[1] Achiin duuba ergamaan Waaqaa laga bisaan jiru’uu, ka akka cabbi’ii calalaqu, barcumaa mootummaa Waaqaatii fi Hoolichaa irraa yaa’uun anatti mudhise.
[2] Lagi sunille hodhicha guddicha qachaa sanii wodhakkaa lola’iisatti jiraayyu. Laga san gamaa fi gamana muki jiru’uu jira; muki kun wogga’atti yennaa kudha lama waan midhaan buusuuf, ji’uma ji’aan midhaan irraa dhaggama. Baalli muka kanaalle ka gosi biyya adda addaa ittiin fayyitu.
[3] Haganaa achi wonni Waaqaan abaaramu tokkolle achitti hin dhaggamu. Barcumaan Waaqaatii fi Hoolichaa qachaa san keessa jiraata; tajaajiltooti isaalle isa waaqonfatan.
[4] Isaan fuula isaa hin dhaggan, maqaan isaalle adda isaanii irratti hin jiraata.
[5] Haganaa achi halkan hin jiraatu; Waaqi Goottaan ifa isaanii waan te’uuf, ifi issa’aa, yookiin ifi adu’uu isaaniif hin barbaachisu. Isaan bara baraa haga bara baraatitti hin mooyan.
[6] Ergamaan Waaqaalle, «Jechooti kun ka addatamanee fi dhugaammeyyi’i. Waaqi Goottaan Ayyaanota raagotaaf kennu, waan dhiyo’otti te’u, tajaajiltoota ifiititti mudhisiisaaf, ergamaa ifii ergeera» anaan jedhe
[7] Yesuusille, «Kunoo, ani dafee hin dhufa; nami jecha raagaa, ka kitaaba kanaa eeggatu, ka badhaadhe» jedhe.
[8] Ka waan kana dhage’ee fi dhagge, ana Yohaannis. Yennaa waan kana dhaggee fi dhage’e, ergamaa Waaqaa ka waan kana anatti mudhiseef sagadiisaaf, miila isaatitti gadi jige.
[9] Inni ammoo, «Lakki! Waan akkasii godhuu hin qaddu! Ani si’ii fi obboleeyyan teeti raagotaa fi worra jecha Kitaaba kanaa eeggatu maraa woliin tajaajila’a; Waaqaaf sagadi» naan jedhe.
[10] Itti dabaleelle, «Yennaan waan geetteertuuf, jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa chaappa’aan hin cufin.
[11] Ka hantuu huju, ittuma hujuu ti; battichille ittuma battawuu ti; balchaalle ittuma balchoomuu ti; woyyichille ittuma woyyoomuu ti» jedhe.
[12] «Kunoo, ani dafee hin dhufa! Nama tokko tokkoofuu gatii akkuma hujii isaatitti kennulle qabadheera.
[13] Alfa’aa fi Omeegaan, ka duraatii fi ka duubaa, ka jalqabaatii fi ka muumme’ee ana.»
[14] Muka jiru’uu irraa midhaan nyaatiisaa fi karaa karraatiin gara qachaa sanii seeniisaaf, akka haqa qabaatu, worri woyaa ifii dhiqatu ka badhaadhe.
[15] Worri sareeleen, worri xanu, sagaagaltooti, worri nama ijjeesu, worri waaqa dharaa waaqonsu, worri dhara jaallatuu fi sobu mara ammoo alatti hafa.
[16] «Akka dhugaa baya tana isiniif kennuuf, ani Yesuus ergamaa kiyya wolde’oota kiristaanaatiif ergeera; ani hiddaa fi sanyii Daawwitii ti; ani bakkalcha bari’ii ifaalessa.»
[17] Ayyaanaa fi waajibittiin, «Koyi» jedhan; ka dhage’ulle, «Koyi» jedhuu ti; ka dheebote mara dhufuu ti; ka barbaadulle mara bisaan jiru’uu toluma fudhatuu ti.
[18] Ani nama jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa dhage’u mara ifi eeggachiisa; eennulle jecha kana irratti waan tokkolle yoo ede’e, Waaqi balaa Kitaaba kana keessatti barreffame isatti ede’a;
[19] eennulle jecha raagaa ka Kitaaba kana keessatti bareeffame keessaa waan tokkolle yoo dhidhise, Waaqille muka jiru’uutii fi qachaa woyyicha Kitaaba kana keessatti barreeffamane keessaa qooda isaa dhidhisa.
[20] Ka waan kana dhugaa bawu, «Ee, dafee hin dhufa» jedha. Ameen! Goottaa Yesuus, koyi.
[21] Badhaadhi Goottaa Yesuusii, kolbaa Waaqaa woliin jiraatu. Ameen!