Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:51

[1] Kanaan duuba bineensi tokko abbaayaa guddoo keessaa bayuun dhagge. Bineensi sun gaafa kudhanii fi mataa torba qaba; gaafota ifii irralle’etti kallacha kudhaan, mataa ifii irralle’etti maqoota Waaqa faanshessanu qaba.

[2] Bineensi ani dhagge sun qeeransa fakkaata; miilli isaa ammoo miila doobba’aa fakkaata, afaan isaalle afaan neenqaa fakkaata. Jawween tun hunna ifii, barcumaa mootummaa ifiitii fi baallii ifii guddoo bineensa sanii kennite.

[3] Matoota bineensa sanii keessaa mataan tokkochi madaa ijjeettu waan qabu fakkaata; ammoo madaan sun fayyiteerti. Biyyi duudiin baaseffattee, bineensa san hordote.

[4] Jawween baallii ifii bineensa kanaaf waan kenniteef, namooti isi’iif sagadane; akkasuma bineensa sanille’een, «Ka akka bineensa kanaa jiru eennu? Eentu isa adhiisaaf dande’a?» jedhaa sagadaneef.

[5] Afaan jecha kooraa itiin dubbatuu fi Waaqa ittin fanshessu bineensa saniif kenname; ji’a afurtamii fi lama baalli’iin akka hujuufille eeyyam kenname.

[6] Innille Waaqa, maqaa Waaqaa, addee ulfaattuu Waaqi le’uu fi worra ol-gubbaa keessa le’u faanshessiisaaf afaan banate.

[7] Akka inni woyyoota lolee injifatuuf hunni isaaf kennante. Gosa, kolbaa, afaanii fi gosa biyya adda addaa mara irralle’etti baalliin kennanteef.

[8] Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru’uu ka Hoolicha qalamee keessatti hin barreeffamin, namooti lafa irra le’anu marti bineensa saniif hin sagadan.

[9] Nami gurra qabu dhage’uu ti!

[10] Nami booji’amu, hin booji’ama; nami goraade’een ijjeefamu goraadumaan ijjeefama. Ciniinnatanee ossiisaa fi addatamiisi kolbaa Waaqaa yenna tana barbaachitti.

[11] Achiin duuba bineensi dhibiin lafa keessaa bayuun dhagge. Akka hoole’ee gaafa lama qaba, ammoo akka jawwe’ee dubbate.

[12] Inni maqaa bineensa qaraatiin baallii guutu’uun hujiisatti jiraayyu; lafaa fi worri isii irra le’anu maraa, bineesa qaraa ka madaa ijjeettu irraa fayye akka waaqonfatanu godhe.

[13] Kolbaa duralle’etti haga ibidda ol-gubbaa irraa gad gara lafaa buusiisaatitti bilbaasa gugurddaa huje.

[14] Maqaa bineensa qaraatiin bilbaasa akka hujuuf baalliin waan kennanteertuuf, worra lafa irra le’anu wollaalchise; bineensa goraade’een madayee, ammoo ka lubbuun jiruuf, fakkii akka dhaassisanuufille ajaje.

[15] Fakkiin bineensa qaraa dubbatiisa akka dandeettu hafuura akka isi’iif kennuu fi worra fakkii tanaaf hin saganne maraa akka ijjeessisuuf baalliin keennante.

[16] Akkasuma diqqa’aa fi guddaan, dureessii fi hiyyeessi, gootta’aa fi garbichi marti harka middicha irratti yookiin adda ifii irratti beessisa akka godhatanu hunnaan tolche.

[17] Beessisa bineensa qaraa ka maqaa isaa yookiin laakkossa maqaa isaa mudhisu, yoo ifi irraa qabaate malee, nami tokkolle bitatu’uu fi gurguratuu akka hin dandeeneef akkasi tolche.

[18] Wonni tun qarummaa barbaaddi. Laakkossi kun laakkossa namaa waan te’eef, nami qalbii qabu maraa laakkossa bineensa kanaa herregee bira gewuu ti; laakkossi isaalle, dhibba jaa fi jaatamii fi ja.

Mudhii — Chapters