[1] Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin hunnaamessi ol-gubbaa irraa gadi bu’uun dhagge. Inni duumensa maratee, mataa ifii irratti hiituu Waaqaa qaba; fuulli isaa aduu fakkaata; miilli isaalle utuboota ibiddaa fakkaata.
[2] Inni Kitaaba mara’aa diqqaa banameeru harkatti qabateera; miila ifii middicha abbaayaa guddoo irra, miila bitaacha lafa irra keyate;
[3] qoonqoo guddoo ta akka neenqa dhangaa dhoowuutiin iyye. Yennaa inni iyye mandiisuun torba qoonqoo ifii dhageessitte.
[4] Yennaa mandiisuun torba mandiite, ani barreessiisaaf qophoyeeraayyu; ol-gubbaa irraa ammoo, «Waan mandiisuun torba dubbatte cufii gadha’atti qabadhu malee, hin barreessin» qoonqoo jettu dhage’e.
[5] Kanaan duuba ergamaa Waaqaa ka abbaayaa guddo’oo fi lafa irra dhaabbateeruun dhagge sun harka ifii middicha gara ol-gubba’aa ol kaase.
[6] Innille maqaa Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin, ka ol-gubba’aa fi waan isii keessa jiru, ka lafaa fi waan isii keessa jiru, ka abbaayaa guddo’oo fi waan isii keessa jiru dadeetiin kakatee, «Yoona hin turu!
[7] Guyyoota ergamaan Waaqaa ka torbeesso’oo tultullaa ifii afuufutti ammoo, akkuma inni raagota tajaajiltoota ifiititti mudhisetti dhossaan Waaqaa hin muummotti» jedhe.
[8] Achiin duuba qoonqoon ani ol-gubbaa irraa dhage’e tuun ammalle, «Dhaqiitii harka ergamaa Waaqaa, ka abbaayaa guddo’oo fi lafa irra dhaabbateeru irraa, Kitaaba diqqicha mara’aa, ka banameeru fudhadhu» jettee natti dubbatte.
[9] Anille gara erganticha Waaqaa dhaqee Kitaaba diqqicha mara’aa san akka anaaf kennu gaafadhe; innille, «Fudhadhuu nyaadhu! Inni afaan keeti keessatti akka dammaa hin mi’owa, gadhaa keeti keessatti ammoo hin hadhowa» naan jedhe.
[10] Kitaaba diqqicha san harka ergamaa Waaqaa irraa fuudhee nyaadhe; afaan kiyya keessatti akka dammaa mi’oye; nyaadheen duuba ammoo gadhaa kiyya keessatti hadhowe.
[11] Achiin duuba, «Ati marroo kolbaa adda addaa, marroo gosa biyya adda addaa, marroo afaan adda addaatii fi marroo mootota adda addaa raaga dubbatuu qadda» jedhamee natti himame.