Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:10

[1] Achiin duuba beessisa gudda’aa fi kancira te’e tokkolle ol-gubba’atti dhagge. Ergantoota Waaqaa ta balaa muumme’ee torba qabateertu dhagge; mufiin Waaqaa isaaniin waan muummottuuf, ka muumme’ee jedhamane.

[2] Ammalle waan ibiddaan makameeru ka abbaayaa daaw’iti’ii fakkaatu tokko dhagge; worra bineensa, fakki’ii fi laakkossa maqaa isaa injifateerulle, cinaa abbaayaa sanii dhaabbataneeranuun dhagge. Isaanille kiraara guddicha Waaqa biraa kenname qabatanee,

[3] faaruu garbicha Waaqaa ka Muuse’eetii fi Ka Hoolichaa faarfatanee, «Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, hujiin teeti guddo’oo fi baasa! Ati mootii gosa biyya adda addaa, karaan keeti qajeela’aa fi dhuga’a!

[4] Gootta’a! Nami si hin sodaanne, ka maqaa keetille hin guddinne eennu? Si calla’attuu woyyicha; hujiin teeti balchittiin waan mudhatteef, gosi biyya adda addaa mara dhufee, si’iif hin sagada» jedhane.

[5] Kanaan duuballe’etti waan dhibii dhagge. Galmi Waaqaa ka ol-gubba’aa, ka dunkaanii dhugaa bayaa jedhamu baname;

[6] ergantooti Waaqaa ta balaa torba qabateertu, Galma Waaqaa keessaa gadi bayane; isaan woyaa quncee talba’aa irraa hujante, adii calalaxxu uffatanee qoma ifiille hidhata worqi’iitiin hidhataneeran.

[7] Achiin duuba dadaa lubbuu qaddu afur keessaa tokkochi, qorii worqi’ii torba ta mufii Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin guutanteertu, ergantoota Waaqaa torba sanii kenne.

[8] Galmi Waaqaa sunille aara ulfinnaa fi hunna Waaqaatiin guutame; haga balaan torba ka ergantoota Waaqaa torbaa muummottutti, eennulle gara Galma Waaqaa seeniisaaf hin dandeenne.

Mudhii — Chapters