Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:54

[1] Kanaan duuba ergantooti Waaqaa arfan, moggaa lafaa arfanuu dhaabbatanee, akka lafatti yookiin abbaayaa guddo’otti, yookiin muka kamille’etti qileensi hin dhoonne, qileensa maddii arfanii dhoogganuun dhagge.

[2] Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin ka chaappaa Waaqa jiraata’aa qabu gara aduun baatuun dhufuun dhagge; innille, ergantoota Waaqaa arfan, ta akka lafaa fi abbaayaa guddoo miidhanuuf baalliin isaanii kennanteen, qoonqoo ol qabatee,

[3] «Adda tajaajiltoota Waaqa keenaatti haga chaappaa dhoonnu, lafa yookiin abbaayaa guddoo, yookiin mukoota hin miidhina’a» jedhee iyye.

[4] Ani laakkossa worra chaappaan itti dhowameelle dhage’e; worri gosa Israa’elii mara keessaa chaappa’aan dhowame kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afur.

[5] Gosa Yihudaa keessaa kuma kudha lama, gosa Ruubenii keessaa kuma kudha lama, gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama,

[6] gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama, gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama, gosa Minaase’ee keessaa kuma kudha lama,

[7] gosa Shimi’oonii keessaa kuma kudha lama, gosa Lewwi’ii keessaa kuma kudha lama, gosa Yisaakorii keessaa kuma kudha lama,

[8] gosa Zebuloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yoseef keessaa kuma kudha lama, gosa Beniyaaminii keessaa kuma kudha lamatti chaappaan dhowame.

[9] Kanaan duuba gumiin bindillaan ta nami tokkolle laakkowee hin dandeenne gosa biyya adda addaa mara keessaa, gosa mara keessaa, kolbaa maraa fi afaan adda addaa mara keessaa dhufane dhaabbataneeranuun dhagge; isaan woyaa adii uffatanee, baala meexxi’ii harkatti qabatanee, barcumaa mootumma’aatii fi Hoolicha dura dhaabbataneeraniiyyu.

[10] Isaan qoonqoo guddo’oon, «Fayyinni Waaqa keenna ka barcumaa mootumma’aa irra tee’eeruu fi Hoolicha biraa dhaggama!» jedhanee iyyane.

[11] Ergantooti Waaqaa martinuu naannoo barcumaa mootumma’aa, maanguddootaatii fi dadaa lubbuu qaddu arfanii dhaabbataneeraniiyyu; barcumaa mootummaa Waaqaa duratti addan gad gombifamanee Waaqaaf sagadanee,

[12] «Ameen! Waaqa keennaaf leelloon, guddinni, qaruun, galanni, ulfinni, hunnaa fi jabeenni bara baraa haga bara baraa te’u! Ameen!» jedhane.

[13] Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, «Worri woyaa adii uffateeru kun eennu fa’a? Eessaa dhufane?» jedhee na gaafate.

[14] Anille, «Goottaa kiyya, si’ittuu beeka» jedheen. Innille, «Isaan worra rakkinna guddaa keessaa bayanee dhufane; woyaa ifiille dhiiga Hoolichaatiin dhiqatanee addeeffataneeran.

[15] Tanaaf isaan barcumaa mootumma’aa ka Waaqaa dura dhabbatanee, halkanii fi guyyaa Galma Waaqaa keessatti isa tajaajilan; ka barcumaa mootumma’aa irra tee’eerulle dunkaana ifii isaan gubba’atti hin diriirsa.

[16] Haganaan achi hin beelowanu; deebi’aneelle hin dheebotanu, aduun isaan hin dhoottu, o’i finiinaalle isaan hin gubu.

[17] Sababille, Hooleen odduu barcumaa mootumma’aa jiru tissee isaanii hin te’a; gara madda bisaan jiru’uulle isaan hin geessa. Waaqille ila isaanii irraa imimmaan mara hin haqa» anaan jedhe.

Mudhii — Chapters