[1] Ergantoota Waaqaa torba ta muduunuu torba qaddu keessaa tokkochi dhufee anaan, «Koyi, muraa sagaagaltittii gudditti’ii, ta bisaan hedduu irra teeteertuu sitti mudhisa.
[2] Moototi lafa tanaa isii woliin sagaagalteerti; worri lafa irra le’ulle daadhii woyini’ii ta sagaagala isi’iitiin machoyeera» jedhe.
[3] Achiin duuba ergamaan Waaqaa sun gara lafa goomole’ee Ayyaanaan ana geesse; achille’etti dubartiin takka, bineensa diimaa ka nafi isaa duudiin maqoota faansho’ootiin guutameeru, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabu irra teeteertuun dhagge.
[4] Dubartittiin sun woyaa dhiille’ee fi diintuu uffattee, worqii, dooqaa fi dhakaa gatii guddo’oo naqattee, ifi seefateerti; harkalle’etti muduunuu worqi’iin hujante, ta waan diqachiisuu fi battii sagaagala isi’iitiin guutanteertu qaddiiyyu.
[5] Maqaan dhossa’aa ka, «Baabiloonii gudditii, haadha sagaagaltootaatii fi battoota lafaa» jedhu adda isi’ii irratti barreeffameera.
[6] Dubartittiin sunille, dhiiga woyyootaatii fi dhiiga dhugaa baatota Yesuusiitiin machooteertuun dhagge; ani yennaa isii dhagge akka malee baaseffadhe.
[7] Achiin duuba ergamaan Waaqaa, «Maaf baaseffatta? Dhossaa dubartitti’iitii fi bineensa isiin irra teetteertuu, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabuu san, ani sitti hima.
[8] Bineensi ati dhaggite sun duri jira, amma ammoo hin jiru; boolla qilee keessalle’ee ol bayee, gara badii ifii hin deema. Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru’uu keessatti hin barreeffamin, worri lafa irra le’anu akka bineensichi duri jiru, amma ammoo akka hin jiraatin, deebi’eelle akka dhufu, yennaa dhagganu hin baaseffatan.
[9] «Wonni tun qalbii qaruu qaddu barbaaddi; mataan torba sun gaara torba dubartittiin irra teettu; isaan sunille mootota torba.
[10] Isaan keessaa shan jiganeeran; tokkochi hin jira, ka dhibiin haga ammaa hin dhunne; yennaa dhufu ammoo yennaa diqqoo qofaaf turuu qaba.
[11] Bineensi duri jiru, ka amma ammoo hin jirre sun, mooticha saddeetesso’oo ti; innille mootota torba san keessaa tokko; gara badi’iille hin deema.
[12] «Gaafi kudhan ati dhaggite sun, mootota kudhan ta haga ammaa mootummaa hin fudhatin; te’uu malee sa’aatii takka’aaf, bineensa san woliin mootota te’anee mooyiisaaf baallii hin fudhatan.
[13] Isaan yaada tokko qaban; hunna ifiitii fi baallii ifii bineensa saniif hin kennan.
[14] Isaan Hoolicha hin lolan; Hoolichi ammoo Goottaa goottotaatii fi mootii moototaa waan te’eef, isaan hin moowata. Worri isa woliin jiru, worri waamame, worri filamee fi worri addatamelle isa woliin hin moowata» jedhe.
[15] Ergamaan Waaqaalle anaan, «Bisaan hedduun sagaagaltittiin irra teetteertuun ati dhaggite sun kolbaa hedduu, namoota bindillaa, gosa biyya adda addaatii fi afaan adda addaa ti.
[16] Bineensii fi gaaf kudhan ati dhaggite sun sagaagaltittii san hin jibban; isaan isii onsanee qullaa lakkisan; foon isi’ii hin nyaatan, ibiddalle’een isii hin guban.
[17] Haga Jechi Waaqaa muummawu, karoora isaa akka muummessanuu fi yaada tokko te’anee baallii ifii bineensa saniif akka kennanuuf, ka yaada kana gadhaa isaanii keessa keye Waaqa.
[18] Dubartittiin ati dhaggite sunille, qachaa akka malee guddaa te’e ka mootota lafaa irratti mootomu» jedhe.