] Dadaan lubbuu qaddu ta abbaayaa guddoo keessa jirtu, harka sadi keessaa harki tokko duute; hobolooti gugurddootille harka sadi keessaa harki tokko muxuqqi jedhane.

[10] Ergamaan Waaqaa ka sadeesso’oolle tultullaa ifii afuufe. Urjiin guddoon ta akka xassa’aa bobeettu lagoota harka sadi keessaa harka tokkoo fi maddoota bisaaniititti ol-gubbaa irraa buute.

[11] Maqaan urjii saniille, «Hadheesso» jedhama. Bisaanille harka sadi keessaa harki tokko hadhowaa te’e; bisaan hadhowaa waan te’eef namooti hedduun du’ane.

[12] Ergamaan Waaqaa ka arfeesso’oo tultullaa ifii afuufe. Ifi isaanii harka sadi keessaa harki tokko akka dukkanowuuf, ka adu’uu harka sadi keessaa harki tokko, ka ji’aa harka sadi keessaa harki tokkoo fi ka urji’ii harka sadi keessaa harki tokko dhowame; ifi guyya’aa harka sadi keessaa harka tokko, ifi halkaniille harka sadi keessaa harka tokko ifa akka hin kennine dhooggame.

[13] Achiin duuba midhadhee, risaan tokko waaqa keessa koolaan ka’aa qoonqoo guddo’oon, «Ergantooti Waaqaa sadi ta hatte, waan tultullaa afuuttuuf, worra lafa irra le’uuf aanne’e! Aaanne’e! Aanne’e!» jedhaa iyyuun dhage’e.

Mudhii — Chapters